- Suuta ejjatan suuta qoreen nama woraanti.
- Aadaa fi aduu ni dhokatan malee hin badani.
- Aak jedhan waa tufan mammaakan waa himan.
- Aaki Jedhan waa tufan mammaakan waa himan.
- Aannan banaa dhiisanii hattuu namaan jedhan jette adurreen
- Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee
- Aartu qotadhu” jedhe namichi saree biddeen dhoowwatee.
- Abbaa dhokseetu akaakayyuu himata
- Abbaa gabaabaa ijoolleen hiriyyaa seeti.
- Abbaan cabsaa ofitti hin xiqqeessu
- Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu
- Abbaan daadhii dhugeef ilma afaan hin urgaayu.
- Abbaan iyyatu malee ollaan hin birmatu.
- Abbaan loonii dhoqqee hin xireeffatu.
- Abbaan mana jiraa gurri ala jira.
- Abbaan of hin argu; dhakaan of hin darbu
- Abbaanuu hin gallee, fardaaf booyyanni.
- Abbatu of mara jedhe boofni.
- Abbeen nyaataa buleef qabateen jala hinbulu.
- Abjuu sodaatanif hirriiba hin dhiisani.
- Abjuun bara beelaa buddeen, buddeen jetti.
- Ablee qara lamaa beekaatu itti fayyadama
- Abshaalli ofii nyaatee, gowwaa afaan diba
- Adaamiin olla agamsaa, imimmaan hin qoorfattu
- Adala gowwoomsuun suuta suutan
- Adda baane jedhe namtichi furrii fudhatee.
- Adda nyaataniif hin gabbatani.
- Addaatef ilkaan alanfachuu hin dhiisu
- Adeemsa abbaatu oftolchaa fuula waaqatu nama tolcha jedhe jaldeessi.
- Adeemsa abbaatu oftolchaa, fuula Waaqatu nama tolcha” jedhe Jaldeessi.
- Adeemsa karaa fagoo calqabni tarkaanfii tokko.
- Adurreen garaa muratte, leencaan qixa nama sodaachifti
- Adurreen kan bakka loon oolan hin beekne galgala aannan dhugdi.
- Adurreen keessi bineensa
- Adurreen riphattee hantuuta argachuu hin ooltu.
- Afaan gaariin afaa gaarii caala.
- Afaan gaarin afaa gaari caala
- Afaan Hamii Bare Utubaatti hasaasa
- Afaan lafa taa’u lafee alalcha!
- Afaan qabachuun hunda to’achu
- Afaaniin sheekuseen lukaan gara mukaa!
- Agabuu si bulchuuf ganamaan si beelessa.
- Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.
- Ajjeechaarra sukkuummaan sodaadha” jette tafkin.
- Akka abaluun sirbaan morma nama jallisa jedhan.
- Akka beekan bulan
- Akka cabanitti hin hokkolan.
- Akka durii fi harka xuriitti hin hafan
- Akka ganamaa seetee narra hin ejjetiin” jette sokoruun.
- Akka garaakoo jette sareen nama gararraan bishaan dhugdii jedhan.
- Akka haroon hin guunne akka raachi hin duune jedhan.
- Akka ija tiyyaa maaltu naaf kajeela jette sareen
- Akka jedhan dhageetee shaniin gufufaan deete.
- Akka kufanii hin cabani.
- Akka ormaattan sirbaan morma nama jallissa.
- Akka qottiyyoon gooba jettee raachi dhootee duute
- Akkuma dur seeteet jaartiin qullaa lafaa kaate
- Alaa manatti galan.
- Alagaa fi dukkanatti ija hin baasan
- Alagaa ilkaan malee garaa isaa hinargani.
- Alagaan gaafa kolfaa firri gaafa golfaa.
- Ameessi okolee dide okkotee hin didu
- Anatu Caalaan ciinciraa haaduu afaan buute
- Ani badeen waan bade hin galchitu
- Ani hin hanbifannee, ati hin qalbifanne” jedhe namichi.
- Ani hoo duruu gubattuudha jette beddeen mana keessa gubattee
- Arbi lama yoo wallole kan miidhamu sambaleeta.
- Argaa toleef goromsi hin ottoomu.
- Arge jettee hin foksin, dhagahe jettee hin odeessiin
- Ariifataan hori gata
- Ari’ii biyyaa baasii qabii itti hasaasi.
- Arrabakoo yaa laxxisaa, situ faallee na hanqisa.
- Arrumaa salaattee arrumaa maraatte.
- Ayyaanni haftuu haadha warraa ajjeesa.
- Baddu baddi malee saree ija hin dhiqan.
- Badiin saree gaafa duute.
- Bagan kufe, bagaan ka’e, kan naqabuu fi kan na dhaabu addaan baafadhe jedhe namtichi
- Bagan si arge” jennaan “bagan si hin dhokatiin” jedhe hattuun abbaa manaatiin
- Bakakkaan akkanaanu natti gamu muka jala na geessite
- Bakka arfaasaa dhaabbatan, birraa dhaabbatu.
