3/28/2024

Makmaaksa #3

Mammaaksota Oromoo Qubee “K” n Jalqaban

  1. Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku.
  2. Ka qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti.
  3. Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette
  4. Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan.
  5. Kan abdatan irra kan argatantu caala
  6. Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti
  7. Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe du’a.
  8. Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe du'a.
  9. Kan akka walii loon walitti yaafatti.
  10. Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu?
  11. Kan barri namatti fide,hiriyaan namatti qoosti.
  12. Kan bonni ajjeese,ganni maqaa fuudha.
  13. Kan citaa hinqabneef kan citu baasti.
  14. Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaaddu
  15. Kan dhaabbattee si hin agarre, teessee si hin argani.
  16. Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin
  17. Kan dulloome jaarsa, kan du’u dargaggeessa.
  18. Kan gabaan dhaga’e gowwaan galee niitii dhokse.
  19. Kan gabaan dhaga'e gowwaan galee niitii dhokse.
  20. Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe waraabessi.
  21. Kan garaan yaade miilii ganamfata.
  22. Kan harree hin qabne gaangee tuffata.
  23. Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa.
  24. Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti
  25. Kan ilkaan ofii dhalchu, kormi hin dhalchu.
  26. Kan kunootii hin argine kuunnotii hin argu.
  27. Kan lafatti wal hintaane muka waliin hinkoru.
  28. Kan leenci naasise hindaaqoo baqata
  29. Kan mana qabu mala hin dhabu.
  30. Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane.
  31. Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha
  32. Kan of jaju hin dogoggoru.
  33. Kan offii buletu nama bulcha
  34. Kan qaban qaba hin guunnne gadhiisan bakkee guutti
  35. Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu.
  36. Kan qunnaan galata hin ta’iin daa’ullaan galata hin ta’u.
  37. Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti
  38. 38 Kan si tumetu na qoree.
  39. Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi .
  40. Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata.
  41. Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo.
  42. Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran.
  43. Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa!
  44. Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba
  45. Karaan sobaan darban, gala nama dhiba
  46. Karkin ofii madaa'ullee, muranii hin darban
  47. Katuffatantu ardaa dhaala.
  48. Keessa keessa adurreen bineensa.
  49. Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti
  50. Keessumaa qamalee raafuu keessati argu.
  51. Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti.
  52. Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu
  53. Kokkolfaa nama nyaatti gonfaan.
  54. Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa jette seexanni 
  55. Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar’ata.

Madda: oromo-proverbs-mammaaksa-oromoo-part11.pdf (afoola.com)

No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame Madda suuraa, Olaanii Ita'aa Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oro...

popular posts