Search This Blog

Showing posts with label |Walaloo/Peom|. Show all posts
Showing posts with label |Walaloo/Peom|. Show all posts

5/31/2024

“ HARMEE ”

“ HARMEE ”

~

Coqorsikoo utuu hin margin 

Ol jechuukoo utuu hin argin 

Uumaan akka sin fudhanne banee hulaa 

An ilmikee harka raaseen boo’aa bula!

Kanumaafan‚ 

Jiruukoo’sa dhagaa qocaa 

Ciruudhaafan karaa boca.

Addakootiin gaara dhoosaa 

Galmakoottan faana loosa!

Ta’us garuu‚...

Bo’oon namni lukaan ce’u naaf hurufa

Dooniin kaaniif dhagaa fe’u na urgufa.

Orma cinaaf lafa ejjechuun waan salphaadha

Na arginaan irri dachii naaf talbaadha!

Akka kanaan yoo carraankoo na dheessitu

Shaxeen gaabbii yoo dirrakoo madeessitu‚...

Sagaleekee sana baqa

Suuqa keessaan suuqa soqa!

Hangakeetti caba eeltee cabaa nyaachaa

“Maal rakkatte?” naan jechuunkee na maraacha!

Kanaafidha kan faannikoo  si baqattu

Malee ‘aayyo’ bar yaadnikoo sin dagattu!

Yaa deesseekoo‚...!

Siif milkiinkee kadhatnikee waariif guyyaa

Fayyaa ta’ee nagaan bahee galuu kiyya!

Anaaf garuu hiikni guutuun milkaa’uudhaa

Hanga boosse bakka boontu si kaa’uudha!

Nan amana‚...

Guyyaa keessaa jabaa tokko guyyaa guddaa 

Cidha milkiif gaafan waamu qomoo hundaa 

As gahuukoof akka taate lafee dugdaa‚...

Nan lallaba; nan mammaaka sitti marmee 

Hangasitti‚... kadhannaakee cimsi ‘harmee’!

Madda: Aga Guda NL  

5/25/2024

Kanaa'ol (Walaloo)

Gaaf heddu,

Kobbeen buta waraqaan fida

Jechi na dida

Gaaf heddu,

Waliinan gaha kobbeef waraqata

Kanin barreesse garaa na hanqata

Gaaf gaaf,

Jecha qaba

Humnan dhaba

Gaaf gaaf,

Fedha qaba

Jechan dhaba

-

(Kana dura dhimmeera)

Eessumarraa eegalee eessattimee goolabu?

Maal fa’aa tatarreessee dhugaakee katabu? 

(Kana booda dhiiseera)

Waanan jedhee hinfixne kankee hin jalqabu!

Ati, 

hin akkeeffamtu 

hin fakkeeffamtu 

hin barreeffamtu

Jechaan ni dhibamta

Jireenyaan himamta!

Kanaa'ol (Walaloo)

4/18/2024

Dhagawuun dadhabe

Dhagawuun dadhabe

. . .
Innis… natti himuu jalqabe
Anis…gurran itti qabe…..
* * * * *
“…..Attam ture wantisaa….., attam turee laataa?
Bishaan harkaa baadheen nan muge fakkaata
Irriba fokkistuu; irribi kaleessaa
Dhagaa gubbaa taa’ee abjuu natti odeessa
Marga gubbaa taa’een gurrakoo itti qeensa;
Huurrii fi aara woyii mataatti na aguugaa
Haadhakoo gudeedee abbaakoo ajjeese; wabiif harki dhiiga
Utuman kana arguu saamunaa dhaaf bishaan baadheen jala fiiga
Hoo abbaa kootii…jedheen baqachuu dhaaf fiiga
Nan fachisan jedhaa, irreetu na laafaa, hantuutootu na muga
Kan akka koo hin jiru, namni qalbiin deegaa.
Yammuun rafee ka’u, narra ijaajjee kolfa
Haadhakoo gudeedee abbaakoo ajjeesee inno ammayyuu inkolfa
Isanni natti kolfu, anis duukaan kolfa
Uggum yaa anaa kanaa, nama qalbiin hoffaa!”
* * * * *
Maali hin qaanawuu maalo, kana yeroo natti himu
Du’ee biyyoo hanyaatu qileen haa dhidhimu
Dhagawuun dadhabe
Iddoosaan qaanayee, mataan gad-nacabe
Maal namni hin qaanofne…kana natti odeessaa?
Du’ee biyyoo ha nyaatu salgan namaa keessaa.

