5/19/2024

Sirna Gadaa

Sirna Gadaa

Sirna Gadaa sirna ittiin bulmaata Oromoo ti. Gadaan jaarmiyaa umurii fi dhalootan ijaarame yoo ta'u, sirna bulchiinsaa diimokiraatawaadha. Gadaan sirna ittiin siyaasni, dinagdeenii fi hawaasummaan uummata Oromoo ittiin murteeffamu, kan miseensi sabichaa mirgaa fi dirqama isaa beekee ittiin walii galuu fi tokkummaan ittiin waliin jiraatudha. Sirni Gadaa diimookraatawaa ta’uu isaa beektoonni seenaafi saayinsii hawaasaa hedduun mirkaneessanii jiru. Keessumattu sirni kun uummata Oromoo Gujii fi Booranaa biratti hanga ammaatti osoo hin jeeqamin jeebantummaa isaa eegatee hanga har'aatti ittin bulaa jira.

Sadarkaa Gadaa

Akkaataa waggaa dhalootaatiin gurmuu ykn murni ilmaan kormaa tartiibaan keessa dabran sadarkaa Gadaa jedhama. Sadarkaan Gadaa tokko waggaa saddeet qaba. Waggaa saddeet saddeettan kanaan namni Oromoo hamma gaafa dulloomee du'utti hawaasa keessatti bakkaafi qoodama dalagaa qabaata. Sadarkaaleen Gadaa ilmaan kormaa keessa dabran bakka gariitti amala addaa yoo qabaatanillee waliigalatti akka armaa gadiitti keenya.

Dabballooma (waggaa 0-8)

Gaammoma (waggaa 9- 16)

Dargaggooma (waggaa 17- 24)

Qondaala/Kuusaa Waggaa(25-32)

Raaboma (waggaa 33 - 40)

Gadooma (waggaa 41- 48)

Yuuboma (wagga 49-56)

Gogeessa Gadaa

Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta'u isaanis shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin beekkamuu (gabatee ilaali).

Boorana

Macca-Tuulama

Arsii

Gujii

Ituu-Humbannaa

Adii Doyyoo/ Harmufaa

Birmajii

Birmajii

Harmufa

Horata

Gobbaa Bulee/ Roobalee

Michilee / Muudana

Roobalee

Roobalee

Dibbaaqa

Mandhaa Galmaa/ Birmajii

Duuloo / Halchiisa

Bahara

Muudana

Dibbeessa

Areroo Gedoo/ Muldhata

Meelbaa / Hambissaa

Horata

Halchiisa

Fadata

Agaa Adii/ Duuloo

Roobalee

Bultuma

Dhalana

Daraara

Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.

Wabii: Sirna Gadaa - Wikipedia

Suura: gadaa.jpg (960×490) (fanabc.com)



No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame Madda suuraa, Olaanii Ita'aa Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oro...

popular posts