- Bakka hin rafnetti hin muugan
- Bakka itti citanitti citaa haammatan. ” jedhe manguddoon oromoo
- Bakka loon hin oolle dhoqqee hin argani.
- Bakka oolan irraa bakka bulantu caala.
- Bakka rabbi itti nama hidhe, funyoo malee ijaajju
- Bakka sareen jirutti, namatu dhuufee hin gaafatan
- Bakkuma dhaqqabani kan hoqqatan
- Bara barri argate buqqeetu dhagaa cabsa.
- Bara bofti nama nyaate lootuun nama kajeelti
- Bara gaddaa mataa lafa godhu
- Bara humna qaban sagaliin lolu, bara humna hin qabne sagalee tolu
- Bara quufaa lukkuutu dhuufa
- Baraan barruu horan
- Baran barruu koran.
- Barcuma ulfinaa abbaatu of jala baata
- Bareedde jedhanii obboletti hin fuudhani
- Bareedina gurraachaafi dubbii gamnaa nama bira gaheetu hubata.
- Bari fallana, takka namaa fodogaa, takka nama fondoga.
- Barri ni darba, taajjabni ni tura.
- Beekte beekte jennaan niitiin qeesii kitaaba miiccite
- Biddeen nama quubsu eelee irratti beekuu jedhan.
- Billaachi ofiifuu hin qabduu dhagaatti uwwifiti
- Bishaan darbe hin waraaban.
- Bishaan lagaa dhume jennaan boosettiin ilil jette
- Bishaan malaan waaddan
- Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiseeti.
- Bitaan yaabanis mirgaan yaabanis waligeenyi kooradhuma.
- Bittaa wallaalanii gabaa komatu.
- Biyyaa bahaan malee biyya hin yaadan.
- Bobbaa yoo tolan gala tolan
- Boolli guyyaa argan halkan nama hin nyaatu.
- Boora’u malee hin taliilu
- Bor hin bekneen qoda-bukoonshee lama.
- Bor ni agarta jennaan edana akkamitti bulee jedhe ballaan.
- Boriif boorri jira.
- Boru hinbeeknen qodaan bukoo ishee lama.
- Buddenni nama quubsu eeleerratti beekama.
- Caama ganamaa kan beekuutu ho’ifata.
- Cabaan baqaqatti erkate.
- Citaa malee mana hin kabatan.
- Cubbuu sodaachuun booruuf.
- Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa
- Cubbuun bishaanii harka buleen nama nyaachisa.
- Cuunfaa baay’isuun dubbii gogsuudha.
- Daakaniif hin marqan, dharra’aniif hin argatan.
- Daangaan jaalalaa afaanii baasanii walii laachuudha.
- Dallaan abbaa kudhanii yeroon hin cufamtu.
- Deeganiif hin du’an.
- Deegarra ulfaatti jedhee namtichi ashaboo mataatti baate.
- Deemaa oltu barattu malee barumsaa hin argattu.
- Dhabaaf malee cirriin cooma kajeelti.
- Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen
- Dhabaaf malee fooniif nu uume” jette sareen.
- Dhabaaf malee sombi kan sareeti
- Dhabaan hin galani” jette haati hattuu
- Dhagaheef heerumtee, argeef deesse
- Dhalee lakkaawu dhadhabee jettee kurupheen tokko dhaltee.
- Dhamaatuun dhama raaftee weessootu na dide jetti
- Dhamaatuun dhama raaftee “weessootu na dide” jetti
- Dheebotan malee, mi’aa bishaani hin beekan
- Dheeratteef leemmanni gudelchaa hin taatuu.
- Dhiiraa jirtu dhiirummaa hin dhuunfatan
- Dhugaan hin qallatti malee hin cittu
- Dhugaan niqallatti malee hincittu.
- Dhukkubni na ajjeesuu hin jirre hamaaf tolaa addaan naaf baase.
- Dololloon nama hin fudhatuu laga guddaa nama geessi.
- Dubartiin fira hin qabne mana masaannutti baqatti.
- Dubbii barbaada sareen gabaa baati.
- Dubbiin baay’atetti harretti hin fe’ani
- Dubbiin mammaaksa hin qabnee mannaa ittoo sogidda hin qabne wayya.
- Dubbiin rabbi suuta
- Dullachi waan garaa qabu alba’a
- Dura na dhungatteef dhirsa naa hin taatu jette intalli
- Durattuu durii maalayyaa waaqoo lama tahe.
- Dureessi kennef deegaa hudduun dhukkubdi
- Duubaan dulluma jettee jaartiin tokko ragadde.
- Duulli amma oduu hin gahu.
- Duuni biyya wajjinii, hirriiba jette jaartiin.
- Duutiifi dullumni hin hafan.
- Du’arraan baqadhatti mana du’aa seente
- Eboo darbatanii jinfuu hinqabatan.
