11/16/2023

Gaafan si waliin jiraadhu

 Gaafan si waliin jiraadhu

Aangoo Waaqaa narra keessa
Innimmoo
Na hunukuree na fageessa
Hennasan...
Tolan sii ulfaa'a
Ammuman sii da'a!
Ammuman siif du'a
Ammuman siif ka'a!
Ammoo.....
Ammuma na hiita
Ammuma na hiikta
Amma na gadhiistee
Amma natti fiigda
Amma na dhukkubda
Amma na utubda
Amman siif dhibama
Amman siin dhiqama
Amma mirga baatta
Ammuma dirqama.
Amma na deemsifta
Amma na deebifta
Hennas
Amma nyaadheen amma sooma
Ama qarameen amma dooma
Amma jiraadheen amma du'a
Amma muudameen amma bu'a
Oh...Atii...
Hin argamnee na laalchista
Hin yaadamnee na yaachisata
Hin nyaatamnee na nyaachista
Hin baatamnee na baachista
Garuu maaliif
Gola Waaqaaf lafaa hunda na laalchista?
Dhugaa natti laattee dubbii na doorsista?
Maaliif?

So funny

 What a meme?

popular posts