1/17/2024

Obbo Haayilee Gabree Lubee Eenyu?

(Maanguddoo nageenyaaf aarsaa lubbuu kaffaluu dhaadatan)



Maanguddoon biyyaa Obbo Haayilee Gabree bara mootii Haayilesillaasee irraa eegalanii waldaa hojii gamtaatti cichanii babal'isaa nama turan ta'utu himama.

Isaanis waldaan hojii gamtaa utubaa jiruu fi jireenya hiyyeessaati jedhanii amanu.

Obbo Haayileen nageenyaaf bakka guddaa akka kennan, kutannoo isaan mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti nagaa buusuuf mul'isan irraa hubatameera.

Maanguddoon umurii waggaa 75 kun, yeroo ammaa hambaa muuxannoo jireenyaa fi barnootaa isaanii kan ta'e waldaa bunaa tokko irratti xiyyeefatanii hojjechuun maatiisaanii jiraachisu.

Dhimmoota jaarsummaa fi araara biyyaalessaa keessattis qooda fudhatu.

Maanguddoon kun turtii BBC waliin taasisaniin muuxannoo fi mudannoo jireenyasaanii keessatti hanga ammaatti dabarsan dubbatan.

Gaaffii fi deebii waliin taasifne akka itti aanu kanatti dhiheessina, diyaadhaa. 

BBC: Obbo Haayile! waan nu waliin gaaffiif deebii kana taasisuuf hayyamamoo taataniif galatoomaa! Asumaan waa'ee jireenya ijoollummaa keessan nu yaadachiisaa mee!

Obbo Haayilee: Maqaan koo ganamaa kan maatiin naaf moggaasan Abdii Dhugooti. Haayilee Gabree kan jedhu Haayilamaariyaam Gabrayyasuus kan jedhu kan maqaa kiristinnaa irraa gabaabbateedha. Waa gabaabsuu waanan jaalladhuufan wayitan barumsa galu maqaa kiyyallee gabaasee himadhe.

ALI bara 1940, yeroo sana konyaa Geedoo kan jedhamu, yeroo ammaa Gujii Lixaa kan ta’ettan dhaladhe. Iddoon dhaloota koo Abuusa Awwaaroo jedhama. Abuusa Awwaaroo maqaa abaabilee kiyyaati. Warri kiyya horsiisee bulaa waan ta’aniif ijoollummaa kiyyaan jabbileellee eegeera, qoteerallee.

BBC: Ijoollummaatti horii tiksuu fi hojiin qonnaan alatti haalli barnoota keessanii akkam ture, eessatti eegaltan?

Obbo Haayilee: Bara 1948 mootummaan yeroo sanaa namoota gootota jedhuuf lafa kennaa ture. Lafti abbaa kiyyaa badda- daree waan ta’eef irraa nu kaasanii namoota kunneeniif kennan.

Sababa kanaan gosti kiyya guutuun bakka kana gadhiisanii kuun gara Bulee Horaa, gariin gara Qilleensoo, kuun ammo garuma Uraagaa godaanan. Maatiin kiyya gara Sidaamaa godaanan, an achittan guddadhe.

Ani abbaa maleen guddadhe, haati kiyya abbaa malee na guddiste. Jalqaba mana barumsaa magaalaa Yirgaalam irraa kiilomeetira 15 fagaatee argamu Beeraa kan jedhamu na galchite. Hanga kutaa ja’aa achitti baradheen haga 12 ammoo mana barumsaa Raas Dastaa Daamxootti baradhe.

Kutaa 12 xumuree bara 1974 Yuuniversitii Finfinnee wayitan seenu rakkoon waan tureef barachuu hin dandeenye. Bara 1975 illee itti deebinee barachuuf yaallee turre, garuu haalli baayyee rakkisaa waan tureef hin danda’amne.

BBC: Kanaaf akkam gootanarree, jechuun barnoota keessan eessatti itti fuftan? Isa booda maaltu isin mudate?

Obbo Haayilee: Yeroo sana akka carraa dhaabbati ''Hawasa Community Development Institute'' jedhamu kan amma Yuuniversitii Hawaasaa ta’e sagantaa leenjii gabaabaa (Flash Program) qopheessee ture.

Bara Haayilasillaasee lafti qonnaan bulaaf haa ta’u gaaffiin jedhu waan hammaateef namuu lafa karaa waldaatiin akka fayyadamu murtaa’e. Kana ammoo ogeessaan gaggeessuuf sagantaan leenjii kun bara 1965 eegale.

Achi dorgomee seeneen waggaa tokkoof dippiloomaadhaan baradhe. Eebbifamnee waggaa lama akkuma tajaajilleen Yuuniversitii Landanitti waa’ee hojii gamtaa akka barannu karoorri tokko ba’ee ture.