- Eeboo darbatani jinfuu hin qabatani.
- Eega kooraan dammaqe fardummaa maaltu jira, eega dubbii dadhabee gamnummaa maaltu jiraa.
- Eelan eelee dhaabbatan
- Ejersa halaalaarra qobboo qe’ee wayya
- Farda hidhatan machiin tolti!
- Fardaa fi harree okaa itti haamu, ana qacceen dhoqqeetti gadi dhaanu” jedhe qottiyyoon
- Fardi badaan farda balleessa.
- Fardi biraan nama gaha malee hin waraanu.
- Fiigee fiigee kormi sangaa ta’a.
- Fincaan lukkuu kan arge haa himuu.
- Fira dura bahan malee, fafa duraa hin bahan
- Firaan ni boonu malee firatti hin boonan.
- Firri dhufe jadhanii dhabaa hin dhalanii
- Firri wallola malee gaafa rakkoo wal irratti hin ilaalu.
- Fooliin gaariin kannisa harkisa.
- Foon lafa jiru allaattii lafa irratti wallolti.
- Foon lafa jiru allaattiin muka irraa wal lolti
- Foon naaf kenneet, albee na dhorkate
- Foontu fooniif rifata.
- Fuula ilaali na elmadhu jette harkuun
- Fuulli fi nyaanni dhoksaa hinqabu.
- Gaafa maal nyaanna jedhan damma nyaatan
- Gabaabbatu iyyuu abbuma warraatu diinqa taa’a.
- Gaddeemtuun namaa harree ribbii hormaata fuuti.
- Gadheen niitii, dhiirsa hamatti.
- Gadheen qalbii hinqabdu kan darbe hinyaadatu.
- Galaanni bakka bultii hin qabne, gudeelcha guuree deema.
- Galgala maal nyaanne jennaan rafnee bulle jedhe jedhan.
- Galle jette lafoon farda jala galtee.
- Gara jabeessa heexoon hin albaasu
- Garaa laafinatti, alaltuun bishaaniin nyaatamte.
- Garaa murtii murate, bishaan raafuutu gabbisa
- Garaa nagaa qabu sukkuumuun, dhukkuba itti fiduudha
- Garaa ofiituu wollaalaaf heexoo itti dhugani
- Garaacha dheedhii garaatti beeki.
- Garaan badaan waan nyaatan nama himsiisa jedhe abbaan kiyya
- Garaan murtii hin qabne, diina abbaati
- Garbittii lubbuuf fiigdu ollaan qophee dha jedha.
- Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksiti jedhan!
- Garbittiin gargaarsa argatte majii dhoksittii.
- Godaa mannaa godoo wayya” jette haftuun.
- Gogaa naaf hafaa jedhe waraabessi biyya isa hinbeekne dhaqee
- Gonfoon calqaba baddeet dhoofnan kutaa hanqatte.
- Goondaan wal qabatteet laga ceeti
- Gorsa diddu du’a hin diddu.
- Gowwaa al tokko arrabsi, innuu lammata of arrabsa.
- Gowwaa sobii qaroo qeensaan qabi!
- Gowwaan bakka rafe hunda mana se’a
- Gowwaan gingilchaatti bishaan waraaba
- Gowwaan isa darbe malee isa dhufu hin yaadu
- Gubattee hin agarree, abiddatti gamti
- Gubattee hin beektuu ibiddatti gamti
- Guddatee guddatus gurri mataa hin dabartu.
- Guddateef dubbii harretti hin fe’an
- Gurri dabarsaan ollaa walitti naqa.
- Haadha hinqabdu hakkoof boossi.
- Haadha laalii intala fuudhi.
- Haadhaa fi adurree hin dhaanan
- Haalleluyyaa yaa rabbi sooressa ajjeesi, nyaannee dhugnaa” jedhee abbaaten taskaara yaade jedhu.
- Haatee durbaa jennaan dur kaa jedhe mucaan.
- Haati hattuun intala hin amantu.
- Haati mimmixaa kanuma kootu guba jetti.
- Haatii fi gabaan waan namaa kennitu hin beekan.
- Hadaamii ollaa hagamsaa imimmaan irraa hinqooru.
- Hafaasaarra afaansaa
- Hagam ol fagaattus allaattii reeffi lafa
- Hamii fi eegeen abbaa duubaa oolti.
- Hamma fedhe guddatan, gosa ofii hindarban
- Hamma namaa hin Geessuu cabsa namaa hin teessu
- Hammaatanis hammaaranis dhuma hin ooltu
- Hamman siif ragaa bahe beektaa jennaan, hamman si tajjabee beektaa itti jedhe jedhu.
- Hantuunni farroofte qara eeboo arraabdi.
- Hantuunni haadha jalatti gumbii uraa barti
- Harka abbaa biraan ibidda qabun nama hin dhibu
- Harka abbaa tokkotin ibidda qabachuun nama hindhibu.
