3/28/2024

Makmaaksa #3

Mammaaksota Oromoo Qubee โ€œKโ€ n Jalqaban

  1. Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku.
  2. Ka qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti.
  3. Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette
  4. Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan.
  5. Kan abdatan irra kan argatantu caala
  6. Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti
  7. Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe duโ€™a.
  8. Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe du'a.
  9. Kan akka walii loon walitti yaafatti.
  10. Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu?
  11. Kan barri namatti fide,hiriyaan namatti qoosti.
  12. Kan bonni ajjeese,ganni maqaa fuudha.
  13. Kan citaa hinqabneef kan citu baasti.
  14. Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaaddu
  15. Kan dhaabbattee si hin agarre, teessee si hin argani.
  16. Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin
  17. Kan dulloome jaarsa, kan duโ€™u dargaggeessa.
  18. Kan gabaan dhagaโ€™e gowwaan galee niitii dhokse.
  19. Kan gabaan dhaga'e gowwaan galee niitii dhokse.
  20. Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe waraabessi.
  21. Kan garaan yaade miilii ganamfata.
  22. Kan harree hin qabne gaangee tuffata.
  23. Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa.
  24. Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti
  25. Kan ilkaan ofii dhalchu, kormi hin dhalchu.
  26. Kan kunootii hin argine kuunnotii hin argu.
  27. Kan lafatti wal hintaane muka waliin hinkoru.
  28. Kan leenci naasise hindaaqoo baqata
  29. Kan mana qabu mala hin dhabu.
  30. Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane.
  31. Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha
  32. Kan of jaju hin dogoggoru.
  33. Kan offii buletu nama bulcha
  34. Kan qaban qaba hin guunnne gadhiisan bakkee guutti
  35. Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu.
  36. Kan qunnaan galata hin taโ€™iin daaโ€™ullaan galata hin taโ€™u.
  37. Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti
  38. 38 Kan si tumetu na qoree.
  39. Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi .
  40. Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata.
  41. Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo.
  42. Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran.
  43. Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa!
  44. Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba
  45. Karaan sobaan darban, gala nama dhiba
  46. Karkin ofii madaa'ullee, muranii hin darban
  47. Katuffatantu ardaa dhaala.
  48. Keessa keessa adurreen bineensa.
  49. Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti
  50. Keessumaa qamalee raafuu keessati argu.
  51. Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti.
  52. Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu
  53. Kokkolfaa nama nyaatti gonfaan.
  54. Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa jette seexanni 
  55. Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni marโ€™ata.

Madda: oromo-proverbs-mammaaksa-oromoo-part11.pdf (afoola.com)

Makmaaksa #2

    1. Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti.
    2. Aadaa fi aduu ni dhokatan malee hin badani.
    3. Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan.
    4. Aaki Jedhan waa tufan mammaakan waa himan.
    5. Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette adurreen
    6. Aartu qotadhuโ€ jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee
    7. Aartu qotadhuโ€ jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
    8. Abbaa dhokseetu akaakayyuu himata
    9. Abbaa gabaabaa ijoolleen hiriyyaa seeti.
    10. Abbaan cabsaa ofitti hin xiqqeessu
    11. Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu
    12. Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu.
    13. Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu.
    14. Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu.
    15. Abbaan mana jiraa gurri ala jira.
    16. Abbaan of hin argu; dhakaan of hin darbu
    17. Abbaanuu hin gallee, fardaaf booyyanni.
    18. Abbatu of mara jedhe boofni.
    19. Abbeen nyaataa buleef qabateen jala hinbulu.
    20. Abjuu sodaatanif hirriiba hin dhiisani.
    21. Abjuun bara beelaa buddeen, buddeen jetti.
    22. Ablee qara lamaa beekaatu itti fayyadama
    23. Abshaalli ofii nyaatee, gowwaa afaan diba
    24. Adaamiin olla agamsaa, imimmaan hin qoorfattu
    25. Adala gowwoomsuun suuta suutan
    26. Adda baane jedhe namtichi furrii fudhatee.
    27. Adda nyaataniif hin gabbatani.
    28. Addaatef ilkaan alanfachuu hin dhiisu
    29. Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula waaqatu nama tolcha jedhe jaldeessi.
    30. Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolchaโ€ jedhe Jaldeessi.
    31. Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko.
    32. Adurreen garaa muratte, leencaan qixa nama sodaachifti
    33. Adurreen kan bakka loon oolan hin beekne galgala aannan dhugdi.
    34. Adurreen keessi bineensa
    35. Adurreen riphattee hantuuta argachuu hin ooltu.
    36. Afaan gaariin afaa gaarii caala.
    37. Afaan gaarin afaa gaari caala
    38. Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa
    39. Afaan lafa taaโ€™u lafee alalcha!
    40. Afaan qabachuun hunda toโ€™achu
    41. Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa!
