6/21/2023

Namummaa

Namummaa...

Seeqxee... sesseeqxee

Suuta suuta na seente.
..
Ruuqa hin dhoksitu
Seeqa hin obsitu!
- Ilkaanshee -
Jirbii reef guurame caala addaata
Akka ija misiraa waluma fakkaata.
Qulqulluuf sirrataa
Kolfuudhaaf mijataa!
.
Waqtii garaagaraa
Yeroon argu mara
Hidhiishee jalaan ilkaan addeessiti
Bifashee magaala biiftuu fakkeessiti
Fuulaan ni washeeqxi,
Ilkaan toleen seeqxi,
Qalbii fayyaa jeeqxi
Akkasiin..
suuta suuta na seentee,
Nafa nafa naan deemte!
Lapheekoo dhiibbataa seeqnishee haleelee
Akka loltuu booji'amaatti wajjinan qajeele..
Faanaan mana galee
Faaraan faana imale!
...
Ay kolfashee,
Ormaaf hin sarmitu
Anaan hin falmitu.
Ay anaa...
Otoon ifa ilkaanshee eeguu,
Hidhiishee argee hinbeeku!
Otoon ilaalee miira'uu ilkaanshee addaatu
Hubadhee hin beeku waan miilli fakkaatu!
Isheenis barteetti waanin ani fedhu
Yeroo na agartu hidhiin gadin jedhu!
...
Duubarra dhuftee sesseeqaa kokkolfaa
Naman beeku keessaa taate tokkoffaa
Dubbiin ilkaaniin ka'e
Madda hariiroo ta'e
Nu lachuun deeggaramee
Walitti dhufuun eegalame.
...
Oolee bulee,
Sodaan eegale
‘‘Otoo ilkaanshee cabee bor akkamin ta'a!’’
Isa ilkaan dhabdurra miira koofan yaadda'a
Anis jaaladheef boqodhee hin rafne
Shakkiin qalbii kootiis naaf hin hafne
Waan fagootti ilaaleen miirrikoo boora'ee,
Ilkaan hakiimni dhaabeef qalbiinkoo roora'e!
Inni na waxale akka qacceedhaa,
Ilkaan ishee nam-tolcheedha!
Ay anaa,
Ilkaaniitti of darbadhee
Namummaan dagadhe!
Waan har'aa jaaladhee,
Waan boruu irraanfadhe!
Qaamni...danaan:-
Bulee urgufama
Cabee buqqifama
Umuriit suntuursa
Haalatu garboomsa
Aduutu harcaasa
Qorratu dachaasa
Dhibeetu laaffisa
Balaatu naaffisa
Namummaan garuu
Umriin hin suntuuru
Danaan ijji ilaalu
Qalbii keessaa hin caalu
Jaalachuun gaarummaadha.
Jaalannaan namummaadha!
* * *
2023
Cabaraa




So funny

 What a meme?

popular posts