7/26/2024

Ilaamee 🐦#72

(...maal yo roobee,
duruu in roobaa...
jetti durbi jalbultii sirbattu fagoo irraa. Waarii.
...Dirree naana'ii kommee
jetti, wal jalaa qabdee ...)
-...haadha bunee
-oo koo
-buna hin qabduu?
-qaba illeedhaa
gurgureen raada tokko bitadhe raashoo
-ihii raashoo
-raadattiin in badde, raashoo
-ihii raashoo
-barbaacha isheen kahee
an, waan barbaadu beekaa
nama hin beekne reebaa
-n jedhe, raashoo
-ihii, raashoo
-jiga yaa'u, ceeka muru
jila taa'u, seera tumu
-ittin dhufe, raashoo
-ihii, raashoo
-raada koo agartanii?
-jedhe, raashoo
-...tokko taahu, tuuta nyaatu
moo, tuuta taahu, tokko nyaatu
...-tti dhufuu wayya?
hibboo hiiki, yaadaan fiigi, jedhan, raashoo
-ihii, raashoo
-hibboo hiikee, darbee fiige, raashoo
-ihii, raashoo
-akkoon akaakyyuu
maqaan ishee Anjuu dha
sabi abjuu hin qabne
ofiyuu abjuu dha
yoom himtaree Anjuu
yoom hiiktaree abjuu?
...Anjuun jechaa,
-yaada qabee, raada dhabee darbee fiige, raashoo
-ihii, raashoo
-kolfaa gabaa naanna'ee
kora sabaatin ba'e, raashoo
-ihii, raashoo
-raada koo agartanii?
jedhe, raashoo
-ihii, raashoo
...-Akaakoo Tukkaalee
Guujii baanaa
Bonayyaa Sooloo
Boroo-aanaa (Booranaa)
Leenjisoo Diigaa
Sikkisaa, finna
...maaliin cabe, Sikko
maaliin dabe, Mando
jedha biyyii
nagaan ayyaana
ayaanni niyyii
maal jetta atii?
jedhan, raashoo
-ihii, raashoo
...kan biyyi cabe
waan sadiin
kan niyyi dabe
waan sidiin:
Daargee, gaangee, qaanqee
sidiin sidii hamaa
raada koo raada koo
raada koo naaf himaa
jedhe, raashoo
...nan fiige nan darbe, raashoo
-ihii, raashoo
-sidii yaa'u darbee,
sidii taa'u arge,
raashoo
-ihii, raashoo
...-korma mogolchanii
rimaa gatachanii
Sikkisa, Mandooyuu
dhiirri geeshoo tumaa
beerri faandoo gubaa
aannoleetiin qotuu
aannaniin dhiqatuu
...raada koo agartanii?
jedhe, raashoo
-ihii raashoo
...lubaan bulla,
jedhe, biyii
qubaan bulla
hin jenne, biyii
nagaan qaallu,
qaalluun niyyii
Sikkisa, Mandooyuu
kuun hayyuu, kuun wayyuu
raada kee hin agarree
darbii gaaffu tarree,
naan jedhan, raashoo
-ihii, raashoo
-nan, fiige, nan darbe, raashoo
-ihii, raashoo
...-ya maccaa, ya maccaa
ibsaa mataa gucaa
dhinsaa maqaa mucaa
boruu karra dhiyaa
boorrataa mandiyaa
raada ko hin agarree
kan gaanfi waaqa taraaru
kan maalli ishee lafa haruu
...ittiin jedhe, raashoo
-ihii, raashoo
-...raada kee hin agarree
ya qarree, ya qarree
gadaan bulla
jedhe, biyyii
baraan bulla
hin jenne, biyii
ayaanni nagaa
nagaan niyii
maal jetta atii?
...naan jennaan, raashoo
-ihii, raashoo
-yammuun Leeqaa ba'uu
Abbaa-Seenaa ga'uu
raashoo,
-ihii, raashoo
raada koon argadhe, raashoo
-haadhi hamma baalaa
jabbiin hamma gaalaa
raashoo
-ihii, raashoo
-haadha qomattin fudhe
jabbii duddattin fudhe
raashoo
-ihii, raashoo
-dhaltii faarsaa
waatii baabsaa:
...jiya sokkaa
ya jiya sokkaa
roobsi bokkaa --
bokki-bokkeen
nu guddisaa
wayaa furdaa