    42. Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa.
    43. Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadhaโ€ jette tafkin.
    44. Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadhaโ€ jette tafkin.
    45. Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa jedhan.
    46. Akka beekan bulan
    47. Akka cabanitti hin hokkolan.
    48. Akka durii fi harka xuriitti hin hafan
    49. Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiinโ€ jette sokoruun.
    50. Akka garaakoo jette sareen nama gararraan bishaan dhugdii jedhan.
    51. Akka haroon hin guunne akka raachi hin duune jedhan.
    52. Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen
    53. Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete.
    54. Akka kufanii hin cabani.
    55. Akka ormaattan sirbaan morma nama jallissa.
    56. Akka qottiyyoon gooba jettee raachi dhootee duute
    57. Akkuma dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate
    58. Alaa manatti galan.
    59. Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan
    60. Alagaa ilkaan malee garaa isaa hinargani.
    61. Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa.
    62. Ameessi okolee dide okkotee hin didu
    63. Anatu Caalaan ciinciraa haaduu afaan buute
    64. Ani badeen waan bade hin galchitu
    65. Ani hin hanbifannee, ati hin qalbifanneโ€ jedhe namichi.
    66. Ani hoo duruu gubattuudha jette beddeen mana keessa gubattee
    67. Arbi lama yoo wallole kan miidhamu sambaleeta.
    68. Argaa toleef goromsi hin ottoomu.
    69. Arge jettee hin foksin, dhagahe jettee hin odeessiin
    70. Ariifataan hori gata
    71. Ariโ€™ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi.
    72. Arrabakoo yaa laxxisaa, situ faallee na hanqisa.
    73. Arrumaa salaattee arrumaa maraatte.
    74. Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa.
    75. Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan.
    76. Badiin saree gaafa duute.
    77. Bagan kufe, bagaan kaโ€™e, kan naqabuu fi kan na dhaabu addaan baafadhe jedhe namtichi
    78. Bagan si argeโ€ jennaan โ€œbagan si hin dhokatiinโ€ jedhe hattuun abbaa manaatiin
    79. Bakakkaan akkanaanu natti gamu muka jala na geessite
    80. Bakka arfaasaa dhaabbatan, birraa dhaabbatu.
    81. Bakka hin rafnetti hin muugan
    82. Bakka itti citanitti citaa haammatan. โ€ jedhe manguddoon oromoo
    83. Bakka loon hin oolle dhoqqee hin argani.
    84. Bakka oolan irraa bakka bulantu caala.
    85. Bakka rabbi itti nama hidhe, funyoo malee ijaajju
    86. Bakka sareen jirutti, namatu dhuufee hin gaafatan
    87. Bakkuma dhaqqabani kan hoqqatan
    88. Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa.
    89. Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti
    90. Bara gaddaa mataa lafa godhu
    91. Bara humna qaban sagaliin lolu, bara humna hin qabne sagalee tolu
    92. Bara quufaa lukkuutu dhuufa
    93. Baraan barruu horan
    94. Baran barruu koran.
    95. Barcuma ulfinaa abbaatu of jala baata
    96. Bareedde jedhanii obboletti hin fuudhani
    97. Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira gaheetu hubata.
    98. Bari fallana, takka namaa fodogaa, takka nama fondoga.
    99. Barri ni darba, taajjabni ni tura.
    100. Beekte beekte jennaan niitiin qeesii kitaaba miiccite
    101. Biddeen nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan.
    102. Billaachi ofiifuu hin qabduu dhagaatti uwwifiti
    103. Bishaan darbe hin waraaban.
    104. Bishaan lagaa dhume jennaan boosettiin ilil jette
    105. Bishaan malaan waaddan
    106. Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiseeti.
    107. Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhuma.
    108. Bittaa wallaalanii gabaa komatu.
    109. Biyyaa bahaan malee biyya hin yaadan.
    110. Bobbaa yoo tolan gala tolan
    111. Boolli guyyaa argan halkan nama hin nyaatu.
    112. Booraโ€™u malee hin taliilu
    113. Bor hin bekneen qoda-bukoonshee lama.
    114. Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan.
    115. Boriif boorri jira.
    116. Boru hinbeeknen qodaan bukoo ishee lama.
    117. Buddenni nama quubsu eeleerratti beekama.
    118. Caama ganamaa kan beekuutu hoโ€™ifata.
    119. Cabaan baqaqatti erkate.
    120. Citaa malee mana hin kabatan.
    121. Cubbuu sodaachuun booruuf.
    122. Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa
    123. Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa.