- Harkaan dhaabanii barbareen nama gubdi.
- Harkaan dhaabatan lukaan dhiitan!
- Harkaan kennanii, miilaan barbaada deemu.
- Harki hanna bare dooluuttuu socho’a.
- Harki tokko ni dhiqa malee,hin qulqulleessu.
- Harki waaqni namaan qabe xurii hin qabu
- Harmaatu lama malee aannan tokkichuma.
- Harree fi gadadoon nama irraa hin gortu
- Harree ganama bade galgala kurkuriin hin argu
- Harree hin qabdu farda namaa tuffatti.
- Harree hin qabnu, waraabessaanis wal hin dhabnu
- Harreen fe’aa barbaaddu ufiin ooydaa dhufti.
- Harreen hidhaa kutte jennaan ofittuu gabaabsite jedhe.
- Harreen ofiifuu hingaltuu loon galchitiiree?
- Harreen yeroo alaaktu malee yeroo dhuudhuuftu hinbeektu!
- Heexoo galataaf oso hin taane qorichaaf dhugan.
- Hin barihu Seetee Gorduubatti hadde
- Hin bari’u seetee manatti hagde
- Hin taane kiristinnaan Badhaasaa itti deebi’aa kaasaa
- Hin ta’a jennee saganee woma ta’uu dhabne
- Hindaaqqoon haate haatee halbee ittin qalamtu baasti
- Hiriyaa garaa firaa gadheetuu garaa hiraa.
- Hiriyaa malee dhaqxee gaggessaa male galte.
- Hiriyyaan garaa walii hin beekne guyyaa hunda kakuudha.
- Hirriibni baay’een duumessa hiyyummaati
- Hirriibni hiryaa du’aati
- Hiyyeessa boo’icha hingorsani hinnuu jalleesee naqa.
- Hiyyeessa irraa liqeeffachuu mannaa sooressa kadhachuu wayya.
- Hiyyeessi har’aa quufeen bulaatti duutee bulti.
- Hojiin waaqayyoo fi kolfi saree hin beekamu
- Holqaa seenani dukkana hin sodaatan.
- Hoolaan abbaa gaarii qabu, dubboo ala bulcha
- Hora bu’anii dhoqqeee hin lagatan
- Horiin deegaa qilee irra dheeda
- Hriyaan garaa walii hin beekne malkaa ceetu maratti walkaksiifti
- Hudduu abbaan dagate tusseen sagal ciniinti.
- Humna qarqa baasuufi soora ganna baasu abbaatu beeka
- Humnaan nyaataniif,humna hin ta’u.
- Hunda dubbatan garaan duwwaa hafa
- Ibidda rafe huubni achuu kajeela.
- Ibiddi garaa foon hin waadu.
- Ifaan sooratan dukkana daakkatu.
- Iilkaan mutaan seene budaan seene.
- Ija jirtu qorsa buusani.
- Ija laaftuun dubaraa obbolessa irraa ulfoofti
- Ija-jabeessarraa sirbi hin fokkisu.
- Ijaafii saree namarraa hin deebisan
- Ijibbaata beelaa eelee sagal dhaabu.
- Ijji badduus bakki ijaa hin baddu
- Ijji dhugaan boosse, imimmaan hin dhabdu
- Ijji gamnaa dura boossi.
- Ijjii fi ijoolleen tika baddi
- Ijoolleen gajee torbaa anatuu keessaa korma jedhee geerare namichii jedhama.
- Ijoolleen nyaataaf waaman ergaa seetee diddi.
- Ilmii fi biqilli guyyaa malee hin dhalatu.
- Ilmoo bineensaa foontu gara bosonaa heda.
- Ilmoon huntuutaa gumbii uraa haadha jalatti barti
- Irra turuun farda uruudha.
- Irreen hin moyan, alagaan hin boonan.
- Itti himne yoo dhageesee, itti kennine yoo olkeesee
- Itti qabataaf cidhi ollaa jira.
- Iyyan malee hin dhalchanii jedhe hoolan korpheessa re’eetin.
- Iyyan malee hin dhalchanii? ” jedhe waraabessi hari’ee dadhabee.
- Iyyaniif dhalcha hin ta’u jedhe korbeessi hoolaa korbeessa re’eetiin.
- Iyyitee hin beektuu iyyinaan “Badaa, badaa” jette
- Jaalala ishee hin beektuu dhungannaan boossi
- Jaarsi du’aa adeemu si hin abaariin, bishaan gu’a gahe si hin nyaatiin
- Jaarsi du’uu ka’e si hin abaarin daa’imni guddatu si hin jibbin
- Jaartii soba raftu, qaqawweessi hin dammaqsu.
- Jaartiin bara buttaa duudde hoo luboo jechaa hafti
- Jabbiin hootu hin mar’attu
- Jarjaraan re’ee hin horu.
- Jarjaranif Abbaa dura hin dhalatan.
