8/15/2023

Ergaa jabduu

Ergaa jabduu

Jaarsi umriin isaa deeme tokko ilma isaanii tokkicha mana hidhaa jiruuf xalayaa barreessu. "Yaa ilma koo akkuma beektu bara kana Moosee fi Timaatima facaasuu hin dandeenyu. Sababni isaas ani humnan ittiin lafa kana qotu waanin hin qabneefi. Otuu ati jiraattee garuu akka na gargaartu sirrittan beeka" jechuun barreessanii erganiif.
Ilmi jaarsa kanaas xalayaan kun akkuma isa bira ga'een dubbisee "Lakki yaa abbaa koo abadan maasii sana qotuuf akka hin yaalle. Sababni isaas qarshiin hatee ittiin hidhame lafa san keessan awwaale" jedhee barreessun deebisee ergeef. Xalayaa abbaafi ilmi waliif ergan hordofaa kan turan poolisonni xaalayaa kana erga dubbisanii booda gara lafa sanaa deemun qarshii sana barbaaduf jecha maasicha guutuu isaa qotan. Garuu qarshii jedhame otuu hin argatin deebi'an.
Guyyaa itti aanu ilmi abbaaf xalayaa barreesse. "Abbaa koo amma Moosee fi Timaatima facaasuu ni dandeessa. As taa'ee wantin siif gochuu danda'u kana qofa" Abbaanis deebisee "Ilma koo ati jagna akka taate sirrittan beeka. Achi teessee Poolisii fi jalee isaanii ergitee lafa naaf qochisiisteetta. Jedhi egaa gaafa Sassaabbin isaa ga'emmoo deebiseen siif barreessa" Jedhanii erganiif.
Hubadhu: Yaa obbolee! Haallifi wantoonni qaama kee hidhuu danda'u garuu yoomiyyuu sammuu kee hidhuu hin danda'an. Hidhaa sammuu jala teessee hidhaa qaamaf falmuu kee dhiisun sammuu kee bilisoomsi. Sammuun bilisa ta'e, qaama hidhame hiikuuf itti hin ulfaatu.




So funny

 What a meme?

popular posts