4/15/2024

Yaadannoo Goototaa

MAALIIN IJA SI GUUTU?

(Gaaffii qalbiinkoo jalaa hinbaane, ilmoon namaa ilmoo namaaf waan gochuun itti ulfaatu garuu muraasni raawwatanii sammuu namaa keessatti gaaffii guyyuu kan uuman, yaadannoo irra ce'ee gaaffiiwwan uumaman keessaas waggoottan kurnan darbaniif gola miirakoo keessa kan naanna'e, gatiin ba'e tasa akka hin taaneef luugama yookaan mil'annaa adeemsakoo ittiin akeeku gaaffii namoomaa, walaloo ‘maaliin ija si guutu?’ jedhu kanaanin tuquuf yaale. Gatiin Oromoomaaf ba'e, ba'aa jiru guddaadha.)
*
Maaliin ija si guutu!?
-
Maqaakoo dhahattee,
fiigdee baate manaa
Of hin mararsifanne,
aarsaa taate anaa!
-
'Guduunfaakee furu malee,
an takka hin gammadu'
Inni ati naan jette,
garaa kootii hin badu.
-
Addunyaa na kabajju,
na badhaasuuf jettee
Osuma ifaajjuu,
kichummaan hiddamte
Namummaaf miidhamte
Saanduqatti hidhamte.
---
Mil'uukee achi fagoo,
dhugaa si dammaqse
Harki sammuun dhiphoo,
dhiibee afaan si maqse
Kaayyoo si hanqise
Kaachookee hambise.
-
Akkuma warra kaanii
Jettee dhimma isaanii
Hin cufanne afaani!
Jiruukee achi haatee,
Quuqqaa lammiif kaatee,
Rirmi qorqee si nyaate.
(A'aa)
-
Lapheen nama gaddeef,
harki haatee sin fuutuu
An karaatti ati hafteef,
maaliin ija si guutuu?
* * *
Wareegamaaf
2016
Guyyaa yaadannoo goototaa
04/15/2024

No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame Madda suuraa, Olaanii Ita'aa Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oro...

popular posts