2/21/2024

Baallii

Wal qabatoo akka -gaarren Himaaliyaa

Warra duudhaa -warra abbaa biyyaa
.
Warra gadaan shanii - warra garaan tokkoo
Qe'ee ardaa jilaa - gumii Me'ee Bokkoo
.
Wirtuu Dimokraasiiti -madda qaroominaa
Oromummaan faaya; Gadaan quufaa gabbina!
.
Qilleensi baraa -sin hin raasiin!
Bineensi addaan -sin hin baasiin!
.
Addaafi Addunyaa -isiniif haa laatu!
Amajaajni keessan -habaqii haa taatu!
.
Akka laga Abbayyaa -guutaa dambali'aa
Fagaadhaa qaari'aa -lafa yaaddan ga'aa
.
Halaalaa mul'adhaa -akka urjii gaalessaa
Isiniif haa laatu -umrii harraagessaa!



Woluman Urgesa
Feb 21/2024

The Most Iconic Resignation Reply

  HR: Can we talk about your resignation? 🥹 Employee: Sure, after my last working day. 😂 Corporate life at its peak! 1. HR wants to discus...

popular posts