It is said that there was once a strong relationship between the Frogs and the Birds. One day, Frog told them that she wished to fly in the sky with the birds. They assured her they would do what they could to help her.
"So, as you two hold this stick on either side, I'll bite the middle of it, and we'll continue flying," she said. As soon as they agreed, they took off. After a few minutes, Frog looked down and felt very happy.
Very surprised to see a frog in the sky, other birds came flying and asked, "How did this happen? Who came up with the idea?" They directed their question to the two birds.
Frog, unable to resist her pride, interrupted the two birds and said, "It was me!" The moment she spoke, she lost her grip and fell to the ground.
Haallii fi ariitiin ittiin oofaniin jedhamu kan maanguddoo fi gaโeessaa gar gar taโuu kan kaasu, Gaashaaw walaloo Oofanii kan hawaasa keessa jiru akkanaan himaniiru.
Namni baasu Gareedhaan kan jalaa qaban:
Oofaan Oofan Oofaan Oofan
Oofaa soolee Oofaan Oofan
Oofaan oolee Oofaan Oofan
Oofaan muka gamaa Oofaan Oofan
Oofaan yaa waleensuu Oofaan Oofan
Oofaan Abbaa Gadaa Oofaan Oofan
Oofaan mulโataakoo Oofaan Oofan
Oofaan ya bareedduu Oofaan Oofan
Abbaa reโee Oofaan Oofan
Reโeen dhaltee Oofaan Oofan
Yaa gaariikoo Oofaan Oofan
Abbaa qeโee Oofaan Oofan
Qeโeen baddee Oofaan Oofan
Gaafa lolaa Oofaan Oofan
Lolatโ erguu Oofaan Oofan
Gaafa tolaa Oofaan Oofan
Tolatโ erguu Oofaan Oofan
Oofanii abbumti arge hin jedhu, โabbaan feโe [arge] oofanii hin jedhu [hin baasu]. Sagalee bareedaadhaan jedhama.
Sagaleen kiiloleen barbaadamee, wellisaan sirba baasuu fi nama walaloo walaleessuu [dandaโu], gichillaa namaa [kan] ennaa utaalu [miidhagu], meeshaan [ulee] inni mirmirsu kan irraa adeemu, dhankal dhankal jedhee utaalee, quphanee kaโeeโ nama sirnicha bareechutu filatama jechuun ibsu Gaashaw.
Sirna booโichaa, oofanii qofa otoo hin taane aadaan Oromoo ganamaa kaan illee sababoota babalโachuu magaalaafi amantaalee gurguddoo biyya keenyaa irraa kan kaโe akka hafaa deemaa jiran himu qorataan kun.
โNamni baadiyyaarraa buqqaโee gara magaalota gara garaatti galuun jireenyasaa geggeessa.
''Duudhaan magaalaa kan inni booโicha, cidha, gootummaa ittiin ibsatu kan ofiisaa yookaan kan aadaa ganamaa akka garraamummaaf gowwummaatti fudhata [ilaala].
Abbaan fedhe, yoo hiriyaan keenya duโe amma oofanii hin dhiichisnu. Walaloosaa beeka, duudhaansaa na keessa jira, jara [maatii nama duโee] ilaalee booโa malee,[aadaa ganamaatiin gadda hin ibsatan].
Aadaa sana gadi lakkifnee gara maagalaatti deemne mitii? Namni maal naan jedhaan jira, ennaa tokko tokkommoo daguunis jira; Ijoollumti waggaa kudhaniin dura gara magaalotaa deeman, โedaa oofaniin in jiraa?โ jedhuโ jechuun haala aadaan booโichaa oofanii irra jiru ibsu Gaashaaw.
Ammayummaafi jireenya magaalaa hordofuun akkuma jirutti taโee amantaanis oofaniin akka irraanfatamuu fi hafuuf dhiibbaa akka godhu himu namni kun.
Amantaaleen โduutumti mataansaa, booโuudhumti sun, yoo akkanatti [faradoo] feete, yoo akkanatti [oofanii] dhiichiste akka nama Rabbiin nama sana [nama duโe] dheekkamuu, akka [inni] jeennata hin galleettiโ waan ilaalaniif oofaniin hafaa, irraanfatamaa akka jiru himu.
โNamni duโee amantaasaa maalinii?โ jedhamee erga gaafatamee booda, โamantaa kan aadaa, kan ittiin dhalate sana [Waaqeffannaa] hin jijjiirre yoo taโeโ oofaniin akka dhiichifamuufis kaasu.
Amantaalee biroo biratti garuu, sirni booโichaafi awwaalchaa oofaniin otoo hin taane duudhaadhuma mana amantaatiin akka geggeeffamus himaniiru namni kun.