22.11.2017
Helsinki/Finland


4/15/2024

Yaadannoo Goototaa

MAALIIN IJA SI GUUTU?

(Gaaffii qalbiinkoo jalaa hinbaane, ilmoon namaa ilmoo namaaf waan gochuun itti ulfaatu garuu muraasni raawwatanii sammuu namaa keessatti gaaffii guyyuu kan uuman, yaadannoo irra ce'ee gaaffiiwwan uumaman keessaas waggoottan kurnan darbaniif gola miirakoo keessa kan naanna'e, gatiin ba'e tasa akka hin taaneef luugama yookaan mil'annaa adeemsakoo ittiin akeeku gaaffii namoomaa, walaloo ‘maaliin ija si guutu?’ jedhu kanaanin tuquuf yaale. Gatiin Oromoomaaf ba'e, ba'aa jiru guddaadha.)
*
Maaliin ija si guutu!?
-
Maqaakoo dhahattee,
fiigdee baate manaa
Of hin mararsifanne,
aarsaa taate anaa!
-
'Guduunfaakee furu malee,
an takka hin gammadu'
Inni ati naan jette,
garaa kootii hin badu.
-
Addunyaa na kabajju,
na badhaasuuf jettee
Osuma ifaajjuu,
kichummaan hiddamte
Namummaaf miidhamte
Saanduqatti hidhamte.
---
Mil'uukee achi fagoo,
dhugaa si dammaqse
Harki sammuun dhiphoo,
dhiibee afaan si maqse
Kaayyoo si hanqise
Kaachookee hambise.
-
Akkuma warra kaanii
Jettee dhimma isaanii
Hin cufanne afaani!
Jiruukee achi haatee,
Quuqqaa lammiif kaatee,
Rirmi qorqee si nyaate.
(A'aa)
-
Lapheen nama gaddeef,
harki haatee sin fuutuu
An karaatti ati hafteef,
maaliin ija si guutuu?
* * *
Wareegamaaf
2016
Guyyaa yaadannoo goototaa
04/15/2024

3/31/2024

𝐀𝐚𝐲𝐲𝐨𝐥𝐢𝐢𝐟 𝐠𝐮𝐦𝐚𝐚𝐭𝐚!

𝐀𝐚𝐲𝐲𝐨𝐥𝐢𝐢𝐟 𝐠𝐮𝐦𝐚𝐚𝐭𝐚!

Harmeeko deessseeko –
Dandeessuu guddisaa
Imimmaan fuulakeewo –
Natu sirraa qoorsaa
Hinbooyin haadhakoo –
Imimmaanke lolaafte
Lolaa imimmaankeetiin –
Garaa na rooraaftee!
--
Joortuuko yaa deessuu –
Toltuu haadha firaa
Na duraa hinraafamin –
Rabbituu nuuf jiraa
Waan baay’ee ilaaltee –
Garaanke moogofte
Rakkoon biyya lafaa –
Namarraa si looftee!
Akka madda lagaa -
Imimmaan lolaaftaa
Anoo ofin dadhabee –
Maaf garaa naraafta?
--
Akka hardhaa mitiim –
Boru bayyaannadhe
Anis akka namaatti –
Toorarra dhaabadhee
Naman sifakkeessa –
𝐑oorroo sirraa cabsee
Hinbooyinkaa maalo –
Harmeeko yaa obse!
--
Yaa guduunfattuuko –
Sabbata uumamaa
Yaa kaleessituukoo –
Situ naaf arjoomaa
Yommuu ati boochu –
Onneenko naboo’e!
Imimmaanke duukaa –
Qalbiinko boora’ee
Imimmaanke dhiiga –
Dhiiga haadhummaati
Jiruukoof situ hiikaa –
Maalo hinbooyinka ati!
__________ /___________
𝐀𝐚𝐲𝐲𝐨𝐥𝐢𝐢𝐟 𝐠𝐮𝐦𝐚𝐚𝐭𝐚!




3/18/2024

karaatti na dhiistee...!

 Dhugaan si jaaladhee

si'iin yakkamuunkoo
Badii tokko malee
si'iin shakkamuunkoo
Alaabaa jaalalaa
Maqaakeen dhaabuukoo
waltajjii onnee kootti
si qofaa waamuunkoo
Onnee dhiiga cobdeef
hirqee arganuunkoo
ija imimmaan roobse
si'iin ganamuunkoo
Amanuu dadhabee
sagal mil'achuukoo
garba gaabbii seenee
bahuuf miixachuunkoo
Oofkaltii na dhorke.....
Ulfa Xurree keenyaa
shiran gatachiistee
utuun galma hin geenye
karaatti na dhiistee!
Marsii D Faajjiitiin


3/17/2024

Dur...

