5/19/2024

Sirna Gadaa

Sirna Gadaa

Sirna Gadaa sirna ittiin bulmaata Oromoo ti. Gadaan jaarmiyaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta'u, sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan uummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaafi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru. Keessumattu sirni kun uummata Oromoo Gujii fi Booranaa biratti hanga ammaatti osoo hin jeeqamin jeebantummaa isaa eegatee hanga har'aatti ittin bulaa jira.

Sadarkaa Gadaa

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.

Dabballooma (waggaa 0-8)

Gaammoma (waggaa 9- 16)

Dargaggooma (waggaa 17- 24)

Qondaala/Kuusaa Waggaa(25-32)

Raaboma (waggaa 33 - 40)

Gadooma (waggaa 41- 48)

Yuuboma (wagga 49-56)

Gogeessa Gadaa

Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu (gabatee ilaali).

Boorana

Macca-Tuulama

Arsii

Gujii

Ituu-Humbannaa

Adii Doyyoo/ Harmufaa

Birmajii

Birmajii

Harmufa

Horata

Gobbaa Bulee/ Roobalee

Michilee / Muudana

Roobalee

Roobalee

Dibbaaqa

Mandhaa Galmaa/ Birmajii

Duuloo / Halchiisa

Bahara

Muudana

Dibbeessa

Areroo Gedoo/ Muldhata

Meelbaa / Hambissaa

Horata

Halchiisa

Fadata

Agaa Adii/ Duuloo

Roobalee

Bultuma

Dhalana

Daraara

Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.

Wabii: Sirna Gadaa - Wikipedia

Suura: gadaa.jpg (960×490) (fanabc.com)



OROMOO MACCAA

OROMOO MACCAA (#2)

Oromoon Maccaa heddumminaan Dhiha Oromiyaa naannawa Shawaa Lixaa fi kibba Lixaa,Jimma,Buunnoo fi Iluubbaaboori!

Seenaa

Oromoon Maccaa naannoo kana kan qubate jaarraa 16ffaa walakkeessa lammaffaa keessa yeroo Oromoon gara kibba Mormoritti babaallachaa tureti. Mootummaan duraan naannoo san ture Impaayera Itoophiyaa fi Sulxaana Adaal bulchinsa Ahimad Giraanyi jalaltti waraana geeggeeffamen kan dadhabe yoo ta'u waraana fi buttaa garbaa kan abbootin waranaa warra Kiristaanaa geggeessaa turaniin ummannii duraan naannoo sana ture bayyee xiqqeesseti ture.   

Qubsumni Maccii naannoo amma jiraataniitti godhe kun garee guguddaan odoo hin taane garee xixiqqoon kan godhame ture, maqaan gosoota Maccaa ammallee akka maqaa iddoowwaniitti bakka baayyeetti tajaajilaa jira. Ummanni afaan Omootiikii fi Naayiloo-Sahaara dubbatu kan duraan naannoo sana ture jalqaba gabaro (gabbara) yoo godhaman dhawaata garuu gosa Maccaatti makamanii Oromoo ta'an.      

Oromoon Maccaa Oromoo Tuulamaa wajjin sirna Gadaa tokko kan qabu yoo ta'u caffeen isaan kibba Finfinnee harraa kana ture. Jaarraa 16ffaa gara dhumaa keessa, Oromoon Maccaa sirna Gadaa mataa isaa kan dhaabbate yoo ta'u Caffeen isaas Odaa Bilii /Tute Bisil ture; kunis yaa'aa olii Gibee keessatti argama. Makkoo Bilii gadaa Maccaa kana waame. Addaan bayiinsa kanaaf Maccaa fi Tuulamni walii walii isaanii itti gaafatamaa godhu. 

Bara 1963tti, Waldaan Wal-gargaarsa Maccaa fi Tuulamaa irra caalaa Oromootan yoo dhaabbatu dabalataan gosoota ummattoota kibba Itoophiyaas keessatti hirmaatanii jiru. Waldaan kun jalqaba waa'ee dhimmoota naannoo irratti kan socho'uu fi guddina kan jajjabeessu kan ture yoo ta'u, yeroo gabaabaa keessatti bilisummaa siyaasa fi aadaa Oromoo hundaaf falmuu jalqabe. Haaluma kanaan, bara 1967tti waldaan kun akka hin sochoone dhorkame; bara 1994tti waldaan kun lammata yoo dhaabbatu yeroo lammataaf bara 2004tti dhorkame.     