Barattoota yuuniversitii waggaa tokkoo fi waggaa lama baratan nama soddoma dorgomsiisanii fudhachuun nu leenjisan.

Leenjii kana akkuma xumurreen jijjiiramni mootummaa biyyattii keessatti dhufe. Ani dhimma labsii lafaa raawwachiisuufan achuma Sidaamaatti hafe. Kana keessatti mootummaa dargiin waldhabeen bara 1976 hanga 1978 hidhame.

Bara 1979 manaa hidhaatii ba’een barnoota digirii lammaffaa (MA) barachuuf gara Raashiyaa imale. Waa’ee waldaa hojii gamtaa wagga shaniif baradheen 1984 gara biyyaa deebi’e.

Yennaa sana waldaan babaldhataa waan tureef dargiin ogeessota leenjisuuf kolleejjii hojii gamtaa Yekatit 25 Cooperative Institute jedhamu Arsii keessatti bane ture. An achittan waggaa saddeet barsiise.

BBC: Waldaa hojii gamtaa bara dargii-Amraachii jedhamuun beekamu humna namaa akka qisaasessaa turee fi hagas mara bu’a qabeessa akka hin taane dubbatama. Isin akka nama keessatti hirmaatee darbeetti akkamiin ibsitu?

Obbo Haayilee: Barsiisummaan sun muuxannoo guddaa naaf ta’e. Ijaaramnii fi akkaataan waldaan hojii gamtaa itti deemaa ture rakkoo akka qabu muuxannoon horadhee fi gama saayinsiin waanan baradherraa ka’uun waraqaa sirreeffama akeeku tokko qopheesseen ture.

Qorannoo ga’aan kan hin deeggaramne ta’uu fi bulchiinsi isaas rakkoo qabaachuun eere.

Gabaasa kana bakka Mangistuu Haayilamaariyam fi qondaaltonni mootummaa olaanoon argamanittan dhiheesse. Gabaasi sun akkuma biyyaattuu dhiibbaa guddaa uume.

Haala Kanaan osoon hojjedhuu wayita dargiin kufu animmoo mootummaa ADWUI keessatti hojii koo itti fufe.

BBC: Bara Haayilesillaasee irraa eegaltanii hanga bara mootummaa ADWUI (bara mootummoota sadii) waldaa hojii gamtaarratti maaliif cichitan? Hagam buufattan?

Obbo Haayilee: Waa’ee waldaa hojii gamtaa durumaanuu xiqqoo nan beeka. Ijoollummaa koorraa keessatti hirmaachaan ture. Abbaa malee waanan guddadheef of gargaaree of barsiisuuf jecha muuxannoon horadhes laayyoo miti.

Wayitan mana barumsaa sadarkaa lammaffaa baradhu qotaa fi daldalaan ture. Yennaan baradhu sana bara 1966 waldaan bunaa- Waldaa hojii gamtaa Qonnaan bultootaa Daallee jedhamu hundaa’ee ture. Daalleen aanaa magaalaan Yirgaalem keessatti argamtuudha.

Waldaa kana keessatti miseensa ta’ee buna dhiheessaan ture. Yeroo sana bunni kiiloon tokko shilingi takka (saantima shantama) ture. Shilingii sanaan dursanii nu harkaa fuudhanii ganna keessa ammoo shilingi lama nuuf kaffalu. Kanaaf bu’aa waldaa yeroo sanan bare.

BBC: Dargiin kufnaan gara mootummaa naannoo Oromiyaatti akka makamtan natti himtan. Waldaa hojii gamtaa mootummaa dargii keessa ture itti fufsiisuun isinitti hin cimnee?

Obbo Haayilee: Bara 1991 dargiin kufee hanga 1993 namni waa’ee waldaa dhagahuu hin fedhu ture. Wanti hunduu karaa hin taaneen hojjetamaa waan tureef uummanni jiileera. Qonnaan bulaan, ogeessi, mootummaan waa’ee waldaa hadheeffatee jibba. Yoo itti kaaste ati diina.

Waa’ee waldaa yaada qajeelaa kan qabu ana qofatti gale. Namni ati ijaartu madaa qaba, ogeessi akkasi, mootummaan waldaan adeemsa sirna sooshaalistiiti jedha.

Biyyi rakkoo Kanaan xaxamte. Keessa ba’ee mootummaan akkuma itti xaa’oo raabsullee dhabe. Booda waan godhan dhabanii ''mee koottu, waanuma waldaa kana nutti himi'' naan jedhan.

Erga mari’annee booda labsii hojii gamtaa qotee bulaa 1985/86 jedhun qopheesse. Isa booda gara mootummaa naannoo Oromiyaatti deebi’een irratti hojjechuu eegalle.

Waldaalee duraan turan akkamiin itti fufsiifna kan jedhurratti mari’anne. Yeroo sana waldaalee 500 ta’antu Oromiyaa keessa turan.