Dur...

Damma-holqaa muuxanna
Durillee durattillee
Ija mukaa sooranna
Dhamdhamnee walii fillee
Inqooxoofi goosuu
Damma xuuxxoofi goraa
Bosona keessaa coranna
Mukni jaalalaan hora
Muka ixaanaa fuunfachaa
Bu'anna ija arbuu
Amma hunduu dhangaggaa'ee
Jabanni didde darbuu
Rigaa mi'eessaa murree
Ilkaan rigachuun hafee
Silaa kan mukaa wayya
Kan namaa nyaanne lafee
Dhaga'uu dharraanekaa
Tapha weenniif qamalee
Qalbiidhaan rarraanekaa
Waca simbiraaf gar-malee
Raawwata hawwiin keenya
Takka bubbula malee
Gumaa kadhachuu hinoolu
Yeyyiin hoolota qale
Firiif gaaddisa waliin
Sanyiin mukaa haafufu
Qacceen namaas hincitin
Latee borutti haalufu
Barri hadhaaye darbee
Barri mi'aawu haadhufu!



2/21/2024

Baallii

Wal qabatoo akka -gaarren Himaaliyaa

Warra duudhaa -warra abbaa biyyaa
.
Warra gadaan shanii - warra garaan tokkoo
Qe'ee ardaa jilaa - gumii Me'ee Bokkoo
.
Wirtuu Dimokraasiiti -madda qaroominaa
Oromummaan faaya; Gadaan quufaa gabbina!
.
Qilleensi baraa -sin hin raasiin!
Bineensi addaan -sin hin baasiin!
.
Addaafi Addunyaa -isiniif haa laatu!
Amajaajni keessan -habaqii haa taatu!
.
Akka laga Abbayyaa -guutaa dambali'aa
Fagaadhaa qaari'aa -lafa yaaddan ga'aa
.
Halaalaa mul'adhaa -akka urjii gaalessaa
Isiniif haa laatu -umrii harraagessaa!



Woluman Urgesa
Feb 21/2024

1/14/2024

Imalticha

 Imaltichi, lafa fagoo

Hin hidhanne, galaa qoonqoo.
Willee golaa - mashaaqula
Hin qicanne, bishaan tolaa.
Harka qullaa, maaliif ka'ee?
Eboo gatiin, qaalii ta'ee?
Ulee okkoon, qaanii ta'ee?
Manaa ba'uu, ga'uu se'ee?

 

Kunootika, talbaajja'ee
Dheebuun qabnaan, karaa ba'ee
"Bishaan" jechaa, laga bu'e.
Dhugee, guutee garaatti
Dhufee bu'ee karaatti.

 

Xiqqoo deemnaan - laf-muraasa
Beelli "any" goote - marrumaansaa.
Achi ilaalee - ganda fuullee
"Midhaan" jechaa, it'qajeele.

 

Mana guddaa, dallaa qabu
Gaafa goree, karra dhiibu
Edaa jarri, saree qabu.
Sareen warraa, tokko dunnaan
Namicha'rraa, qalbii fuunaan
Gooftaa saree, dhaba ulee
Jeeja garaa, naasuun qolee
"Uu... uu" jechaa, ximbiriire.

 

Dheebotee bishaan yaadate
Beela'ee galaa yaadate
Baqatee ulee yaadate.
Imaltichi, talbaajja'u
Dadhabu'llee, galma ga'uu
Dhiistee hin beektu, aduun dhi'uu.


 

1/10/2024

Si haa galatu!

"Mannikee gubbaa gaaraa 

tabbakee maaltu baha

Guddaa hunda gararraa 

ammakee maaltu gaha?"

.

Jedhanii si leellisu 

kitilli seelotakoo 

Arjummaakee weeddisu 

kutaaleen qaamotakoo

.

Si jaju, siif ijaajju

Si saadu, si kabaju

.

Gaarummaakee mararfatu

Waaqummaakee maganfatu

.

Ka darbeef si jajatu,

Egereef  si abdatu!

Si haa galatu☺🙏

© Woluman

So funny

 What a meme?

popular posts