Gosoota Maccaa

Macci yeroo tuulama bira turetti yeroo wiirtuun isaanii Odaa nabee turetti ijoollee shan qaba, isaanis shanan Maccaa jedhamu. Shanan Maccaa kunis: Liiban, Jaawwii, Guduru, Daallee (Daadhii) fi Jiddaa Turan.

Erga achii gara dhiha oromiyatti imalee booda ilmaan 7(torba) horeera isaanis Jibaat, walal, Dhayee, Danfaa, Oboo, Laaloo, Gundee jedhamu. Walii galaan macci ilmaan 12 horeera. Ijoolleen Maccaa shanan eenyuun horan jennee yoo gaafannu:

·          Sadan Liiban – Ammayya, Waliso fi Kuttaaye.

·          Ja'an Jaawwii –Amuruu, Horro, Jimma, Ebantuu, Libaan fi Jidda.

·         Torban Guduruu – Maloolee,Looyyaa, Aammillee, Illaamuu, Lukkuu, Sirbaa fi Hndaraasa.

·         Torban Daallee (Daadhii) – Obo, Sayya, Sibuu, Tummee, Limmu, Noonnoo fi Daanno.

·         Arfan Jiddaa – Akaako, Jimma,Hanuu,Laaloo,Biloo,Qoree, Sadacha fi Badii.

·         Digo

Wabii: Wikipedia

OROMOO TUULAMAA

OROMOO TUULAMAA

Tuulamni latiinsa Oromoo damee Boorana hidda dhaloota Raayyaati. Ilmaan Raayyaa lamaan Maccaa fi Tuulamni kan dhalatan Tullu Eegduu irratti. Ilma hangafaa kan ta'e Tuulamni, lafa abbaa isaa Raayyaatti qubate.

Tuulama kibbaan Haroo Dambal haga kaabaan Walloo  fi Raayyaatti kan qubatee jiruudha. Bahaan Karrayyu haga Lixaan Walisoo qubate. yuulamni Godinoota Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Lixaa, Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Bahaa keessa warra qubate. Godinoota naannoo Amaaraa Shawaa Kaabaa, Godina Oromiyaa fi Walloo Kibbaa keessa Oromoota Tuulamaa Doobbaa, Waayyuu, Laaloo, Maammaa, Geeraa, Gishee baasoo fi Warana, Liche, Alkoo Bar, Majatee, Sanbatee, Qawaati, Jillee fi Dhummuugaa kan jiraataniidha. Akkasuma Naannoo Tigraay keessas ni jiru.

Hidda Dhaloota Tuulamaa

Tuulama ilma Raayyaa ilma Marrawwa ilma Walaabu ilma Odaa ilma Nagawoo ilma Gurraacha ilma Saammalo ilma Boorana ilma Oromoo ilma Horooti. Horo Waaqatu uume. Hidda dhaloota gubbaa gadi yoo laakkawamu akka armaan gadiiti.

·         Horo

·         Oromoo

·         Boorana

·         Saammalo

·         Gurraacha

·         Nagawoo

·         Odaa

·         Walaabu

·         Marrawwa

·         Raayyaa

o   Tuulama

o   Macca

Latiinsa Tuulamaa

Ilmaan Tuulama sadaniif isaan boodaa.

·         Tuulama

1.     Daaccii

§  Galaan

§  Jidda

§  Liiban

§  Aabbu

§  Ada'a

§  Warra Jaarsaa

§  Gaadulla

§  Oboo

§  Gimbichuu

§  Gullallee

§  Oborii

§  Yaayyaa

§  Eekka

§  Digalu

§  Gamu

§  Sooddo

§  Oditu

§  Liiban

§  Tum'e

2.    Bacho

§  Iluu

§  Meettaa

§  Waajitu

§  Garasuu

§  Keekku

§  Uru

3.    Jiille

§  Goona

§  Guusa

§  Looyya

§  Warre

§  Siiba

§  Gindo

Wabii: Seenaa Oromoo hanga jaarraa 16ffaa; Fuula: 130

Suuraa: BBC Afaan Oromoo




So funny

 What a meme?

popular posts