1/27/2024

Warri soddaa intala heerumteen maal jedhenii arrabbsu?

 

Warri soddaa intala heerumteen maal jedhenii arrabbsu?

Kan akkashee argatte isheenoo
Akaafaan ejjata miinzeenoo
Shafaafaa muujaleen naannoo
Bargaanfataa dhufte kuunnoo...
Kan haati dhaltee
Kosii keessa keesse
Jaartiin qoortuun kuni
Akkamiin har'a geesse
Yeroo mana abbaakoo dhuftu
Maaltu boquu si cabse
Maaltu si qaanesse?
Ol jedhii natti himi
Eda Urroo dibattee
Diinqa harmee kee teessee
Maalfaa jettee boosse?
Yeroo ati gadditu...
Hiriyeen dhageessee
Firri fagoof dhiyoo
Kan walitti odeesse...
Akkas jettee boossee?
"Irraangadeen kufee
Irraanfadheen dhufee
Karaa kooraa jalaa
Moccooree moccooree
Ani maalan godhee?
Obboo kootoo godhee
Anoo fideen dhufee
Kooraa fardaatu fixee?
qoraan dhaqnaan badee
Kolaafamee badee
Boo'ee na kadhannaan
Innoo na mararran
Suubboof kenneen dhufee..."
Jedhee si'ii boo'u
Hundatu dhaga'ee
Ollaan yoo haasa'u.
Muka arbaa gaaddisa Leensee
Durbummaa gaaddisa keessee
Isafaa gaabbita teessee
Sii ofonfolee si fardatu godhee
hammi Gandaa si hobobsaa
munneen Kee dhiiga coccobsaa
Gidaamiin talbaa facaasaa
Inshilaala naannesseetoo
Injiraan sitti haa naqumee
Qinxiraama naannesseetoo
๐Ÿ™ˆ
๐Ÿ™ˆ
Kan funyaan cilaattii
Eessa Koo jibbitaa?
Kan wannoon gurraattii
Kan wandaboon udduurraan ciccitaa
Abidaaruu galatee..
Yoo si dhiisan maal qaba?
Kan si caalutu dhalatee
Gatamaan baala harcaafate
Eessaa fuute yaa Obbookoo
Gatamtuu biyyi irraanfate
๐Ÿ˜ญ
๐Ÿ˜ญ
Birriin obboo saanduqii tokkoo
Niitiin obboo waan silmii tokkoo
Egaa hin baddee yaa birrii obboo
๐Ÿ˜ฅ

 Madda: Alex Taye





No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame Madda suuraa, Olaanii Ita'aa Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oro...

popular posts