5/13/2023

Quba harka koo✋

Quba harka koo✋ 

Nii hajoofte jedhee
kamiin keessaa kutu
yaa quba harka koo
hedduu na marartu
.
Oggaa baay'attanii
wal maddii gortani
nyaapha kabaltanii
biyya'rraa qoltani
.
Hardha maal taatanii
wal ilaaltu cookkoo
ormi'yyuu ni beeka
hundeen keessan tokko
.
Qubeellaa yoo ta'e 💍
kan abbaa carraati
gaarii waliif yaadaa
wal gaaduu dhiisaatii!

October 24, 2019G.C

No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

How to explain agentic AI to your leadership team

  How to explain agentic AI to your leadership team It's not one, single tool. It's layers of capability. Here are 5 levels that wil...

popular posts