1/30/2024

 

Makmaaksa Saree

Saroonni durii kun makmaaksa hin galchitu. Kan ammaa dutuu sodaatti. Guyaa tokko sareen hannaaf ganda dhaqxe. Amala manatti ishee baretu gandaan dhaqe. Qe'ee adiyyoo argattee balbalaan seentee boroon baate. Waan manni qabu hunda to'atte. Hamma dandeessu nyaattee isa hafe balleessite. Waan garaanshee yaade hunda milkiin xumuruusheef gammaddus, dhumarratti waan hin eegiintu ishee mudate. Abbaa manaatu itti dhufe. Dafee cufaa balbalaa gadi deebise. Amma egaa lafa seenuu barbaadde. Laftis gadi ishee fudhachuu dide; waaqnis ol fudhachuu dide. Lamaanuu garaa itti jabaatan.

Balbalaa hanga diinqaatti manni babbadeera. Aannan gadi naqame. Qodaa danuutu caccabe. Mi'a manaa meeqatu fuunfatame. Walumaa galatti manni kabaja dhebe. Aariin abbaa manichaa ishee irratti boba'aa jira. Tu'us lubbuu baasee harka of xureessuu caalaa waan tokko murteesse. Waan isheen  bara jiraattu hunda ittiin saalfattu, godaannisa itti tolchuu yaade. Adabbii balleessaa ishee madaalu ta'uu baatus saroonni waarri hafan akka irraa barataniif jedhee eegee quum'ootti (ol-maxxansee) irraa kute. Sana booda ulaa banee gadi dhiise.

Eegee kutamuun fafa. Kanaa mannaa baatee gala dhabuu wayya ture. Garuu lubbuu oolfachuuf amma kotteenshee danda'e xaarteetti. Ximbiriirtee qe'ee baatetti deebite. Mana warrashee geenyaan gaaffiin itti baay'ate. Du'a ooluun waan tokko. Ta'us eegeen hin jiru. Hunduu waanuma eegeeshee raaja. Maaltu akka ishee mudate baruuf hundi gaaffii baay'ifnaan akkana jettee makmaate: 

"Anis hin hafne; Mannis hin hafne. Iddoodhaanin gahe; iddoodhumaan na gahani" jette jedhama.

What I mean is: "Kofal laughs at herself" 


Narrated by: Woluman Urgesa
Photo Credit: Generated by AI



So funny

 What a meme?

popular posts