Biraayyan Diyaakoon jedhama. Fulbaana 13 bara 1949 dhalate. Artistii beekamaa Biriteen yoo ta'u, bara 1979 fiilmii Yesus jedhamu kan dhaabbatni wangeelaa Pirojektii Fiilmii Yesuus qopheesse keessatti Yesusiin fakkeessuun beekama. Dorgomtoota artistoota 900 keessaa Daarektara Heeyman jedhamuun tokkoffaa ta'uun filatamee fiilmii kana irratti hirmaate.
Diyaakoon Oksifoorditti kan dhalate, boodarra achuma Tiyaatira Dargaggoota Oksifoorditti leenji'e.Yeroo lama fuudheera.Tokkoffaa Rula Lenska (1977-1987) waliin intala Lara Parker Diyaakoon jedhamtu qaba ture. Gaa'ila isaa kan duraa erga diigee booda Bara 1998 Naataalii Bilooch jedhamtu wajjiin gaa'ila ijaarate.
Kitaaba kakuu Moofaa, Seera Baโuu 20:3-6 irratti
Waaqayyo akkana jedha,โana bukkeettiโyookiin โana durattiโ bifa qirixame, fakkeenya wanta ol waaqa irra jiru, gad lafa irra jiru,yookiin bishaan keessa lafa jala jiru hin tolfatin! Ati bifa fakkeenya kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjatin! Ani waaqayyo gooftaan kee waaqayyo hinaafaadha"โฆ.
Warri Suuraa isaa Manaa Qabdan Yasuusiin hin se'inaa jechamaaf isinii barreesse.Nagaa fi Buna hin dhabinaa!
Maddi: Wikipedia