    124. Cuunfaa baayโ€™isuun dubbii gogsuudha.
    125. Daakaniif hin marqan, dharraโ€™aniif hin argatan.
    126. Daangaan jaalalaa afaanii baasanii walii laachuudha.
    127. Dallaan abbaa kudhanii yeroon hin cufamtu.
    128. Deeganiif hin duโ€™an.
    129. Deegarra ulfaatti jedhee namtichi ashaboo mataatti baate.
    130. Deemaa oltu barattu malee barumsaa hin argattu.
    131. Dhabaaf malee cirriin cooma kajeelti.
    132. Dhabaaf malee fooniif nu uumeโ€ jette sareen
    133. Dhabaaf malee fooniif nu uumeโ€ jette sareen.
    134. Dhabaaf malee sombi kan sareeti
    135. Dhabaan hin galaniโ€ jette haati hattuu
    136. Dhagaheef heerumtee, argeef deesse
    137. Dhalee lakkaawu dhadhabee jettee kurupheen tokko dhaltee.
    138. Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti
    139. Dhamaatuun dhama raaftee โ€œweessootu na dideโ€ jetti
    140. Dheebotan malee, miโ€™aa bishaani hin beekan
    141. Dheeratteef leemmanni gudelchaa hin taatuu.
    142. Dhiiraa jirtu dhiirummaa hin dhuunfatan
    143. Dhugaan hin qallatti malee hin cittu
    144. Dhugaan niqallatti malee hincittu.
    145. Dhukkubni na ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf baase.
    146. Dololloon nama hin fudhatuu laga guddaa nama geessi.
    147. Dubartiin fira hin qabne mana masaannutti baqatti.
    148. Dubbii barbaada sareen gabaa baati.
    149. Dubbiin baayโ€™atetti harretti hin feโ€™ani
    150. Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin qabne wayya.
    151. Dubbiin rabbi suuta
    152. Dullachi waan garaa qabu albaโ€™a
    153. Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu jette intalli
    154. Durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe.
    155. Dureessi kennef deegaa hudduun dhukkubdi
    156. Duubaan dulluma jettee jaartiin tokko ragadde.
    157. Duulli amma oduu hin gahu.
    158. Duuni biyya wajjinii, hirriiba jette jaartiin.
    159. Duutiifi dullumni hin hafan.
    160. Duโ€™arraan baqadhatti mana duโ€™aa seente
    161. Eboo darbatanii jinfuu hinqabatan.
    162. Eeboo darbatani jinfuu hin qabatani.
    163. Eega kooraan dammaqe fardummaa maaltu jira, eega dubbii dadhabee gamnummaa maaltu jiraa.
    164. Eelan eelee dhaabbatan
    165. Ejersa halaalaarra qobboo qeโ€™ee wayya
    166. Farda hidhatan machiin tolti!
    167. Fardaa fi harree okaa itti haamu, ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanuโ€ jedhe qottiyyoon
    168. Fardi badaan farda balleessa.
    169. Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu.
    170. Fiigee fiigee kormi sangaa taโ€™a.
    171. Fincaan lukkuu kan arge haa himuu.
    172. Fira dura bahan malee, fafa duraa hin bahan
    173. Firaan ni boonu malee firatti hin boonan.
    174. Firri dhufe jadhanii dhabaa hin dhalanii
    175. Firri wallola malee gaafa rakkoo wal irratti hin ilaalu.
    176. Fooliin gaariin kannisa harkisa.
    177. Foon lafa jiru allaattii lafa irratti wallolti.
    178. Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti
    179. Foon naaf kenneet, albee na dhorkate
    180. Foontu fooniif rifata.
    181. Fuula ilaali na elmadhu jette harkuun
    182. Fuulli fi nyaanni dhoksaa hinqabu.
    183. Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan
    184. Gabaabbatu iyyuu abbuma warraatu diinqa taaโ€™a.
    185. Gaddeemtuun namaa harree ribbii hormaata fuuti.
    186. Gadheen niitii, dhiirsa hamatti.
    187. Gadheen qalbii hinqabdu kan darbe hinyaadatu.
    188. Galaanni bakka bultii hin qabne, gudeelcha guuree deema.
    189. Galgala maal nyaanne jennaan rafnee bulle jedhe jedhan.
    190. Galle jette lafoon farda jala galtee.
    191. Gara jabeessa heexoon hin albaasu
    192. Garaa laafinatti, alaltuun bishaaniin nyaatamte.
    193. Garaa murtii murate, bishaan raafuutu gabbisa
    194. Garaa nagaa qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha
    195. Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani
    196. Garaacha dheedhii garaatti beeki.
    197. Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan kiyya
    198. Garaan murtii hin qabne, diina abbaati
    199. Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha.
    200. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan!
    201. Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii.
    202. Godaa mannaa godoo wayyaโ€ jette haftuun.
    203. Gogaa naaf hafaa jedhe waraabessi biyya isa hinbeekne dhaqee
    204. Gonfoon calqaba baddeet dhoofnan kutaa hanqatte.
    205. Goondaan wal qabatteet laga ceeti
    206. Gorsa diddu duโ€™a hin diddu.
    207. Gowwaa al tokko arrabsi, innuu lammata of arrabsa.
    208. Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi!
