5/16/2024

Oromoo Maccaa

Oromoon Maccaa

Oromoon Maccaaa balbala shan qaba. Isaanis, Liiban, Guduruu, Jaawwii, Daallee (Daadhii) fi Jidda.

1. Warra Liiban - Isaan kun warra angafa Oromoo Maccaati. Liiban kun gosoota sadii qaba, Walisoo, Ammayya fi Kuttaayee jedhamu. Ilmaan Liiban qubsumaan amma kan jiraatan godina Shawaa lixaa fi Sh/K/L keessa. Sirni Gadaa Oromoo Maccaa ilmaan Liibaniin durfamu Odaa Bisil kan naannawaa magaalaa Ijaajjiitti argamu jalatti ta'ama ture.
2. Warra Guduruu - isaan kun baldhinaan godina H/G/W keessa jiraatu. Guduruun sagal jedhama. Akkasumas sirna Gadaa Oromoo Maccaa kan Odaa Bisil Godina Shawaa Lixaa Aanaa Illuu Galaanitti argamuun alatti Odaa Bulluq kan jedhamu jalatti bulaa turan Warri Guduruu
๐Ÿ‘Œ
3. Warra Jaawwii - Isaan kun Oromoota Maccaa ilmaan Jaawwii warra laga Abbayyaa gamanatti irra jireessaan godina Wallagga Bahaa aanaalee akka Giddaa, Kiiramuu, Eebantuu, Limmuu Galiilaa, Amuuruu faa keessa jiraatan akkasumas Oromoota Gojjam (Aanaa Jaawwii, Buree) fi Matakkal faa keessa jiraataniidha.
4. Warra Daallee (Daadhii) - isaan kun oromoota maccaa keessaa warra baayyeedha. Isaan kun qubsumaan godinaalee afur keessatti argamu. Godina Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Booraa (Buunnoon kan Tummee, Tummeen Kan Daallee), Sayyoo (Qellem Wallaggaa), Leeqaa (Wallagga Bahaa, warra Gomboo (Wallagga Lixaa) fi kkf keessa jiraataniidha. Ilmaan Daallee 7.
5. Warra Jiddaa - isaan kun oromoota maccaa qubsumaa fi jireenyi isaanii laga Gibee waliin walitti hidhateedha. Walumaagala warra Jiddaa kan jedhaman warra Jimmaa fi Gibee Gamaati. 5G warra jedhan sana jechuudha
๐Ÿ‘Œ
Source: Being an oromo (author Robert Willmauke 1885)
Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 20





So funny

 What a meme?

popular posts