๐๐๐ฒ๐ฒ๐จ๐ฅ๐ข๐ข๐ ๐ ๐ฎ๐ฆ๐๐๐ญ๐!
Harmeeko deessseeko โ
Dandeessuu guddisaa
Natu sirraa qoorsaa
Hinbooyin haadhakoo โ
Imimmaanke lolaafte
Lolaa imimmaankeetiin โ
Garaa na rooraaftee!
--
Joortuuko yaa deessuu โ
Toltuu haadha firaa
Na duraa hinraafamin โ
Rabbituu nuuf jiraa
Waan baayโee ilaaltee โ
Garaanke moogofte
Rakkoon biyya lafaa โ
Namarraa si looftee!
Akka madda lagaa -
Imimmaan lolaaftaa
Anoo ofin dadhabee โ
Maaf garaa naraafta?
--
Akka hardhaa mitiim โ
Boru bayyaannadhe
Anis akka namaatti โ
Toorarra dhaabadhee
Naman sifakkeessa โ
๐oorroo sirraa cabsee
Hinbooyinkaa maalo โ
Harmeeko yaa obse!
--
Yaa guduunfattuuko โ
Sabbata uumamaa
Yaa kaleessituukoo โ
Situ naaf arjoomaa
Yommuu ati boochu โ
Onneenko nabooโe!
Imimmaanke duukaa โ
Qalbiinko booraโee
Imimmaanke dhiiga โ
Dhiiga haadhummaati
Jiruukoof situ hiikaa โ
Maalo hinbooyinka ati!
__________ /___________
๐๐๐ฒ๐ฒ๐จ๐ฅ๐ข๐ข๐ ๐ ๐ฎ๐ฆ๐๐๐ญ๐!
Madda: Jรตรดrรกรค Jaarrร รฅ