    209. Gowwaan bakka rafe hunda mana seโ€™a
    210. Gowwaan gingilchaatti bishaan waraaba
    211. Gowwaan isa darbe malee isa dhufu hin yaadu
    212. Gubattee hin agarree, abiddatti gamti
    213. Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti
    214. Guddatee guddatus gurri mataa hin dabartu.
    215. Guddateef dubbii harretti hin feโ€™an
    216. Gurri dabarsaan ollaa walitti naqa.
    217. Haadha hinqabdu hakkoof boossi.
    218. Haadha laalii intala fuudhi.
    219. Haadhaa fi adurree hin dhaanan
    220. Haalleluyyaa yaa rabbi sooressa ajjeesi, nyaannee dhugnaaโ€ jedhee abbaaten taskaara yaade jedhu.
    221. Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan.
    222. Haati hattuun intala hin amantu.
    223. Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti.
    224. Haatii fi gabaan waan namaa kennitu hin beekan.
    225. Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hinqooru.
    226. Hafaasaarra afaansaa
    227. Hagam ol fagaattus allaattii reeffi lafa
    228. Hamii fi eegeen abbaa duubaa oolti.
    229. Hamma fedhe guddatan, gosa ofii hindarban
    230. Hamma namaa hin Geessuu cabsa namaa hin teessu
    231. Hammaatanis hammaaranis dhuma hin ooltu
    232. Hamman siif ragaa bahe beektaa jennaan, hamman si tajjabee beektaa itti jedhe jedhu.
    233. Hantuunni farroofte qara eeboo arraabdi.
    234. Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti
    235. Harka abbaa biraan ibidda qabun nama hin dhibu
    236. Harka abbaa tokkotin ibidda qabachuun nama hindhibu.
    237. Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi.
    238. Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan!
    239. Harkaan kennanii, miilaan barbaada deemu.
    240. Harki hanna bare dooluuttuu sochoโ€™a.
    241. Harki tokko ni dhiqa malee,hin qulqulleessu.
    242. Harki waaqni namaan qabe xurii hin qabu
    243. Harmaatu lama malee aannan tokkichuma.
    244. Harree fi gadadoon nama irraa hin gortu
    245. Harree ganama bade galgala kurkuriin hin argu
    246. Harree hin qabdu farda namaa tuffatti.
    247. Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu
    248. Harreen feโ€™aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti.
    249. Harreen hidhaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite jedhe.
    250. Harreen ofiifuu hingaltuu loon galchitiiree?
    251. Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu!
