Kana Beektuu Laata?
Imala Hawaa
Saffisni_ifaa sekondii tokko keessatti naqa 25 ol dacheetti marsa.(mudhii lafaarra). Diyaameetirri lafaa naannoo mudhii lafaatti 12,756 KM qofa yemmuu taโu ifni ammoo sekondii tokko keessatti gara 300,000 KM saffisuu dandaโa. Bara_ifaa tokko jechuun ammoo fageenya ifni waggaa tokko keessatti haxiixuu dandaโu jechuu dha. Ifni fageenya inni waggaa tokko keessatti imaluu dandaโu, dimshaashumatti yemmuu shallagamu: gara KM 9,461,000,000,000(Tiriiliyoona_Sagalii_fi_Biiliyoona_dhibba_afurii_fi_Jaatamii_tokkoo)ti.
Amma ituu kaatanii xiyyaara hawaa kana keessa saffisa_sekondii_tokkotti_bara_ifaa_tokko eegee dhaabee furguggifamuu dandaโu qabaattanii jennaan konkontanii yaabbattanii, silaa:
> Sekondii 1 keessatti Sirna_Soolaarii (Biiftuu fi pilaanetotashee salgan) keessaa baatanii lafasaa walโaaltu. Sekondii 20 keessatti urjii guddichaa fi baayโee calaqqisaa Siiriyees jedhamu kan ifni isaa Biiftuu keenyatti dachaa 25 ol naannaโuufi guddinaanis gara dhibbeentaa 170% olii kan Biiftuu keenya caalu ceequu keessan irratti ilaaltu.
>Daqiiqaa 30 ituu hin guutin, urjii Kaansar_99e jedhamee beekamu, kan guddinnisaa dachee keenyatti naqa lama taโuu fi Daaymandii irraa hojjetametu fuula keessan duraa achii as isinitti calaqqisa. Achi geenyaan Biiliyeenerummaan xaba taโeetu hiyyoomuun ulfaataa taโa.๐
Dadhabdanimoo imala itti fufnuโฆ.?
Kaansar_99e- Urjii_Daayimandii irraa akkuma nama dhiyoo gaโee deebiโuu Doonii_Hawaa keessan sekondii tokkotti bara ifaa tokko deemu yoo yaabbattanii kaatan, daqiiqaa 10 keessatti, urjii Keepler_22b jedhamuu fi jireenyaaf mijataa taโuu mala kan saayintistoonni jedhanii tilmaamanitti baatu.
Dubbii keenyarratti, teknooloojii amma qabnuun, urjii kana bira imallee gaโuuf waggaa kitila 10 ol nutti fudhata. Lafarraa ennaa saโa 6 ituu addaan hin kutin xiyyaara keessan saffisa isaarraa kan kaโe, sagaleesaa malee bifti isaa hin argamneen ximbriirtan, Gaalaaksii keenya Milkii_Weey jedhamee waamamu keessaa baatu. Gaafa gara-galtanii ilaaltanis, โBakka dhalootakoo, qeโeekoo, manakoo, mandarakoo lafa hiddi handhuuraakoo itti awwaalame!โ jettanii mararteen Milki_Weyii ilaaluun garaan isin raafama. Hammuma ol-fagaachaa deemtan, qeโeen keessan isinitti xiqqaataa deema waan taโeef.๐
Imala wal irraa hin cinne jiโa tokkoo booda, Gaalaaksii ollaa keenyaa Andiroo_meedaa_gaalaaksii kan jedhamutti baatu. Waaโeen nama โKaraa dheeraa deemtee dhuftee, gorii taaโii buna dhugi!โ isiniin jedhu argachuu, moojiree! Gaalaaksiin kun gaalaaksii keenya caalaa baayโee guddaafi urjiiwwan triiliyoonaan lakkaโaman qaba. Yoo ijibbaattaniima imala itti fuftan, guyyaa 120 gidduutti, gaalaksiiwwan shantama qaariyuun sirna-gaalaaksii, gaalaaksiin keenyi Milki_Weyiinii fi Andiroo_meedaan keessatti argaman keessaa calaatu.
Waggaa 3 ituu hin dhaabbatin ennaama balalii itti fuftan, gaalaksonni shantamaa ol isin bira kuttanii dhuftan, tuutowwan gaalaaksii Virgoo_Suupper_Kilaaster jedhamu keessaa tuqaa xinnoo tokko qofa taโuusaa argitanii ajaaโibsiifannaa fi rifannaan harka keessan afaan keessan irra kaawwattu.
Itti_fufa...
No comments:
Post a Comment
I need your suggestion