1/27/2024

Warri soddaa intala heerumteen maal jedhenii arrabbsu?

 

Warri soddaa intala heerumteen maal jedhenii arrabbsu?

Kan akkashee argatte isheenoo
Akaafaan ejjata miinzeenoo
Shafaafaa muujaleen naannoo
Bargaanfataa dhufte kuunnoo...
Kan haati dhaltee
Kosii keessa keesse
Jaartiin qoortuun kuni
Akkamiin har'a geesse
Yeroo mana abbaakoo dhuftu
Maaltu boquu si cabse
Maaltu si qaanesse?
Ol jedhii natti himi
Eda Urroo dibattee
Diinqa harmee kee teessee
Maalfaa jettee boosse?
Yeroo ati gadditu...
Hiriyeen dhageessee
Firri fagoof dhiyoo
Kan walitti odeesse...
Akkas jettee boossee?
"Irraangadeen kufee
Irraanfadheen dhufee
Karaa kooraa jalaa
Moccooree moccooree
Ani maalan godhee?
Obboo kootoo godhee
Anoo fideen dhufee
Kooraa fardaatu fixee?
qoraan dhaqnaan badee
Kolaafamee badee
Boo'ee na kadhannaan
Innoo na mararran
Suubboof kenneen dhufee..."
Jedhee si'ii boo'u
Hundatu dhaga'ee
Ollaan yoo haasa'u.
Muka arbaa gaaddisa Leensee
Durbummaa gaaddisa keessee
Isafaa gaabbita teessee
Sii ofonfolee si fardatu godhee
hammi Gandaa si hobobsaa
munneen Kee dhiiga coccobsaa
Gidaamiin talbaa facaasaa
Inshilaala naannesseetoo
Injiraan sitti haa naqumee
Qinxiraama naannesseetoo
🙈
🙈
Kan funyaan cilaattii
Eessa Koo jibbitaa?
Kan wannoon gurraattii
Kan wandaboon udduurraan ciccitaa
Abidaaruu galatee..
Yoo si dhiisan maal qaba?
Kan si caalutu dhalatee
Gatamaan baala harcaafate
Eessaa fuute yaa Obbookoo
Gatamtuu biyyi irraanfate
😭
😭
Birriin obboo saanduqii tokkoo
Niitiin obboo waan silmii tokkoo
Egaa hin baddee yaa birrii obboo
😥

 Madda: Alex Taye





Warri soddaa gurbaa fuudheen maal jedhenii arrabbsu?

Warri soddaa gurbaa fuudheen maal jedhenii arrabbsu?

"Yaa soddaa Obboo sooressaa 
Soddaan argaa na dabarsaa
Diinqan darbaa na dabarsaa
Mana abbayyoo koo - mana abbaa hintalaa
Hoolaan aseentee - Gilgilii fixxee
Mana abbayyoo koo - mana abbaa gurbaa
Golfaan aseentee - sinkirii dhiqxe
Yoo sareen gamanaa dutte
Yoo sareen gamasii dutte
Soddichoo silaa dabeessaa
Gadi kaateee cufaa jabeessa
ol kaatee haadhatti odeessa
albaatiin goorroo balleessa
fincaaniin daaraa basseesa
Haa cabu dhiira shan keessaa!
Ari'aa asii balleessaa
kun gurra dhiiraa balleessa
Maaf lafa ilaalaa?
Silaa dhalaa dhaa?
Mee jala ilaalaa.
Maaf lafa ilaaltaa?
Sodaachuu feetee?
Maaf karaa ilaaltaa?
Baqachuu feetee?
Asiinooo anaa
Achiinoo manaa
Karaa kam baataa?
Hardhuma albaataa!
Albaatu hin harta
Hartu hin salphatta!
Hojjaa dheerattaa
Riqichaaf toltaa
Sirra adeeminnaa..
Garaa baldhattaa
Dinnichaaf toltaa
Sitti affeelinnaa?
Jiini aduu qabaa
Hinifuuf malee
Yoo ifes maali?
Ani oduu qaba
Hin himuuf malee
Yoon himes maalii?
Soddeen ulfaaye
Da'a wallaale
Yaa Maaram hiiki
Mucaa harkaa miidhi.
Waddeessa gaaraa
Fardeen jigsitee
Jalli awwaarofte;
Magan yaa sodde
Qaccee si jalaa
Nadheen jibbite
Garbi ayyaanofte
Baga qaanofte.
Aabbee soddaa koo
Alangaa raaftaa
Munnee na dhaantaa?
Otuu na dhaantee
Shantama baafta
Dhibbaan samaanta.
Shantamni koo ti
Dhibbi kan mootii
Yaa sodde mooji!
Durba hin fuutu yaa suubboo
Gatiin Keenya jaatama
uwwisaan torbaatama
Jedhee dhaame abbaan durbaa
Dhaggeeffadhu yaa gurbaa!
Cidhaan keen argee
Kan jilbaan qixxee
Nallee hin saalfattuu?
Saphii hin aaddattuu?
Cidhaan keen argee
Kan cittoon fixxee
hin sassaabbattuu
kan gad baafattu ?
🙈
Agadaa baala duroo
Inni akkas kooru kunoo
Garbicha Keenya duroo
Yaa hiree rooba ...Yaa hiree
Akka naan jedhee Soddaan Koo
"Haadha Koo beektaa?" Naan jedhe
Haadha isaa maalin wallaalee
dhaabii tamboo irra gugguuftii
Akka harree dhaltuu dhudhuuftii
Agadaa ishee mukaan Mukoo
Soddaa Koo ishee munneen bukoo
Itti buufaa hin bilcheessinaa
Sanyii namaan qixxeessinaa
Somaa eeboo cabaa
wayyoo eeboo dhabaa
Hiriyee koon dhabaa
Fudhatee sokka kunooyee
Agadaa qaaruutti nyaatuu
Soddaan Koo maal ta'ee jamaa?
Kan cidhaan kaasutti baatuu
Barbaree baala sukkaaraa
Akka waan qotee as kaa'ee
Marmaree maa itti cuqqaalaa?
Arangamaa baala daggalaa
Gad baaseen miicca surree Kee
Ol fuudheen dhiita munnee kee
Yaa Gufuu baala Eebichaa
Dhuufuuf jirta dhudhuuftichaa
Maaliif karaa na eegsista?
Akaayii garbuu Qorii fallaanaa
Ati akaakuu Hin qabduu
gurbaa sooromni Ayyaanaa...."



Madda: Alex Taye

 

 

So funny

 What a meme?

popular posts