9/17/2024

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame

Fardaan oofaa yoo himamu

Madda suuraa,

Olaanii Ita'aa

Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oromiyaa hawaasa Oromoo naannawa Maccaa, Sadeen Liibanii fi naannawaa sanatti beekamudha.

Oofaniin nama hundaaf hin jedhamu; gaafa namni guddaan hawaasa biratti jaalatamu boqotee fi namni mararaan tasa lubbuun darbe jedhama.

Artist Hacaaluu Hundeessaa wallee maqaan albamasaa dhumaa, ‘Maal Maallisaa’ ittiin mogga’e keessatti ‘Oofan’ jechuun walliseera.

Amma amma garuu sababa aadaafi amantiilee birattis fudhatama dhabaa dhufeef irraanfatamaa kan jiru fakkaata.

Oofan yoomii fi eenyuuf jedhama? Haala kamiin jedhama? Kaan biratti ilaalcha akkamii qaba? Ammammoo sadarkaa maaliirra jira?

Dhimma kanarratti BBC’n ogeessa aadaa Gaashaaw Tasammaa waliin turtii taasiseera. Gaashaaw Godina Kibba-Lixa Shawaa, aanaa Ammayyaatti qorataa seenaa kan turan yoo ta’u, ofiinis sirna oofanii irratti hirmaachaa akka turan dubbatu.

Walaloo fi raawwii Oofanii

Oofaniin gaafa namni du’e otoo hin taane gaafa reeffi awwaalamu waltajjii boo’ichaa itti firoonnii fi aanteen argaman irratti raawwata. Jechichis, reeffa qe’ee isaatii baasanii oofaa yookaan deemsisaa gara bakka awwaalchaatti geessuu agarsiisa, jedhu Gaashaw.

Maanguddoofi ga’eessaaf akkasumas mararaa yookaan marartuun tasa yoo boqotan oofaniin ni jedhamu. Oladeemaan fuudha gahe, kan kaadhimmate yoo akka tasaa du’ees oofaniin ni jedhamaaf.

Oofaniin dhiiraafi dubartiif kan jedhamu yoo ta’u, daa’immaniif garuu hin jedhamu. Oofaniin afoosha umurii bu’uureffachuudhaan hundaa’een kan raawwatu yoo ta’u, dargaggeessis ta’ee ga’eessi yeroo barbaachisaa ta’etti gurmii qabuun ba’ee oofanii bareecha.

“Akka namni imimmaan buusu, akka namni garaansaa raafamu, akka namni [warreen sirna boo’ichaarratti argaman] gootummaa, dilbii, seenaa nama du’ee sana yaadatu,” taasisuudha jechuun kayyoo oofanii himu Obbo Gaashaw.

Oofaniin lafoofi fardeeniin yookaan gaangoodhaanis ni jedhama. Warri lafoo akka umurii isaaniitti namoota 30 hanga 50 ta’aniin toora galuudhaan.

Nama fuulduraa isaan dursu yookaan baasu hordofuun, jalaa qabaa oofan jedhu. Abbumti arge oofanii hin baasu yookaan hin dursu. Namni dursu sun sagalee kiilolee qabaachuu fi si’ataa ta’uu isaatiin filatama.

Warri fardeen yookaan gaangoo yaabbachuun oofan jedhan ammoo, ni saggaarsisu malee hin gulufsiisan. Fardeen gaafas yaabbatamanis filatamaniitu; sangaa fardaati.

Koorichaan isaan gaafas fayyadaman kan guyyaa kaaniirraa addadha. Meeshaaleen akka bakara yookaan Eeboo, meeshaan waraanaas ni qabatamu.

“Akka feetee miti, hiriira qaba. Tartiiba yookaan sarara dhiichisaa qaba. Akki itti miilli fuudhamu, akka itti ga’eessi gateettiidhaan walqabuun miilli, miirri, waliin socho’uun oofanii jedhan” miira namootaa qabuun xiyyeeffannoo guddaan akka hordofamu himu qorataan aadaaf seenaa Gaashaw.

