8/11/2023

Makmaaksa #01

Mimmiliqxuu jechoota dubbiifi Makmaaksa

Manni kee karaa duraa bira darbarreef malee, Malli kee dhagaa uraa situ hin hubanneef malee!
Gabaa kaleessaa Shureen maal odeessaa? Nama alagaa keessaa, nama lammii hin qabneef cupheetu obbolleessa.๐Ÿ—ก️
Kan jaalalli ajjeesse duuni maqaa fuudhe. Warra Jiloo keessaa situ caala yaa garbii, waanuma qaban keessa situ caala yaa qalbii.
Iji jaarsaa durba ilaaluu, ija durbaa immoo qara ilaaluu, mee hubadhaa kana ilaalaa!๐Ÿ˜
Tulluun lafaa wajjin, toluun walii wajjin, kofoon sirbaa wajjin, niitiin dhirsaa wajjin, kittaan qomaa wajjin, haasaan yeroo wajjin, kooraan fardaa wajjin, kooruun qomoo wajjin...
๐–ฌ๐–บ๐–ฝ๐–ฝ๐—‚: Manguddootaa ๐–ฎ๐—‹๐—ˆ๐—†๐—ˆ๐—ˆ ๐—๐—‚!
* * * * *
๐–ฌ๐– ๐–ช๐–ฌ๐– ๐– ๐–ช๐–ฒ๐– !
Kan caaluttan ba'a jettee mancaatuutti baate, kan waaq namaaf kaa'e cululleen hin fuudhattu!
Jaartii dhibeen mataa murachiise ormi misirroo se'a!
Jiguu gufuutii fi du'a hiyyeessa namni hin dhaga'u!
Indaaqoon yaada malee nyaatan yaadatan baallee qabdi!
Ijoolleen jaldeessaa amalaan hin bultuu fuulaan hin heerumtu!
Hiyyeessa yeroo iddoo dhowwaatu dhuufuu itti buusa!
Harmatu lama malee aannan tokkichuma!
Harki waaqni kute hin latu!
Hin qabnu hin haaddannu jette qaaqeen!
Gurri biqila jette niitiin!
Keessummaan goorduuba argatte diinqa kajeelti!
Lafa nama dhibe ammaa amma qaqqabatu!
Lafa beekanitti saawwa yaasu!
๐–ฌ๐–บ๐—Š๐–บ๐–บ๐—‡ ๐–ป๐–บ๐—‹๐–บ๐—‡๐–บ ๐–ป๐–บ๐–บ๐—๐—‚, ๐–ซ๐—Ž๐–ป๐–ป๐—Ž๐—Ž๐—‡ ๐–ป๐–บ๐—‹๐–บ-๐–พ๐—€๐–พ๐—‹ ๐–ป๐–บ๐–บ๐—๐—‚!
G͟a͟r͟a͟a͟n͟ T͟a͟a͟j͟j͟a͟b͟a͟ h͟i͟n͟ q͟a͟b͟n͟e͟ H͟e͟e͟x͟o͟o͟ b͟a͟l͟a͟q͟q͟a͟m͟t͟i͟!๐Ÿ‘Œ





No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

So funny

 What a meme?

popular posts