- Jibichi essatti eeganii jabbii kessa oola
- Jiruu fi soddaa hin tuffatani.
- Jooraa ooltus sareen waan hin jirre hin fuutu.
- Ka bira dhahan hin beekne isaa dhahan hin beeku.
- Ka qotiyyoon iyyuu male qacceen iyyiti.
- Kabaja balbalaaf hindaaqqoon gadi jette
- Kadhatanii galanii weeddisaa hindaakan.
- Kan abdatan irra kan argatantu caala
- Kan abdatanii mana ishee dhaqan akaayii nama afeerti
- Kan akka walii loon walitti yaafatti.
- Kan arba ajjeese furrii hin baafatuu?
- Kan barri namatti fide,hiriyaan namatti qoosti.
- Kan bonni ajjeese,ganni maqaa fuudha.
- Kan citaa hinqabneef kan citu baasti.
- Kan darbe yaadatanii isa gara fuula dura itti yaaddu
- Kan dhaabbattee si hin agarre, teessee si hin argani.
- Kan dhiqantu nama dhiqa jatte wacitiin
- Kan dulloome jaarsa, kan du’u dargaggeessa.
- Kan gabaan dhaga’e gowwaan galee niitii dhokse.
- Kan garaa malee kan maqaa yoom na dhibbe jedhe waraabessi.
- Kan garaan yaade miilii ganamfata.
- Kan haadhatti barte amaatiitti
- Kan harree hin qabne gaangee tuffata.
- Kan humna qabu reebee(dhaanetu) booyicha nama dhowwa.
- Kan ilkaan hin qabne akaawwii hawwatti
- Kan ilkaan ofii dhalchu, kormi hin dhalchu.
- Kan kunootii hin argine kuunnotii hin argu.
- Kan lafatti wal hintaane muka waliin hinkoru.
- Kan leenci naasise hindaaqoo baqata
- Kan mana qabu mala hin dhabu.
- Kan mootu dhaani jennaan dhirsi galee niitii dhaane.
- Kan nyaatee fi kan kaate waa jalaa baha.
- Kan nyaateefi kan kaate waa jalaa baha
- Kan of jaju hin dogoggoru.
- Kan offii buletu nama bulcha
- Kan qaban qaba hin guunnne gadhiisan bakkee guutti
- Kan qalbii fi jaalalli ajjeese hin fayyu.
- Kan qunnaan galata hin ta’iin daa’ullaan galata hin ta’u.
- Kan sangaan iyyuu male qacceen iyyiti
- Kan si tumetu na qoree.
- Kan sireen nama hin dadhabiin tafkiin nama dadhabdi .
- Kan tokko qabdu hirriiba hin qubdu
- Kan waraane ni dagata; kan waraaname ni yaadata.
- Kana ceenaan lagin hin jiru jette haatikoo.
- Karaafi dubbii odoo arganuu irraa goran.
- Karaan dheeraan lubbuu nama dheeressa!
- Karaan sobaan dabran galatti nama dhiba
- Karaan sobaan darban, gala nama dhiba
- Karkin ofii madaa’ullee, muranii hin darban
- Katuffatantu ardaa dhaala.
- Keessa keessa adurreen bineensa.
- Keessa namaa hin beektuu keessa qabattee namaa kenniti
- Keessumaa qamalee raafuu keessati argu.
- Keessummaan keessa namaa hin beekne gaaffii dheeressiti.
- Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu
- Kokkolfaa nama nyaatti gonfaan.
- Kopheen muka yaabdee seexanatu na kuffise jettaa” jette seexanni jedhan.
- Kormi biyya ofiitti bookkisu biyya ormaatti ni mar’ata.
- Lafa itti hin deebine maqaaf hin badadan
- Lafa rukutanii maggaanyaa ofiin qixxeessu jedhan.
- Lagaatu walitti yaa’a malee garaan walittii hin yaa’u.
- Lama na hin suufan jette jaartiin qallubbii hattee.
- Leemman bareeddeef marqaan hin mi’aawu.
- Leenca humnaan roorrisu, qamaleen malaan ajjeefte.
- Lubbuun abbaan gate lama hin bultu.
- Lukkuun biyya hin qabdu, bakka bultu hin dhabdu.
- Lukuun abbaanis qabu, bineensis qabu iyya hin dhiistu
- Maal baasuuf dhama raasu.
- Maali fardi ni maraatee?
- Maanguddoo fi eeboo dura hin dhaabbatan.
- Madaan qubaa abbaa guba.
- Malaaf malli jira mucaaf harmi jira.
- Malannee bolla lama qotanne jette hantuunni
- Mammaaksa Oromoo
- Mana aanu malee mana aaru bira hin dabran.
- Mana balbala malee hin seenan, utubaa bakka malee hin dhaaban
- Mana eegaan bara eega jette sareen jedhan.