    252. Heexoo galataaf oso hin taane qorichaaf dhugan.
    253. Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde
    254. Hin bariโ€™u seetee manatti hagde
    255. Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebiโ€™aa kaasaa
    256. Hin taโ€™a jennee saganee woma taโ€™uu dhabne
    257. Hindaaqqoon haate haatee halbee ittin qalamtu baasti
    258. Hiriyaa garaa firaa gadheetuu garaa hiraa.
    259. Hiriyaa malee dhaqxee gaggessaa male galte.
    260. Hiriyyaan garaa walii hin beekne guyyaa hunda kakuudha.
    261. Hirriibni baayโ€™een duumessa hiyyummaati
    262. Hirriibni hiryaa duโ€™aati
    263. Hiyyeessa booโ€™icha hingorsani hinnuu jalleesee naqa.
    264. Hiyyeessa irraa liqeeffachuu mannaa sooressa kadhachuu wayya.
    265. Hiyyeessi harโ€™aa quufeen bulaatti duutee bulti.
    266. Hojiin waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu
    267. Holqaa seenani dukkana hin sodaatan.
    268. Hoolaan abbaa gaarii qabu, dubboo ala bulcha
    269. Hora buโ€™anii dhoqqeee hin lagatan
    270. Horiin deegaa qilee irra dheeda
    271. Hriyaan garaa walii hin beekne malkaa ceetu maratti walkaksiifti
    272. Hudduu abbaan dagate tusseen sagal ciniinti.
    273. Humna qarqa baasuufi soora ganna baasu abbaatu beeka
    274. Humnaan nyaataniif,humna hin taโ€™u.
    275. Hunda dubbatan garaan duwwaa hafa
    276. Ibidda rafe huubni achuu kajeela.
    277. Ibiddi garaa foon hin waadu.
    278. Ifaan sooratan dukkana daakkatu.
    279. Iilkaan mutaan seene budaan seene.
    280. Ija jirtu qorsa buusani.
    281. Ija laaftuun dubaraa obbolessa irraa ulfoofti
    282. Ija-jabeessarraa sirbi hin fokkisu.
    283. Ijaafii saree namarraa hin deebisan
    284. Ijibbaata beelaa eelee sagal dhaabu.
    285. Ijji badduus bakki ijaa hin baddu
    286. Ijji dhugaan boosse, imimmaan hin dhabdu
    287. Ijji gamnaa dura boossi.
    288. Ijjii fi ijoolleen tika baddi
    289. Ijoolleen gajee torbaa anatuu keessaa korma jedhee geerare namichii jedhama.
    290. Ijoolleen nyaataaf waaman ergaa seetee diddi.
    291. Ilmii fi biqilli guyyaa malee hin dhalatu.
    292. Ilmoo bineensaa foontu gara bosonaa heda.
    293. Ilmoon huntuutaa gumbii uraa haadha jalatti barti
    294. Irra turuun farda uruudha.
    295. Irreen hin moyan, alagaan hin boonan.
    296. Itti himne yoo dhageesee, itti kennine yoo olkeesee
    297. Itti qabataaf cidhi ollaa jira.
    298. Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa reโ€™eetin.
    299. Iyyan malee hin dhalchanii? โ€ jedhe waraabessi hariโ€™ee dadhabee.
    300. Iyyaniif dhalcha hin taโ€™u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa reโ€™eetiin.
    301. Iyyitee hin beektuu iyyinaan โ€œBadaa, badaaโ€ jette
    302. Jaalala ishee hin beektuu dhungannaan boossi
    303. Jaarsi duโ€™aa adeemu si hin abaariin, bishaan guโ€™a gahe si hin nyaatiin
    304. Jaarsi duโ€™uu kaโ€™e si hin abaarin daaโ€™imni guddatu si hin jibbin
    305. Jaartii soba raftu, qaqawweessi hin dammaqsu.
    306. Jaartiin bara buttaa duudde hoo luboo jechaa hafti
    307. Jabbiin hootu hin marโ€™attu
    308. Jarjaraan reโ€™ee hin horu.
    309. Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan.
    310. Jibichi essatti eeganii jabbii kessa oola
    311. Jiruu fi soddaa hin tuffatani.
    312. Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu.
    313. Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku.
    314. Ka qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti.
    315. Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette
    316. Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan.
    317. Kan abdatan irra kan argatantu caala
    318. Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti
    319. Kan akka walii loon walitti yaafatti.
    320. Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu?
    321. Kan barri namatti fide,hiriyaan namatti qoosti.
    322. Kan bonni ajjeese,ganni maqaa fuudha.
    323. Kan citaa hinqabneef kan citu baasti.
    324. Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaaddu
    325. Kan dhaabbattee si hin agarre, teessee si hin argani.
    326. Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin
    327. Kan dulloome jaarsa, kan duโ€™u dargaggeessa.
    328. Kan gabaan dhagaโ€™e gowwaan galee niitii dhokse.
    329. Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe waraabessi.
    330. Kan garaan yaade miilii ganamfata.
    331. Kan haadhatti barte amaatiitti
    332. Kan harree hin qabne gaangee tuffata.
    333. Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa.
    334. Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti
    335. Kan ilkaan ofii dhalchu, kormi hin dhalchu.
    336. Kan kunootii hin argine kuunnotii hin argu.
    337. Kan lafatti wal hintaane muka waliin hinkoru.
    338. Kan leenci naasise hindaaqoo baqata
    339. Kan mana qabu mala hin dhabu.
    340. Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane.
    341. Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha.
    342. Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha
    343. Kan of jaju hin dogoggoru.
    344. Kan offii buletu nama bulcha
    345. Kan qaban qaba hin guunnne gadhiisan bakkee guutti
    346. Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu.
    347. Kan qunnaan galata hin taโ€™iin daaโ€™ullaan galata hin taโ€™u.
    348. Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti
    349. Kan si tumetu na qoree.
    350. Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi .
    351. Kan tokko qabdu hirriiba hin qubdu
    352. Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata.
    353. Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo.
    354. Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran.
    355. Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa!
    356. Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba
    357. Karaan sobaan darban, gala nama dhiba
    358. Karkin ofii madaaโ€™ullee, muranii hin darban
    359. Katuffatantu ardaa dhaala.
    360. Keessa keessa adurreen bineensa.
    361. Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti
    362. Keessumaa qamalee raafuu keessati argu.
    363. Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti.
    364. Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu
    365. Kokkolfaa nama nyaatti gonfaan.
    366. Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaaโ€ jette seexanni jedhan.
    367. Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni marโ€™ata.