nutti huwisaa
galaanni akka hin guune
qurxummiin hin duune!
...maal yo roobee
duruu in roobaa
jetti durbi jalbultii sirbattu fagoo irraa
...aduu-boosoo
ya aduu-boosoo
aduun-boosoo ba'ee
bosoqi boba'ee
dannabi bobba'ee
ya dannaba-aabbaa
aannoleen darabaa
jabbiloon darrabbaa!
...jetti, raashoo
-ihii, raashoo
-yammuu warra geenyuu
dika gubbaa teenyuu
hantuuaf' adurree
hojiin Waaqaa burree...
tokko mata-qaboo
tokko dhiiga-kophoo
bal'aan taahee ilaalaa
kan iji kalaalaa
ilaalu hin arguu
qoolaa
facaasu hin marguu
oolaa
-...maal siif godhu?
jedhe, Waaqni,
isa ija tokkoo(n)...
-isa tokko jaamsi
ija obboleessa koo
isa tokko dhaamsi
ifa obboleessa koo
yoos,
-anis fokkoo!
innis fokkoo!
walqixxee muraa raafuu
bal'aan bal'aa hin hinaafuu!
...jedhe, raashoo
-ihii, raashoo
-afooleen in teessii
sirba midhaansitii
sirna wal dhaansitii
raadden wal gaansitii...
-raashoo
-maaltu duuche,
qabata, eela kanaa
maal tu adooche,
labata, reera kanaa?
sooriyoo bobbaasaa
horee hora obaasaa?
ayyaanni isaa Walla
naqaan isaa Salbaani
horri isaa Finfinnee
mataan surree qabaa
surriin fayyaa qabaa
ruufaa, huufaa, kabaa
umurii harraagessaa
fayyaa akka gadamsaa
ariyee waa qabaa
fiigee waa qaqqabaa?
okkolaa, oggolaa
suubboo dhiira golaa?
jetti, absaalli, raashoo
-...jamaan wareera mugaa
jaamaan areera dhugaa
shaayiin Anjuu dubbisaa
abjuun maree kuffisaa--
...-akkoon akaakayyuu
maqaan ishee Anjuu dha
sabi abjuu hin qabne
ofiiyyuu abjuu dha
yoom himtaree Anjuu
yoom hiiktaree abjuu?!
...jetti, shaayiin, Anjuun
walaa taatee abjuun,
raashoo
...-ihii raashoo
...-machii dha, michii dha,
machii jaalalaa ti,
michii, libaallibbii
rukuttaa afuuraa ti,
hojii ayyaanaa ti
waamicha lubbuu ti
wiinama cubbuu ti
yoom himtaree Anjuu
yoom hiiktaree abjuu?
shaayiin, jennaan, raashoo,
-ihii raashoo
...-yo lootii gurraa naa tumtu
yo loomii furmaa naa cirtu
yo filaan mataa naa filtu
yo firaan nagaa naaf himtu
yo jiyaan callee naa dirtu
yo gurdaa hiiktee na injirtu
Anjuun, jennaan, raashoo
-ihii raashoo
...-akkoon akkaa
gayaa tu akka-malee
rakkoon rakka
guyyaat' takka malee!
...yoomiree?
...lafa tu kirkiraa
samii tu girgiraa
'saa ilaallaa--
akka qaqaa harcaasu
akka awwaara kaasu
awwaala diigaasaa
gargar nu hiikaasaa
yo nu waliin kaannu
yo waliin kaachiifnu
...yoomiree
yo Karra Waaqaa naa bantuu
yoon jabbiloo yaasee bobbaasuu
yoon jiboota bishaan obaasuu
yoon galu, karaa karra kee
yoon qalu, mijuu warra kee?
...yo Guyye ulaa nuu dhuftuu
yo Ayyole uraa nuu cuftuu,
yo Ateete muddaa nuu furtuu
...gaafas nutti hiftaa, halaalaan
gaafas nutti himtaa, haalaan?
...jette, shaayiin, Anjuun
maraanmartoo abjuun--
raashoo
...-maal yo roobee
duruu in roobaa
...-dirree naannayii kommee
jetti durbi jalbultii sirbattu fagoorraa... amma, golollisa, lafa-barii.

Source: Abba Ebba



So funny

 What a meme?

popular posts