Yoona kana uummanni waldaan waan gaarii akka ta’e, garuu hooggansa isaa akka jibbe ibsuu eegale. Nutis waldaaleen ogeessaan akka gaggeeffaman goone.

Hojii kana bu’a qabeessummaasaa mul’isuun mootummaa amansiisuunis qormaata guddaa ture. Rakkoo guddaan mootummaa mudatee ture raabsa xaa’oo fi sanyii filatamaati. Rakkoon gabaas tureera.

BBC: Waa’ee hundeeffama Baankii Hojii Gamtaa nutti himaa. Akkamiin waldaalee hojii gamtaa qonnaan bultootaan wal-hidhata?

Obbo Haayilee: Bara 1994 waldaa hojii gamtaa wayita karaa qabsiifannu rakkoon liqii naannoo Oromiyaa mudate. Yeroo sana mootummaan naannoo Oromiyaa xaa’oof qofa waggaa waggaan birrii miiliyoona 400 liqeeffata.

Baankiin ammoo qabeenya qabsiiftan malee jedhee liqeessuu dide. Oomishi qonnaan bulaas akkuma beekamu gatii xaa’oo sirriitti hin deebisu.

Rakkoon kun mootummaa hudhee qabe. Hojii gamtaa ammoo yoomiyyuu taanaan liqii malee hojjechuun hin danda’amu, har’allee.

Rakkoo kana keessaa ba’uuf maal goona jennee wayita mari’annu baankii hojii gamtaa hundeessuun dirqama ta’ee nutti mul’ate. Yeroo sanatti baankii hundeessuuf rakkoo hedduutu nu mudate.

Maallaqi baankii hundeessuuf barbaachisu birrii miiliyoona 10 kan ture wayita nuti adeemsa eegallu miiliyoona 75 ta’e. Rakkoon biraan ogeessaa fi hooggansa. Eessaa akka fidnu wallaalle. Hubannoo dhabuunis rakkoo guddaa ture.

Jibbiinsi waldaa hojii gamtaa irratti mul’ate adeemsa baankii hojii gamtaa hundeessuu keessattis bal’inaan mudateera. Tumsa qotee bulaan maallaqa barbaachisu arganne, ogeessas ittuma cichinee horanne.

Haala Kanaan Baankii hojii gamtaa erga hundeessinee booda ammoo rakkoo hamaan nu mudate- mootummaan nuuf galmeessuu dide.

Yeroon sun yeroo mootummaan naannoo Oromiyaa teessoo isaa Finfinneerraa gara Adaamaatti jijjiiruun odeeffamaa tureedha. Kanaaf Adaamaatti galmeeffadhaa nuun jedhe mootummaan federaalaa.

Kan galmeessuuf aboo qabu ammoo Baankii Biyyaalessaati, rakkoo guddoo keessa seenne.

Gaafan waanan godhu dhabu yeroo sana Ministira Muummee kan turan Obbo Mallas biran deeme. Yeroo kana birrii miiliyoona 67 qotee bulaa Oromoorraa walitti guurreerra.

Baankiin kun hin galmaa’u taanaan maallaqi kun hundi lafatti bada. Kunimmoo uummata Oromoo waliin walitti isin buusa jedheen itti hime.

Isa booda akka nuuf galmaa’u ajaja dabarsan. Baankii kana erga hundeessinee booda galmeessisuuf waggaa lama nutti fudhate.

BBC: Itoophiyaa keessatti baankiin hojii gamtaa kan Oromiyaa qofaa? Yoo akkas ta’e maaliif?

Obbo Haayilee: Hundeeffamuun Baankii Hojii gamtaa Oromiyaa baankiiwwan kaan Oromiyaa keessa jiranii fi baankiiwwan biyyattii hedduuf bu’uura kaa’e.

Baankii Hojii gamtaa kan Oromiyaa erga hundeessinee booda naannolee biyyattii kaan keessattis akka hundeessinuuf waliigallee, mootummaan baajata birrii miiliyoona 500 naaf ramadeera.

Garuu naannoleen biyyattii fi magaalaan Finfinnee maqaa hojii gamtaa jedhuun hundeessuu didan.

Baankii Intarnaashinaalii Addis (Finfinnee), Baankii Dabuub Giloobaal (naannoo kibbaa), Baankii Abbaay (naannoo Amaaraa), Baankii Anbassaa (naannoo Tigraay) hundinuu waldaalee hojii gamtaarraa maallaqa funaanameen ijaaraman. Garuu maqaa kana ofirraa dhiiban.

BBC: Baankii hojii gamtaan alatti waldaaleen hundeessitan kam fa’i?

Obbo Haayilee: Waldaalee hojii gamtaa biyya kana keessa jiran hundumaa natu hundeesse. Waldaa oomishtootaa fi ala ergitoota bunaa, kan albuudaa, kan kuduraa fi muduraa Maqii- Baatuu hundeesseera. Amma hunduu socho’aa jiru.