    368. Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan
    369. Lafa rukutanii maggaanyaa ofiin qixxeessu jedhan.
    370. Lagaatu walitti yaaโ€™a malee garaan walittii hin yaaโ€™u.
    371. Lama na hin suufan jette jaartiin qallubbii hattee.
    372. Leemman bareeddeef marqaan hin miโ€™aawu.
    373. Leenca humnaan roorrisu, qamaleen malaan ajjeefte.
    374. Lubbuun abbaan gate lama hin bultu.
    375. Lukkuun biyya hin qabdu, bakka bultu hin dhabdu.
    376. Lukuun abbaanis qabu, bineensis qabu iyya hin dhiistu
    377. Maal baasuuf dhama raasu.
    378. Maali fardi ni maraatee?
    379. Maanguddoo fi eeboo dura hin dhaabbatan.
    380. Madaan qubaa abbaa guba.
    381. Malaaf malli jira mucaaf harmi jira.
    382. Malannee bolla lama qotanne jette hantuunni
    383. Mammaaksa Oromoo
    384. Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran.
    385. Mana balbala malee hin seenan, utubaa bakka malee hin dhaaban
    386. Mana eegaan bara eega jette sareen jedhan.
    387. Mana oormaa bareedaarra, godoo ofii wayya
    388. Mana waraaabessaatti foon liqii hin dhaqan
    389. Manni ija daha malee, gurra hindahu.
    390. Manni ofโ€“jajjuu karaa dura.
    391. Manni waaqni ijaare hin jigu
    392. Maqaa hannaa, abbaatu ofirraa eega
    393. Maqaa ni bitan malee, hin gurguran
    394. Maqaan baatu fi karaan baatee hin deebitu.
    395. Maqaan baduu mannaa, mataa baduu wayyaโ€ jette gondaan ciniintee haftee.
    396. Maqaan erbaniif haarawa hin taatu
    397. Maraatanii biyya hin bulchaan, mariโ€™atanii malee
    398. Maraattuu fi sooressi akka argetti haasawa.
    399. Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa.
    400. Maraattuun keessi fayyaadha.
    401. Maraatuu keessi gamna.
    402. Marartoon duโ€™a hin oolchu.
    403. Mariโ€™ataan gowwaa hin qabu
    404. Midhaan dura facaasan sinbirri nyaattet nama dura dubbate namni komata.
    405. Midhaan warra gowwaa bonaa ganna nyaatu.
    406. Midhaan warra raatuu bona bona nyaatu.
    407. Miila lama qabaataniif muka lama hin koran.
    408. Miximixaa harkaan dhaabanii gubaa himatu.
    409. Miโ€™a wal fakkaatu walbiratti fannisu.
    410. Moluu tiyya boruufuu siโ€™abdadheโ€ jedhe jaarsi aduun mataa dhoofte.
    411. Moo yaa afaanโ€ jedhe funyaan.
    412. Morki baduu mannaa mormi cituu woyya
    413. Mucaan duโ€™aaf dhalate wareegaan hin guddatu
    414. Mucaan โ€ nyaanyaaโ€ jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu.
    415. Muka beekan qoricha hin seโ€™ an.
    416. Muka biyya jiruun mana ijaaran.
    417. Muka jalaa ol Koran malee, gubbaa gadi hin koran
    418. Muka jigetti qottootu baayโ€™ata.
    419. Muka koruun nama hin dhibu, buโ€™utu nama dhiba.
    420. Na argaa na argaan na dhoksaa fida.
    421. Naatu beekaan beekkumsa hin taatu.
    422. Nagaroon qoree baala bakkanniisaa, harsaamessatti saadiru.
    423. Nama fardaan barbaadan lafoo argatu
    424. Nama guddisuun of guddisuudha; nama xiqqeessuun of xiqqeessuudha
    425. Nama horii hin beekneef, lukkuun luka lamaa horiidha
    426. Nama jechi hin madessine waraanniyyuu hin madessu
    427. Namaan garaan gaโ€™atti garaan lafa nama gaโ€™a
    428. Namatti himu malee, namatti hin hidhan
    429. Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse
    430. Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru!