- Mana oormaa bareedaarra, godoo ofii wayya
- Mana waraaabessaatti foon liqii hin dhaqan
- Manni ija daha malee, gurra hindahu.
- Manni of–jajjuu karaa dura.
- Manni waaqni ijaare hin jigu
- Maqaa hannaa, abbaatu ofirraa eega
- Maqaa ni bitan malee, hin gurguran
- Maqaan baatu fi karaan baatee hin deebitu.
- Maqaan baduu mannaa, mataa baduu wayya” jette gondaan ciniintee haftee.
- Maqaan erbaniif haarawa hin taatu
- Maraatanii biyya hin bulchaan, mari’atanii malee
- Maraattuu fi sooressi akka argetti haasawa.
- Maraattuufi sooressi akka argetti haasawa.
- Maraattuun keessi fayyaadha.
- Maraatuu keessi gamna.
- Marartoon du’a hin oolchu.
- Mari’ataan gowwaa hin qabu
- Midhaan dura facaasan sinbirri nyaattet nama dura dubbate namni komata.
- Midhaan warra gowwaa bonaa ganna nyaatu.
- Midhaan warra raatuu bona bona nyaatu.
- Miila lama qabaataniif muka lama hin koran.
- Miximixaa harkaan dhaabanii gubaa himatu.
- Mi’a wal fakkaatu walbiratti fannisu.
- Moluu tiyya boruufuu si’abdadhe” jedhe jaarsi aduun mataa dhoofte.
- Moo yaa afaan” jedhe funyaan.
- Morki baduu mannaa mormi cituu woyya
- Mucaan du’aaf dhalate wareegaan hin guddatu
- Mucaan ” nyaanyaa” jedhe osoo hin nyaatiin hin hafu.
- Muka beekan qoricha hin se’ an.
- Muka biyya jiruun mana ijaaran.
- Muka jalaa ol Koran malee, gubbaa gadi hin koran
- Muka jigetti qottootu baay’ata.
- Muka koruun nama hin dhibu, bu’utu nama dhiba.
- Na argaa na argaan na dhoksaa fida.
- Naatu beekaan beekkumsa hin taatu.
- Nagaroon qoree baala bakkanniisaa, harsaamessatti saadiru.
- Nama fardaan barbaadan lafoo argatu
- Nama guddisuun of guddisuudha; nama xiqqeessuun of xiqqeessuudha
- Nama horii hin beekneef, lukkuun luka lamaa horiidha
- Nama jechi hin madessine waraanniyyuu hin madessu
- Namaan garaan ga’atti garaan lafa nama ga’a
- Namatti himu malee, namatti hin hidhan
- Namichi Guyyaa Bofa arge halkan Gaaddidduu isaa dheesse
- Namin lafarratti wal shaku muka waliin hin koru!
- Namni akka fardaa nyaatu gaafa akka namaa nyaatu du’a
- Namni akkaataa fardaa beeku ulee fardaa hin bobessu
- Namni bakka ciisu argate bakka itti diriirfatu barbaada
- Namni dhadhaa afaan kaa’an dhagaa afaan nama kaa’a.
- Namni dhama’iif uumame abjuun dhagaa guura
- Namni dhama’iif uumame habjuun dhagaa guura.
- Namni dhukkubsataa manaa qabu du’a gahii namaa hin oolu
- Namni farda koorse galgala kooraa baata!
- Namni gaafa hiyyolee qurri isaa duude osoo hiyyolee jeduu hafa.
- Namni ija takkaa biyyeen hin taphatu
- Namni ilkaan miidhagu, hidhii walitti hin qabatu
- Namni Jireenya isaati fakkaata
- Namni kadhachuu hin dhiisu, rabbi waan murtee hin dihiisu
- Namni mana tokko ijaaru citaa wal hinsaamu
- Namni mataa isaatii hin tolle, namaaf hin tolu
- Namni namaaf qoricha.
- Namni namatti jennaan, erbeen saawwanitti jette.
- Namni namumaa, ija nyaadhu” jette allaattiin
- Namni yaraan imaanaa gatee lafti yaraan sanyii nyaattee.
- Ni ta’a jennaan harree qallee hin ta’u jennaan harree gannee isumaa fidaa jennaan dhaqnee dhabne.
- Niitiin afaan kaa’a barte, kabaluuf jennaan afaan bante.
- Niturra malee niurra jette boonbiin.
- Numaaf haati hin bane” jedhe gowwaan haadha ajjeese
- Nuugiin tumanii nyaatan, humna baaterra hin jirtu.
- Nyaadhee sifixuu dadhabus, haadhee siballeessuu dadhabbaa” jette lukkuun
- Nyaataa fi lola abbaatu tolfata
- Obbolessi kan walin dhalatan qofa miti
- Obsaan aannan goromsaa dhuga
- Odoo beeknuu hubaa wajjin nyaanna jette sareen jedhan.
- Oduuf na qalani” jette lukkuun.
- Oduun soora (nyaata) gurraati
- Of hubde yaa dhakaraa kan harkaan mukatti of buufte.
