Mimmiliqxuu jechoota dubbiifi Makmaaksa
Manni kee karaa duraa bira darbarreef malee, Malli kee dhagaa uraa situ hin hubanneef malee!
Gabaa kaleessaa Shureen maal odeessaa? Nama alagaa keessaa, nama lammii hin qabneef cupheetu obbolleessa.

Iji jaarsaa durba ilaaluu, ija durbaa immoo qara ilaaluu, mee hubadhaa kana ilaalaa!

Tulluun lafaa wajjin, toluun walii wajjin, kofoon sirbaa wajjin, niitiin dhirsaa wajjin, kittaan qomaa wajjin, haasaan yeroo wajjin, kooraan fardaa wajjin, kooruun qomoo wajjin...
๐ฌ๐บ๐ฝ๐ฝ๐: Manguddootaa ๐ฎ๐๐๐๐๐ ๐๐!
* * * * *
๐ฌ๐ ๐ช๐ฌ๐ ๐ ๐ช๐ฒ๐ !
Kan caaluttan ba'a jettee mancaatuutti baate, kan waaq namaaf kaa'e cululleen hin fuudhattu!
Jaartii dhibeen mataa murachiise ormi misirroo se'a!
Jiguu gufuutii fi du'a hiyyeessa namni hin dhaga'u!
Indaaqoon yaada malee nyaatan yaadatan baallee qabdi!
Ijoolleen jaldeessaa amalaan hin bultuu fuulaan hin heerumtu!
Hiyyeessa yeroo iddoo dhowwaatu dhuufuu itti buusa!
Harmatu lama malee aannan tokkichuma!
Harki waaqni kute hin latu!
Hin qabnu hin haaddannu jette qaaqeen!
Gurri biqila jette niitiin!
Keessummaan goorduuba argatte diinqa kajeelti!
Lafa nama dhibe ammaa amma qaqqabatu!
Lafa beekanitti saawwa yaasu!
๐ฌ๐บ๐๐บ๐บ๐ ๐ป๐บ๐๐บ๐๐บ ๐ป๐บ๐บ๐๐, ๐ซ๐๐ป๐ป๐๐๐ ๐ป๐บ๐๐บ-๐พ๐๐พ๐ ๐ป๐บ๐บ๐๐!
Gอaอrอaอaอnอ Tอaอaอjอjอaอbอaอ hอiอnอ qอaอbอnอeอ Hอeอeอxอoอoอ bอaอlอaอqอqอaอmอtอiอ!

Madda: Abdiisaa Tummee !