    431. Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu duโ€™a
    432. Namni akkaataa fardaa beeku ulee fardaa hin bobessu
    433. Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada
    434. Namni dhadhaa afaan kaaโ€™an dhagaa afaan nama kaaโ€™a.
    435. Namni dhamaโ€™iif uumame abjuun dhagaa guura
    436. Namni dhamaโ€™iif uumame habjuun dhagaa guura.
    437. Namni dhukkubsataa manaa qabu duโ€™a gahii namaa hin oolu
    438. Namni farda koorse galgala kooraa baata!
    439. Namni gaafa hiyyolee qurri isaa duude osoo hiyyolee jeduu hafa.
    440. Namni ija takkaa biyyeen hin taphatu
    441. Namni ilkaan miidhagu, hidhii walitti hin qabatu
    442. Namni Jireenya isaati fakkaata
    443. Namni kadhachuu hin dhiisu, rabbi waan murtee hin dihiisu
    444. Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu
    445. Namni mataa isaatii hin tolle, namaaf hin tolu
    446. Namni namaaf qoricha.
    447. Namni namatti jennaan, erbeen saawwanitti jette.
    448. Namni namumaa, ija nyaadhuโ€ jette allaattiin
    449. Namni yaraan imaanaa gatee lafti yaraan sanyii nyaattee.
    450. Ni taโ€™a jennaan harree qallee hin taโ€™u jennaan harree gannee isumaa fidaa jennaan dhaqnee dhabne.
    451. Niitiin afaan kaaโ€™a barte, kabaluuf jennaan afaan bante.
    452. Niturra malee niurra jette boonbiin.
    453. Numaaf haati hin baneโ€ jedhe gowwaan haadha ajjeese
    454. Nuugiin tumanii nyaatan, humna baaterra hin jirtu.
    455. Nyaadhee sifixuu dadhabus, haadhee siballeessuu dadhabbaaโ€ jette lukkuun
    456. Nyaataa fi lola abbaatu tolfata
    457. Obbolessi kan walin dhalatan qofa miti
    458. Obsaan aannan goromsaa dhuga
    459. Odoo beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan.
    460. Oduuf na qalaniโ€ jette lukkuun.
    461. Oduun soora (nyaata) gurraati
    462. Of hubde yaa dhakaraa kan harkaan mukatti of buufte.
    463. Of jajjuu hantuutaa eegeen lafa hin gahuu.
    464. Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
    465. Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
    466. Ofii jettu miโ€™aaโ€™i yoo kaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe soogiddaan
    467. Ofii nyaatan ormaa laatan.
    468. Ofiifu duutii maaf of huuti.
    469. Okkoteen waaqa hin beekne, eelee bishaan kadhatti
    470. Ol kaayan malee olkaโ€™aniif hin fuudhan.
    471. Olkaayaniif malee ol kaโ€™aniif hin fuudhan.
    472. Olkaaโ€™an malee ol kaโ€™anii hin fuudhani.
    473. Ollaa fi dugdaan kaโ€™an.
    474. Ollaa fi Waaqatti gadi bahu.
    475. Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.
    476. Osoo akka yaada namaa tulluun diriiraa taโ€™a
    477. Osoo garaan addaan nama hin baasin, karaan addaan nama baasa
    478. Osoo gubadhuun kolfa jette akaayiin.
    479. Osoo hin hubatiin harka hin gubatiin.
    480. Osoo hin hubatin hin dubbattin.
    481. Osoo horiin hin galin hattuun mooraa guutte.
    482. Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qalleeโ€ jette jeedalli sareen.
    483. Qaallu salphattu nama duโ€™utti waaman
    484. Qalbii malee ijji hin argitu
    485. Qaroo dhabeessi โ€œmaal barbaaddaโ€ jennaan โ€œifaโ€ jedhe
    486. Qarri qara hin muru.
    487. Qeerransa eegee hin qaban, qaban gadi hin dhisan
    488. Qeerrensa eegee hin qaban qaban gad hin dhiisan.
    489. Qeesii mataa sabbataa amajaaja dabboo sanbataa jedhu.
    490. Qilleensarratti mana hin ijaaran.
    491. Qoree dur dirteef hiyyessi okkola
    492. Qottoon maal nu godhe, kan nu miidhe muka keenya isa jallate jedhe mukni jigan jedhan.
    493. Qunceen wal gargaartee arba hiiti.
    494. Qunnii buqqisaniit, abaabilleetti darbu.
    495. Qunxur mana fixxee cimmif mana gattii, jedhan.
    496. Quufan malee hin utaalani utaalan malee hin cabani.
    497. Quuqaa cinaacha jalaa abbaatu beeka
    498. Raafuu fixee rafuu dide.
    499. Raafuun hanga okkoteen qabatu affeelan.
    500. Reโ€™een baala agarte qeerransa hin argitu
    501. Reโ€™een kan ofii hin beektu sareedhan eegee gad qabadhu jetti.
    502. Reโ€™een kan tokkoo raafuun kan tokkoo, kis jennee kiisii dabalanne
    503. Roobiin garbaa baatee, fiixeensa arraabdi.
    504. Roobuus caamus ijii misiraa lama.
    505. Sababa jette ballaan farda yaabdee.
    506. Sagal kaโ€™uu irra sagal waamuu wayya
    507. Salphinni abbaa lafaa bara midhaan bade.
    508. Salphoo soqolatte, soqolaa gargaaru
    509. Sangaa ofiinuu albaโ€™u eegee qabdee raaftaa?
    510. Sangaan bara qote hedata
    511. Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni marโ€™ata
    512. Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni marโ€™ata.
    513. Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba.
    514. Sanyiin buqqee miiciraantu hadhaaโ€™a
    515. Sanyiin waan facaasan magarti.
    516. Saree adeemtuu dillโ€™uu goromsaatu darba.
    517. Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati.