“Yeroo tokko tokko namoota iddoo biraatii gara kana dhufan, akka shubbisa Shawaatti ilaalama [fudhatama],” jechuun ibsu qorataan kun.

Yeroo nama du'ee seenaa himamu

Madda suuraa,

Olaanii Ita'aa

Walaloo Oofanii

Hacaaluun wallee isaa keessatti sagalee kottee fardeeniitiin eegaluun ‘Oofan, oofan…’ jechaa akka kanaan gadiin welliseera.

Haadha biyyaa….. Oofan

Abbaa biyyaa….. Oofan

Barataakoo….. Oofan

Barattuukoo….. Oofan

Qotee bulaa….. Oofan

Sababa sirbichi walaloo ‘oofanii’ garaa nama raasuun eegaleef, walaloo boodarra dhufanirraa hubachuun ni danda’ama.

Kaleessaa hanga har’aatti gaddaafi caba akka sabaatti turaniifi jiran kaasuun ‘Maal Maallisaa?” jechuun gaafata wellichi.

Artistichi sababoota kanaa gaditti walaloo sirbichaa keessatti ibsamaniin gaddasaa ‘oofan, oofan’ jechuun ibsateera!

Karaa baay’ee qabnaa, yoom nu dhibee karaan irra deemnu,

Silaa inuma deemna, numa deemna, maaliif galman geenyu,

Karaat nu qabemoo garaadhalaa, maaf gahuu dadhabnee,

Duuneet gumaa dhabnee laammiikoo, ammahoo nuu gamee,

Roorroon nut hammaattee ammahoo nuu gamee,... jechuun weellisa.

Yeroo oofaan himamu

Madda suuraa,

Olaanii Itaa'aa

Haallii fi ariitiin ittiin oofaniin jedhamu kan maanguddoo fi ga’eessaa gar gar ta’uu kan kaasu, Gaashaaw walaloo Oofanii kan hawaasa keessa jiru akkanaan himaniiru.

Namni baasu Gareedhaan kan jalaa qaban:

Oofaan Oofan Oofaan Oofan

Oofaa soolee Oofaan Oofan

Oofaan oolee Oofaan Oofan

Oofaan muka gamaa Oofaan Oofan

Oofaan yaa waleensuu Oofaan Oofan

Oofaan Abbaa Gadaa Oofaan Oofan

Oofaan mul’ataakoo Oofaan Oofan

Oofaan ya bareedduu Oofaan Oofan

Abbaa re’ee Oofaan Oofan

Re’een dhaltee Oofaan Oofan

Yaa gaariikoo Oofaan Oofan

Abbaa qe’ee Oofaan Oofan

Qe’een baddee Oofaan Oofan

Gaafa lolaa Oofaan Oofan

Lolat’ erguu Oofaan Oofan

Gaafa tolaa Oofaan Oofan

Tolat’ erguu Oofaan Oofan

Oofanii abbumti arge hin jedhu, “abbaan fe’e [arge] oofanii hin jedhu [hin baasu]. Sagalee bareedaadhaan jedhama.

Sagaleen kiiloleen barbaadamee, wellisaan sirba baasuu fi nama walaloo walaleessuu [danda’u], gichillaa namaa [kan] ennaa utaalu [miidhagu], meeshaan [ulee] inni mirmirsu kan irraa adeemu, dhankal dhankal jedhee utaalee, quphanee ka’ee” nama sirnicha bareechutu filatama jechuun ibsu Gaashaw.

Yeroo haala sochii qaama kana argan illee ‘eeboo natti darbachuufi, meeshaa natti dhukaasuufi’ jedhanii namoonni dheessan illee akka jiran kaasu, namni kun.

Miira olaanaa keessa seenuudhaan qawwee [meeshaa waraanaa] dhukaasuufi alangaa qabataniin kan of rukutullee akka jiru himu. Namoonni hiriira oofaniitiin ala jiran, yeroo oofaniin jedhamu sagalee dhageessisuun boo’uu baatanis, “imimmaan keessaa fintiraata; keessaa burqa.

