5/13/2023

Quba harka kooโœ‹

Quba harka kooโœ‹ 

Nii hajoofte jedhee
kamiin keessaa kutu
yaa quba harka koo
hedduu na marartu
.
Oggaa baay'attanii
wal maddii gortani
nyaapha kabaltanii
biyya'rraa qoltani
.
Hardha maal taatanii
wal ilaaltu cookkoo
ormi'yyuu ni beeka
hundeen keessan tokko
.
Qubeellaa yoo ta'e ๐Ÿ’
kan abbaa carraati
gaarii waliif yaadaa
wal gaaduu dhiisaatii!

October 24, 2019G.C

Duratti tarkaanfadhu!

Duratti tarkaanfadhu!

Yaaddee yaadaan hin cabiin

mudannoo kee kaleessaa

Guyyaan har'aa bor miti

waanta haaraa dhageessa

.

"Kan darbe hin darbatan"

Kan dhufuuf aggaammadhu

Galma yaada kee gahuuf

duratti tarkaanfadhu!

 #KeepGoingForward...

ยฉ Woluman #the_traveler...โœ๏ธ

Kana Beektuu Laata?

Kana Beektuu Laata? 

Imala Hawaa

Saffisni_ifaa sekondii tokko keessatti naqa 25 ol dacheetti marsa.(mudhii lafaarra). Diyaameetirri lafaa naannoo mudhii lafaatti 12,756 KM qofa yemmuu taโ€™u ifni ammoo sekondii tokko keessatti gara 300,000 KM saffisuu dandaโ€™a. Bara_ifaa tokko jechuun ammoo fageenya ifni waggaa tokko keessatti haxiixuu dandaโ€™u jechuu dha. Ifni fageenya inni waggaa tokko keessatti imaluu dandaโ€™u, dimshaashumatti yemmuu shallagamu: gara KM 9,461,000,000,000(Tiriiliyoona_Sagalii_fi_Biiliyoona_dhibba_afurii_fi_Jaatamii_tokkoo)ti.
Amma ituu kaatanii xiyyaara hawaa kana keessa saffisa_sekondii_tokkotti_bara_ifaa_tokko eegee dhaabee furguggifamuu dandaโ€™u qabaattanii jennaan konkontanii yaabbattanii, silaa: > Sekondii 1 keessatti Sirna_Soolaarii (Biiftuu fi pilaanetotashee salgan) keessaa baatanii lafasaa walโ€™aaltu. Sekondii 20 keessatti urjii guddichaa fi baayโ€™ee calaqqisaa Siiriyees jedhamu kan ifni isaa Biiftuu keenyatti dachaa 25 ol naannaโ€™uufi guddinaanis gara dhibbeentaa 170% olii kan Biiftuu keenya caalu ceequu keessan irratti ilaaltu. >Daqiiqaa 30 ituu hin guutin, urjii Kaansar_99e jedhamee beekamu, kan guddinnisaa dachee keenyatti naqa lama taโ€™uu fi Daaymandii irraa hojjetametu fuula keessan duraa achii as isinitti calaqqisa. Achi geenyaan Biiliyeenerummaan xaba taโ€™eetu hiyyoomuun ulfaataa taโ€™a.๐Ÿ˜Š Dadhabdanimoo imala itti fufnuโ€ฆ.?

Kaansar_99e- Urjii_Daayimandii irraa akkuma nama dhiyoo gaโ€™ee deebiโ€™uu Doonii_Hawaa keessan sekondii tokkotti bara ifaa tokko deemu yoo yaabbattanii kaatan, daqiiqaa 10 keessatti, urjii Keepler_22b jedhamuu fi jireenyaaf mijataa taโ€™uu mala kan saayintistoonni jedhanii tilmaamanitti baatu. Dubbii keenyarratti, teknooloojii amma qabnuun, urjii kana bira imallee gaโ€™uuf waggaa kitila 10 ol nutti fudhata. Lafarraa ennaa saโ€™a 6 ituu addaan hin kutin xiyyaara keessan saffisa isaarraa kan kaโ€™e, sagaleesaa malee bifti isaa hin argamneen ximbriirtan, Gaalaaksii keenya Milkii_Weey jedhamee waamamu keessaa baatu. Gaafa gara-galtanii ilaaltanis, โ€œBakka dhalootakoo, qeโ€™eekoo, manakoo, mandarakoo lafa hiddi handhuuraakoo itti awwaalame!โ€ jettanii mararteen Milki_Weyii ilaaluun garaan isin raafama. Hammuma ol-fagaachaa deemtan, qeโ€™een keessan isinitti xiqqaataa deema waan taโ€™eef.๐Ÿ˜Š
Imala wal irraa hin cinne jiโ€™a tokkoo booda, Gaalaaksii ollaa keenyaa Andiroo_meedaa_gaalaaksii kan jedhamutti baatu. Waaโ€™een nama โ€œKaraa dheeraa deemtee dhuftee, gorii taaโ€™ii buna dhugi!โ€ isiniin jedhu argachuu, moojiree! Gaalaaksiin kun gaalaaksii keenya caalaa baayโ€™ee guddaafi urjiiwwan triiliyoonaan lakkaโ€™aman qaba. Yoo ijibbaattaniima imala itti fuftan, guyyaa 120 gidduutti, gaalaksiiwwan shantama qaariyuun sirna-gaalaaksii, gaalaaksiin keenyi Milki_Weyiinii fi Andiroo_meedaan keessatti argaman keessaa calaatu. 
Waggaa 3 ituu hin dhaabbatin ennaama balalii itti fuftan, gaalaksonni shantamaa ol isin bira kuttanii dhuftan, tuutowwan gaalaaksii Virgoo_Suupper_Kilaaster jedhamu keessaa tuqaa xinnoo tokko qofa taโ€™uusaa argitanii ajaaโ€™ibsiifannaa fi rifannaan harka keessan afaan keessan irra kaawwattu. 
Itti_fufa...

Source: Telila Deressa Gutema -The Billionnaire (Fb_Page)

Vocabulary (IT-Context)

Glossary [IT-Contex] 802.1 x protocol [ noun ] A network authentication protocol that opens ports for network access when an organization au...

popular posts