    518. Sareen sarbaa hinqabdu mukarbaa hinyaabbattu.
    519. Saroonni walnyaatti kan ishii nyaatu hin argan
    520. Saโ€™aa eegee hin qabne cirriin hin sodaattu
    521. Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami
    522. Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami
    523. Sinbira lubbuuuf kaattu ijoolleen tapha seeti.
    524. Sirbaaf dhufanii morma hin qusatan
    525. Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wal hin lolan!
    526. Soogidda ofii jettu miโ€™aayi anaa jettu dhagaa tahi.
    527. Sossobbiin madaa hin foyyessu
    528. Surree namaa ergisani irra hin taaโ€™inii hin jedhani
    529. Suuraan gaariin abbaa fakkaata.
    530. Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti
    531. Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti.
    532. Tafkiin gaafa haxaawan, gowwaan gaafa gorsan itti abaasa.
    533. Tafkiin lafatti walnyaatti, namarratti wal baatti.
    534. Tafkiin utaaltus laga hin ceetu.
    535. Takkaa diimanne jette nuugiin.
    536. Takkuman kufee, suutan kaโ€™aโ€ jette jaartiin
    537. Tanaa warri rafnaan jette sareen.
    538. Tika didaan dhiyaana dida.
    539. Tikseen taakkuutti dhiistee dhumdhumatti kaati.
    540. Tiruun bulte lafee taati.
    541. Tokko namaatu nama dida, kan lammata abbaatu of dida.
    542. Tunis dhukkuba taateef tessuma nama dhowitii jedhe namichi dhullaan qabde
    543. Tuulamanii taaโ€™anii waaqa ofii hin komatan
    544. Ukkaamamee raafamnaan aannanu qabee cabsa
    545. Ulfeessaniit ulfaatu jettet haati ilmaaf farda qabde.
    546. Waan biyyaa bilbilli iyya
    547. Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan
    548. Waan dhufu hin beekanii saree tana akaayii barsiisaa
    549. Waan gaarii seetee mimmixa dhuka ykn bobaa jala kaawwatte.
    550. Waan qabaniin gabaa bahu.
    551. Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haaddi
    552. Waan waaqni qocaaf kaaโ€™e illeettiin hin fudhattu
    553. Waan warri waarii jedhu ijoollleen waaree jetti
    554. Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti!
    555. Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan
    556. Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate
    557. Waaqni duumessaaโ€™e roobuu hin oolu
    558. Wacitii abbaan cabsee kaaโ€™e, kan dhiqee kaaโ€™e itti kakata.
    559. Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu!
    560. Wallaalaan bishaan keessa dhaabatee dheebota
    561. Wallaalan bishaan keessatti dheebota!
    562. Wanta odeessanii fi wanta bobeessan hin dhaban.
    563. Waraabessa darbee sareen dutte.
    564. Waraabessi biyya ofii nama haanyaatuu.
    565. Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise
    566. Waraabessi waa nyaatu tokkuma kan maqaan badu hunduma
    567. Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe.
    568. Warra afaan walii beekuu, harreetu balbala cufa.
    569. Warra walnyaatu jidduudhaa waa nyaatu
    570. Warri guddaan aduurree wasaasaa baata
    571. Warruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ariโ€™ee.
    572. Yaa anaa duriiโ€ jette cirrin fadrdarraa kuftee.
    573. Yaa cubbuu โ€œessa dhaqxaโ€ jannaan โ€œbakka itti na erganโ€ jatte
    574. Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhe.
    575. Yaa saree ciidhni akkamiโ€ jennaan โ€œisa quufe hin kadhatu, isa beelaโ€™e immoo ni dhowwatuโ€ jette. Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe duโ€™a. โ€ Jedhe kormaan hoolaa korbessa reโ€™en
    576. Yaadni hamaan nama huqqisa
    577. Yaanni karaa hin dhaleessu.
    578. Yaawaaq siifan kaโ€™a, achumaanan gaayyaa koo fudhadha jette jaartiin.
    579. Yoo akka nyaattu homaa hin taatu yoo akka aadduu barana him baatu
    580. Yoo baayโ€™ate dammis ni hadhaawa
    581. Yoo dheeraan tarkaanfii malu, gabaabaan hulluqaa malata.
    582. Yoo hundumasaa dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhan.
    583. Yoo itti hubatanii ilaalan tafkiin ija qabdi
    584. Yoo rakkatan fala barbaadan
    585. Yoo waraabessarraa hafte keenyaโ€ jette sareen, harreedhan
    586. Yoon ani duโ€™e araddaan hin margin jette harreen. 


Vocabulary (IT-Context)

Glossary [IT-Contex] 802.1 x protocol [ noun ] A network authentication protocol that opens ports for network access when an organization au...

popular posts