1/29/2024

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (Kutaa 1ffaa)

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (Kutaa 1ffaa)

1. “Caboon maquma kooti
Cabittiitu cabsa kooti
Kan cabittii naan jette
Iddoo torbatti cabi
Ogeessa torba dhaqi
Torbanuu manaa dhabi
Siin jedheera Abbaan Gabii!"๐Ÿ˜๐Ÿ˜๐Ÿ˜
๐Ÿ‘‰(Injiguu Badhaasaa /Abbaa Gabii❩
2.“Kottee sangaa diimaa
Kottee sangaa diimaa
Yaa Abdiisaa Margaa,
Qoteet namaaf dhiisa!"๐Ÿ˜
Jette qamaleen yaa'a Saarfajjii๐Ÿ’๐Ÿ’
๐Ÿ‘‰❨Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa❩
3. "Gaafa hiyyeessi hindaaqqoo bitate, amma ishii jalaa ajjeesutti Waaqni rafee hinbulu." ๐Ÿ”๐Ÿฅบ๐Ÿฅบ
๐Ÿ‘‰❨Abarraa Ciibsaa)
4. ๐Ÿค"Cuucii hindaaqqoo firfaarii biddeenaatiin guddatteefi ijoolleen barakaa bunaa mi'eeffatte,๐Ÿ™‹‍♂️ gaafa keessummaan dhufe manaa nama baafti."๐Ÿ˜๐Ÿ˜
๐Ÿ‘‰ (Abarraa Ciibsaa)
5. "Biddeen dhabaaf malee, itti-nyaata dhabaaf jedhee eenyutu mana namaatti galee beeka?“๐Ÿ•ด
๐Ÿ‘‰ ❨Abarraa Ciibsaa❩
6. ๐Ÿ• "Sareen itti-nyaataan nyaattii kan akkatti kaattu!" ๐Ÿ˜•
๐Ÿ‘‰❨Abarraa Ciibsaa❩
7. "Bunni intala namaa
Shiinum lama lama!" ☕️☕️
❨Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa)
8. ๐Ÿค “Labuuttan gala malee laguuttan gala na seetee!"๐Ÿ˜
๐Ÿ‘‰Waaqumaa Gurmeessaa/Abbaa Lassee
9. "Erga bokkaan caamee dondaa naaf fiddaa?“ ๐Ÿ– ๐Ÿ˜•
๐Ÿ‘‰ ❨Dassee Injiguu/Abbaa Boruu❩
10. " Boru sargii kootii, ani asiin ibidda qaqqaammadha!"๐Ÿค 
❨Hirphaa Injiguu/Abbaa Lassee❩





No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

The Cobra Effect

The Cobra Effect and the Rat Effect are closely related ideas in economics and public policy. Both describe situations where well-intended...

popular posts