5/31/2024

โ€œ HARMEE โ€

โ€œ HARMEE โ€

~

Coqorsikoo utuu hin margin 

Ol jechuukoo utuu hin argin 

Uumaan akka sin fudhanne banee hulaa 

An ilmikee harka raaseen booโ€™aa bula!

Kanumaafanโ€š 

Jiruukooโ€™sa dhagaa qocaa 

Ciruudhaafan karaa boca.

Addakootiin gaara dhoosaa 

Galmakoottan faana loosa!

Taโ€™us garuuโ€š...

Boโ€™oon namni lukaan ceโ€™u naaf hurufa

Dooniin kaaniif dhagaa feโ€™u na urgufa.

Orma cinaaf lafa ejjechuun waan salphaadha

Na arginaan irri dachii naaf talbaadha!

Akka kanaan yoo carraankoo na dheessitu

Shaxeen gaabbii yoo dirrakoo madeessituโ€š...

Sagaleekee sana baqa

Suuqa keessaan suuqa soqa!

Hangakeetti caba eeltee cabaa nyaachaa

โ€œMaal rakkatte?โ€ naan jechuunkee na maraacha!

Kanaafidha kan faannikoo  si baqattu

Malee โ€˜aayyoโ€™ bar yaadnikoo sin dagattu!

Yaa deesseekooโ€š...!

Siif milkiinkee kadhatnikee waariif guyyaa

Fayyaa taโ€™ee nagaan bahee galuu kiyya!

Anaaf garuu hiikni guutuun milkaaโ€™uudhaa

Hanga boosse bakka boontu si kaaโ€™uudha!

Nan amanaโ€š...

Guyyaa keessaa jabaa tokko guyyaa guddaa 

Cidha milkiif gaafan waamu qomoo hundaa 

As gahuukoof akka taate lafee dugdaaโ€š...

Nan lallaba; nan mammaaka sitti marmee 

Hangasittiโ€š... kadhannaakee cimsi โ€˜harmeeโ€™!

Madda: Aga Guda NL  

How to Bypass Windows 10/11 (for Dell Computers)

๐Ÿ”’ Windows 11 Password Reset (Dell Computer) ๐Ÿ”ต Before You Start: A bootable Windows 11 USB is ready. Insert USB into Dell PC...

popular posts