BBC: Amma maalirra jirtu? Achumaan haala maatii keessaniis nutti himaa!

Obbo Haayilee: An amma sooroma ba’een iddoo dhaloota koo Gujii magaalaa Shaakkisootti galee jira. Yennaa tokko tokko Finfinneellee nan jiraadha.

Maatiin kiyya bal’aadha. Ijoollee ofii kiyyaa dhalche ijoollee dubaraa ja’an qaba. Hedduunsaanii barnootasaaniin haga digirii lammataa (Masters) baratanii hojiirra jiru. Kanan guddisu ammoo ijoollee 20 qaba.

Waldaa misooma buna uumamaa naannawa Sulula Mormor- Mormor River Valley Development Coffee (Mordocofe) jedhamun qaba. Miseensa gara 300 qaba. An boordii bulcha malee ijoolleema kiyyatu qindeessu.

BBC: Bara 2019 keessa koreen tokko mootummaa fi ABO gidduutti araara buusuufi Waraana Bilisummaa Oromoo bosona jiran deebisuuf hundeeffamee socho’aa ture.

Isin yeroo sana dubbiin isin "Araara kana milkeessuuf korma qaluun yoo barbaachise binnee qalla; nama qaluun yoo barbaachisemmoo anaan qalaa dhiiga kiyyaan araara buusaa,'' jettanii kan isin dubbattan namoota hedduu biratti dubbii ijoo tahee ture. Ammarra teessanii dubbii sana akkamiin ilaaltu?

Obbo Haayilee: Rakkoon uummata Oromoo, keessattuu dhimmi Adda Bilisummaa Oromoon walqabatee jiru bara bulchiinsa Haayilesillaasee irraa eegalee na yaachisa.

Ijoollee dhaaba kana hundeessite hunda waliin turre. Wayitan hidhamee ture kan na biraa dhuman isaani. Warra waliin hidhamne keessaa ana qofatu akka carraa lubbuun bahe.

Bara dargiis, darbee bara ADWUI's rakkoon kun daranuu hammaate. Namni ilaalcha Oromummaa qabaate hunduu (mootummaa keessas haata'u mootummaan alaa) ABO jedhamee dararama.

Kanaaf araara buusuuf namoota qindeeffadhee socho'uu kanan eegale ALI bara 2000 irratti. Koree miseensa 16 qabu hundeeffannee mootummaa fi ABO'n rakkoosaanii gaaddisatti akka xumuratan gaafanne.

Yennaa sana naannoo Oromiyaa keessatti barachuu fi hojjechuun rakkoo guddaa ture. Kanatu akka araara irratti xiyyeeffannu nu dirqamsiise.

Hojii araaraa yeroo sana hojjenneen haga tokko milkaa'uu eegallee turre. Dhukaasa dhaaburra akka ga'an goonee turre.

Ergasii miseensonni koree keenyaas ergama hojii garaagaraaf waan faffaca'aniif humna guutuun hojjechuu hindandeenye.

Osoo kanaan jirruu mootummaan TPLF deemee mootummaan ammaa wayita dhufu Adda Bilisummaa Oromoo waliin araara buusuu akka barbaadu ibse. An durumayyuu bara 1973 irraa eegalee ABO'n kaayyoosaa qabatee karaa nagaan akka qabsaa'un jechaa ture.

Yoo karaa nagaan qabsoofne kaayyoo keenya ni milkeessina. Kanaachi waraana yoomuu walirraa hin cinne keessa galla jechaan ture. Ammas karaa nagaa dhiifnee karaa waraanaa falmanna yoo ta'e lola dhalootaa dhalootatti darbu keessa seenna.

Rakkoon kun ammoo hundee rakkoo biyya kanaati, hundee rakkoo Gaanfa Afrikaati. Dhimma ABO/WBO moggaatti baasanii ammoo biyya kana nagaa taasifna jechuun hin yaadamu. An har'allee amantaan kiyya rakkoon kun hiikkachuuf marii guddaan gaggeeffamuu qaba kan jedhuudha.

Kanaafani nageenyi akka dhufuuf wareegamallee kaffaluu qabna kanan jedhe.

Ammallee taanaan nageenya fiduuf wareegama lubbuu gaafata yoo ta'e an nageenyaaf lubbuu koo nan kenna.

Nagaa fi tasgabbiin Oromiyaa biyya Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane, gaanfa Afrikaa guutuuf utubaadha. Kanaaf dhimmi kun kan salphaatti ilaalamu miti.

Madda: Maanguddoon nageenyaaf aarsaa lubbuu kaffaluu dhaadatan Obbo Haayilee Gabree eenyu? - BBC News Afaan Oromoo

So funny

 What a meme?

popular posts