10/01/2026

Fiit-awuraarii Bantii Gooroo (Goota Baddaa Jibaat)

Fiit-awuraarii Bantii Gooroo eenyu?

Fiit-awuraarii Bantii Gooroo jedhama. Seenaan isaa hedduu hin himamne, barruufi kitaabni wayee isaa caqasu maxxanfamee hin argine (tarii yoo jirate nan barbaada) marsariitiiwwan akka wikipedia irratti hin caqafamne. Haa ta'u malee goonni kun oolmaa guddaa biyaaf oole qaba. Seenaan isaa dhaloota darbanirraa dhaloota ammaatti afaanumaan daddarbaa jira. 

Ofii goonni kun eenyu? Eessatti dhalate? Maal hojjate? Seenaa isaa maanguddootaafi namoota gara garaa irraa odeeffadhe akkasumas maddoota muraasa wabeeffadhe haala kanaa gadiitiin qindeesseera.

Eenyummaa fi Iddoo Dhalootaa
Fitawrari Bantii Gooroo goota dhalootaan Oromoo ona Jibaat (Jibat), ganda ykn araddaa Alii Osoo'tti dhalate. Haala seenaa isaa keessatti ibsameen, namni kun bifa magaala bareedaa kan qabu, akkaataa dhiirummaa fi qophina isaatiin "risaan(eagle) adda miti" jedhamee kan faarfamudha.
Gootummaa fi Loltuu Fardaa
Dirree lolaa fi qindeessummaa waraanaa keessatti, Bantii Gooroo akka abbaa waraanaa fardaan loluu fi goota cimaaatti leellifama. Goota fardaan lolu, abbaa waraanaa cimaa, dhiirummaa dandeettii addaafi collumma/qophina risaa waliin wal fakkaatu qabu jedhamee himamaaf. Gaafa inni meeshaa waraanaa ittiin loluun (Beeljigiidhaan) diina barbadeessu gootummaansaa baay'ee leellifama ture.
Waayee goota kanaa yeroo himan akkas jedhu:
  • "Kan goofareen Odaa fakkaatu"
  • "Kan sinnaarri mudhii nyaatu; kan beeljigiin gateettii nyaatu" (meeshaa fi hidhannoof kan dacha’e)
  • "Kan gaachanni ciqilee nyaatu; kan ijjannoon faana miilaa nyaatu" jedhamuun abbaa fardaa jagna ta’uun isaa dhalootaaf faarfamee dabrera.
Seenaa Waraanaa (Yeroo Faashistii Xaaliyaanii)
Yeroo waraana Faashistii Xaaliyaanii, mootichi Haile Selassie I biyya dhiisee gara Ingiliziitti yoo baqatu, Fitawrari Bantii Gooroo garuu biyya dhiisee hin baqanne. Bosona Jibaat fi Roggee akksumas igiggiraa Laangannoofi sulula Laga Gibbee dahoo godhatee faashistoota xaaliyaaniifi warra jalee (baandaa) lolee jilbeenfachisaa ture. Tooftaa riphee-loltummaatti fayyadamuun:
  1. Loltoota isaa qindeessee Xaaliyaanii fi jalee ishee irratti haleellaa jabaa geessisaa ture.
  2. Naannoo Jibaat ka’umsa godhachuun, murna finciltoota (patriots) ittisa biyyaa gaggeessan keessatti akka abbaa waraanaatti beekamuu danda'eera.

Haala Wareegama Isaa

Gaafa tokko Bantiin guyyaa guutuu lola irra oolee galgala gara qe'eesaa Oosootti yeroo galaa turetti, loltoonni Xaaliyaanii basaastota (baandaa)'n akeekamanii riphanii isa eeggatan. Yeroo inni andaara dhayiisaatii gahu rasaasa akka bokkaa itti roobsan. Sana booda morma muranii mataasaa fudhatanii deeman. Kana qofaan hin dhiifne. Haadha-manaasaa kan galaa qopheessiteefi loltee lolchiisaa turte, maqaanshee Boggaalach Wandimmuu Wadaajaa jedhamtu rasaasaan harma tokko irraa kutan.

Maddi seenaa isaa irra caalaatti afoolaa fi faaruu gootummaa saba Oromoo naannoo Shawaa Lixaa keessatti dhalootaa dhalootatti daddarbaa dhufe irratti hundaa'a.

Maddoota muraasa: 
- Odeeffanoo Afaanii (Namoota naannoo irraa)
- https://web.facebook.com/share/p/18bDXFiEry/ (Terefe Bedada Etansa)
 )
- https://web.facebook.com/share/p/19MLPhhX2R/ (Jabeessaa Galoo)






Fiit-awuraarii Bantii Gooroo (Goota Baddaa Jibaat)

Fiit-awuraarii Bantii Gooroo eenyu? Fiit-awuraarii Bantii Gooroo jedhama. Seenaan isaa hedduu hin himamne, barruufi kitaabni wayee isaa caqa...

popular posts