Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (kutaa 2ffaa)
1. "Yaa Laalo sila naaf gootanii,
Lukaan baqataa...!" 





jedhe Dammaqaa Lataa (Abbaa Muluu)
...
2. Isin isinuma!"
jedhe Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa.

...
3. "Asis garagali; achis garagali; qe'eenoo kankeetii!"
jedhe Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa.

.
4.
"Raafuu intala namaatuu nyaadheen galee, kaasi na duraa!"
jedhe Abbaan Mararaa (Abdiisaa Margaa)


.
5. "Ittuma siqi Wayyeessaa yaa kormakoo!"
jedhe Abbaan Furgaasaa /Xuurii Qalbeessaa/

.
6. "Ilaa inni fardakoo nyaate isa kana!"
jedhe Waaqumaa Gurmeessaa (Abbaa Lassee)

.
7. "Yaa gooftotakoo ishii kanammoo Abbaa Daaleetu isinitti dabale"
jedhe Abbaan Furgaasaa/ Xuurii Qalbeessaa/

...
8. "Irroo yaa abbaa Xurunaa
Itti beekta durumaa!"
jedhe Xurunaa Irreensoo (Abbaa Booraa)

...
9. "Irranaatu jedhemoo isa irranaatu jedhe?" jedhe Abbaan Mikkir.
.
10.
"Booqiteen omaa si finciluu didde mitii Abbaa Addunnaa?" Jedhe Dhiyanaa Dabalaa(Abbaa Cirrii)

.
11. "Omaa shish na hingoonee, buqqurii namatti qabi Gaddisee" jedhe Abbaan Addunnaa ( Itichaa Bifeessaa)
12. “Uffata akka abbaatti hodhu"
jedhe Ulfaataa Hirphasaa (Abbaa Gaatoo)

.
13. "Durattoo wayiifii, ammammoo maaliifi?"
jedhe Abbaan Taliiloo (Tolawaaq Magarsaa)

.
14. Duruu nan tolchee reenfatti fokkoruu!" jedhe Alamuu Injiguu (Abbaa Tarrafaa)
.
15. "Sagal sagal dhugnee nu qaqqabi!" Jedhe Dabaree Miidhaksaa.
...
16. "Isa qabuun 'dhabe' hinjedhani; hiyyeessaan 'dadhabe' hinjedhani; 

qotee qabatee karra warra Abbaa Firaa, Firoomsaa duraa nama hindhabani; gooroo Laaloo taa'aniimmoo jecha hindhabani!"
Haadha Qophee/ Doshoo
.
17. "Eeguma Abbaa Booqee dideeyyuu, Waaqni hincaamu!"
jedhe Shallamaa Tasammaa (Abbaa Ayyalaa)