- Of jajjuu hantuutaa eegeen lafa hin gahuu.
- Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
- Of-jajjuun loon lamaa, tikseen kuma lama.
- Ofii jettu mi’aa’i yoo kaan dhagaa jadhanii sigatu jedhe soogiddaan
- Ofii nyaatan ormaa laatan.
- Ofiifu duutii maaf of huuti.
- Okkoteen waaqa hin beekne, eelee bishaan kadhatti
- Ol kaayan malee olka’aniif hin fuudhan.
- Olkaayaniif malee ol ka’aniif hin fuudhan.
- Olkaa’an malee ol ka’anii hin fuudhani.
- Ollaa fi dugdaan ka’an.
- Ollaa fi Waaqatti gadi bahu.
- Ollaan bultee beeka akka itti bule abbaatu beeka.
- Osoo akka yaada namaa tulluun diriiraa ta’a
- Osoo garaan addaan nama hin baasin, karaan addaan nama baasa
- Osoo gubadhuun kolfa jette akaayiin.
- Osoo hin hubatiin harka hin gubatiin.
- Osoo hin hubatin hin dubbattin.
- Osoo horiin hin galin hattuun mooraa guutte.
- Osoo wajjiin gallee hoolaa, walii qallee” jette jeedalli sareen.
- Qaallu salphattu nama du’utti waaman
- Qalbii malee ijji hin argitu
- Qaroo dhabeessi “maal barbaadda” jennaan “ifa” jedhe
- Qarri qara hin muru.
- Qeerransa eegee hin qaban, qaban gadi hin dhisan
- Qeerrensa eegee hin qaban qaban gad hin dhiisan.
- Qeesii mataa sabbataa amajaaja dabboo sanbataa jedhu.
- Qilleensarratti mana hin ijaaran.
- Qoree dur dirteef hiyyessi okkola
- Qottoon maal nu godhe, kan nu miidhe muka keenya isa jallate jedhe mukni jigan jedhan.
- Qunceen wal gargaartee arba hiiti.
- Qunnii buqqisaniit, abaabilleetti darbu.
- Qunxur mana fixxee cimmif mana gattii, jedhan.
- Quufan malee hin utaalani utaalan malee hin cabani.
- Quuqaa cinaacha jalaa abbaatu beeka
- Raafuu fixee rafuu dide.
- Raafuun hanga okkoteen qabatu affeelan.
- Re’een baala agarte qeerransa hin argitu
- Re’een kan ofii hin beektu sareedhan eegee gad qabadhu jetti.
- Re’een kan tokkoo raafuun kan tokkoo, kis jennee kiisii dabalanne
- Roobiin garbaa baatee, fiixeensa arraabdi.
- Roobuus caamus ijii misiraa lama.
- Sababa jette ballaan farda yaabdee.
- Sagal ka’uu irra sagal waamuu wayya
- Salphinni abbaa lafaa bara midhaan bade.
- Salphoo soqolatte, soqolaa gargaaru
- Sangaa ofiinuu alba’u eegee qabdee raaftaa?
- Sangaan bara qote hedata
- Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata
- Sangaan biyya ofiitti bookkisu, biyya ormaatti ni mar’ata.
- Sanyii ibiddaa daaratuu nama guba.
- Sanyiin buqqee miiciraantu hadhaa’a
- Sanyiin waan facaasan magarti.
- Saree adeemtuu dill’uu goromsaatu darba.
- Sareen namaan buluuf udaan namaa nyaati.
- Sareen sarbaa hinqabdu mukarbaa hinyaabbattu.
- Saroonni walnyaatti kan ishii nyaatu hin argan
- Sa’aa eegee hin qabne cirriin hin sodaattu
- Silaa dhufa hin ooluu kajeelaa dura waami
- Silaa dhufa hin ooluu, kajeelaa dura waami
- Sinbira lubbuuuf kaattu ijoolleen tapha seeti.
- Sirbaaf dhufanii morma hin qusatan
- Soddaa jiruu sanuu balbala jiruu wal hin lolan!
- Soogidda ofii jettu mi’aayi anaa jettu dhagaa tahi.
- Sossobbiin madaa hin foyyessu
- Surree namaa ergisani irra hin taa’inii hin jedhani
- Suuraan gaariin abbaa fakkaata.
- Suuta deeman suuta qoreen nama waraanti
- Taakuu dhiiftee dhundhuma deemti.
- Tafkiin gaafa haxaawan, gowwaan gaafa gorsan itti abaasa.
- Tafkiin lafatti walnyaatti, namarratti wal baatti.
- Tafkiin utaaltus laga hin ceetu.
- Takkaa diimanne jette nuugiin.
- Takkuman kufee, suutan ka’a” jette jaartiin
- Tanaa warri rafnaan jette sareen.
- Tika didaan dhiyaana dida.
- Tikseen taakkuutti dhiistee dhumdhumatti kaati.
