1/31/2024

Af-walaloo sirba durii

Weedduu Jaalalaa Qeerroofi Qarree Durii

(Baaccuufi Gammachuu) akka namfakkiitti.
...
GAMMACHUU
"Ani hinaamu Sambataani
Muka haamtuu kootu cabee
Ani hintaa'u nan badaani
Ergan Baaccuukoo dhabee
Adaamittan aara aarsaa
Jawween baargamaa baroodde
Balalii akka Waaqa caamsaa
Xanneen jaalalaa na dhoofte
Gumarii manaa gadii
Tulluu Diimtuuttan galaa
Butamii manaa bayi
Lixa biiftuu galgalaa
Ashaakiltii muka soolee
Gowwaan mukaa xoqonuudhaa
Barbaachakeen laga oole
Akka kormaa bosonuudhaa!" jedha. Qarree naanna'ee weeddisa. Baaccuun hubboo butattee weeddisaa laga xoph jetti.
BAACCUU:
"Gammachuu bitaachakoo
Tiifuu keessa aramanii
Haammadhu cinaachakoo
Siifuu shan na dhaananii
.
Yoo mana ijaarratani
Yaa mana Dhaabii Suntee
Yoo nama jaallatani
Yaa magaal gaarii bultee?
Bishaan waraabbata buunee
Hubboon cabee laga teenyaa
Ijaan waljaalala quufnee ❤
Koottu karaa mana keenyaa!" jetti bishaan waraabde afaan hubboo bira dabarsitee gadi naqaa. Gammeen duruu laga oole. Ammammoo bira gaye.๐Ÿ˜
GAMMACHUU.
"Manni keessan haajigu
Situ ijaarrata maleessaa
Warri keessan na jibbu
Situ na jaallata maleessa
Itichaan biilaa biddiiqaa
Oshoon darbuu biyya dhoowwee
Imimmaan dhiiraa giddiidha
Otoon arguun dhiiga boowe" jedhaan ededa bishaaniirra taa'ee.
BAACCUU:
"Kan laga yaa'u bishaanii
Kan bobookkisu dhagaadha
Kan narra yaa'u imimmaani
Kan na boochisu garaadha ๐Ÿ˜ฅ
.
Dabballee migira Taakkuu
Shimalli Roggee dammeessee
Takkallee na bira dhaaphu
Sumaafan onnee madeessee❣️" jettiin ija isaa keessa ilaaltee hanga quufuu dadhabdutti.
GAMMACHUU:
"Abbayyii karaa Waraabuu
Caboo buuna ganda adaadaa
Akkamiin garaa jabaatuu
Atoo garaa nama raaftaa? ๐Ÿค” jedha
.
Osoman qotee qotee
Qamadii malee hinqotuu
Osoman obsee obsee
Balalii ijakee hinobsu" jedha. Haala kanaan qilleensi jaalalaa walakkaa isaaniitii bubbisaa turee ibidda jaalalaa qabsiisaa osoo jiruu Haati Baaccuu quqqufa'aa qarreedhaa gadi ba'an.
Barreessaa: Garasuu Irranaa

So funny

 What a meme?

popular posts