- Tiruun bulte lafee taati.
- Tokko namaatu nama dida, kan lammata abbaatu of dida.
- Tunis dhukkuba taateef tessuma nama dhowitii jedhe namichi dhullaan qabde
- Tuulamanii taa’anii waaqa ofii hin komatan
- Ukkaamamee raafamnaan aannanu qabee cabsa
- Ulfeessaniit ulfaatu jettet haati ilmaaf farda qabde.
- Waan biyyaa bilbilli iyya
- Waan Dabruuf maqaa hin dabarre hin fuudhan
- Waan dhufu hin beekanii saree tana akaayii barsiisaa
- Waan gaarii seetee mimmixa dhuka ykn bobaa jala kaawwatte.
- Waan qabaniin gabaa bahu.
- Waan uffattu hin qabduu aguuggattee haaddi
- Waan waaqni qocaaf kaa’e illeettiin hin fudhattu
- Waan warri waarii jedhu ijoollleen waaree jetti
- Waanyoon yoo kufan waan caban nama seeti!
- Waaqatu nu eega jedhanii balbala banaa hin bulan
- Waaqayyo beekee bofa miila dhowwate
- Waaqni duumessaa’e roobuu hin oolu
- Wacitii abbaan cabsee kaa’e, kan dhiqee kaa’e itti kakata.
- Wal jaalateef lafoon wal hin hudeeltu!
- Wallaalaan bishaan keessa dhaabatee dheebota
- Wallaalan bishaan keessatti dheebota!
- Wanta odeessanii fi wanta bobeessan hin dhaban.
- Waraabessa darbee sareen dutte.
- Waraabessi biyya ofii nama haanyaatuu.
- Waraabessi guyyaan yuuse beekkachiise
- Waraabessi waa nyaatu tokkuma kan maqaan badu hunduma
- Waraabessii biyya namni isa hin beekne dhaqee itillee naa hafaa jedhe.
- Warra afaan walii beekuu, harreetu balbala cufa.
- Warra walnyaatu jidduudhaa waa nyaatu
- Warri guddaan aduurree wasaasaa baata
- Warruma keennaa harreen hin taane jedhe namichi booyyee ari’ee.
- Yaa anaa durii” jette cirrin fadrdarraa kuftee.
- Yaa cubbuu “essa dhaqxa” jannaan “bakka itti na ergan” jatte
- Yaa marqaa si afuufuun si liqimsuuf jedhe.
- Yaa saree ciidhni akkami” jennaan “isa quufe hin kadhatu, isa beela’e immoo ni dhowwatu” jette. Kan akka fardaa nyaatu gaafa waan nyaatu dhabe du’a. ” Jedhe kormaan hoolaa korbessa re’en
- Yaadni hamaan nama huqqisa
- Yaanni karaa hin dhaleessu.
- Yaawaaq siifan ka’a, achumaanan gaayyaa koo fudhadha jette jaartiin.
- Yoo akka nyaattu homaa hin taatu yoo akka aadduu barana him baatu
- Yoo baay’ate dammis ni hadhaawa
- Yoo dheeraan tarkaanfii malu, gabaabaan hulluqaa malata.
- Yoo hundumasaa dubbatan garaan duwwaatti hafa jedhan.
- Yoo itti hubatanii ilaalan tafkiin ija qabdi
- Yoo rakkatan fala barbaadan
- Yoo waraabessarraa hafte keenya” jette sareen, harreedhan
- Yoon ani du’e araddaan hin margin jette harreen.
Search This Blog
Labels
- |Technology| (46)
- |Gorsa/Advice| (45)
- General K/ge (31)
- |E-Learning| (30)
- |Afoola Oromoo| (29)
- |Walaloo/Peom| (22)
- |Seenaa/History| (19)
- |Hafuurawaa/Spritual| (6)
- |Gallery| (5)
- |Videos| (4)
- |Qoosaa(Comedy)| (2)
- |Vocabulary| (2)
3/28/2024
Makmaaksa #2
Subscribe to:
Post Comments (Atom)
Logo Maker
Tips to Download and Use Logo Maker: Here are some of the best logo maker software options you can download for Windows : 1. Canva (Web-Bas...
popular posts
-
WaliinChat - Poe WaliinChat is a free version of ChatGPT that assist you without limitation. You can ask whatever you want and then it wi...
-
Loqoda warra baha biiftuu (Harargee) warra jaalalaa💗 Hiigaa = Mee sirritti qalbiin dhaggeeffadhu. Qaxaph = Yaadachuu Kataf = Tasa Walitti...
-
Sure, here are 100 multiple-choice questions with answers related to airlines and trainee pilot: What is the maximum altitude that a commerc...
-
THE EASIEST WAY TO UNDERSTAND FRONT-END, BACK-END, AND APIs Imagine a restaurant as a software application. The front end is what the custom...
No comments:
Post a Comment
I need your suggestion