Namni miiratti galee kufu, namni miiratti galee namni biraa qabu jira” jechuun humna walaloo, yeedaloo fi sochiin qaamaa oofanii qabu himu qorataan kun.

Himinsa

Oofan yeroo himamu

Madda suuraa,

Olaanii Itaa'aa

Oofaniin yeroo jedhamutti, namni akka himuuf dursee muudamu yookaan ayyaantomu jira. Namni kun fardaan yookaan ammoo lafoodhaan himuu danda’a.

Himinsi kutaalee Oromiyaa biroo keessattis kan beekamu yoo ta’u namoota hawaasa keessatti seenaa guddaa qaban, ajjeesaa faacha qabu, namni biyyaaf duule yookaan lole, oladeemaan yookaan mararaan yoo tasa du’e himamaaf.

Hiriyoonni nama lubbuun darbee seenaa, gootummaa, oolmaa nama du’ee kaasuun himuuf. Dirree keessa fooggalanii, garmaamanii miira xiiqii fi gootummaatiin himu.

Ennaa namni tokko himu kaan ammoo ‘dhuguma’ jechaa waan jedhame mirkaneessaa jalaa qabu. Yeroo baay’ee eeboo yookaan ulee shilootii mirmirsaa, bakka hayyamamutti meeshaa waraanaa illee dhukaasaa himama.

Ajjeesaa yoo ta’emmoo faachisaa agarsiifamaa ittiin himama. Gaafa namni sun awwaalamus awwaalcha saarra dhaabuuf.

Waltajjii oofanii irrattis namni himu, walaloo oofanii garaa nama raasu erga dhaga’ee miiraan machaa’eebooda battala utaalee himinsa eegala.

Abbaa mana qorqoorroo

Abbaa birriin boqqoolloo

Gaafa lolaa, Gaafa tolaa

Qoonqoon biyyee nyaattekaa

Qoonqoon biyyee dhugdekaa

Gooftaa cooma corroqaa/ giiftii daadhiin taliilaa [dubartiif]

Hudhaa waan daraaru hin beekne,

Duudaa waan dhalu hin beekne [mararaadhaaf]

Gindiin caccabekaa

Giddiitu qabekaa! Jechuun miira seenaa nama lubbuun darbee kaasee lubbuu itti hora.

Boo'icha 'akka dhiichisa Shawaatti ilaalamu'

“Warra Dirree Incinnii, [hawaasa] Caboo, warra Tuulamaa” biratti oofaniin gaangoo yookaan fardeen dheerinaan walgitaniin akka jedhamu kaasu qoratichi.

Waltajjii oofanii irratti, mi’a fardeenii gaafa cidhaa fe’ataniin otoo hin taane wantoota gadda ibsaniin miidhagfamu. Gaangeen, fardi yeroo saggaaru “rukuttaa noottaa sana fakkaata” jechuun ibsu qorataan seenaaf aadaa kun.

Naannoo Sadeen Liibanitti ammoo irra caalmaa lafoodhaan jedhama. Namoonni akka umrii isaaniitti hiriiranii gateettiidhaan walqabuun uleefi eeboo qabachuun wal hordofaa miilaan lafa dhiitaa sagalee garaa nama nyaatuun ‘oofaan oofan, oofaan oofan…’ jechuun laphee nama raasu.

Waltajjiin oofaniin irratti jedhamu qe’eedhuma nama lubbuun darbeetti gaaddisa guddaa jalatti kan raawwatu yoo ta’u ogummaa, gootummaafi seenaan nama du’ee irratti walaloo garaa nama raasuun nama boochisudha.

Otoo akka ammaa suurri guddifamee guyyaa boo’ichaa kaa’amuu hin jalqabiin, meeshaaleen namni sun itti fayyadamaa ture kan akka uffannaa, waancaafaa, eeboo, namni du’e mararaa yoo ta’e ammoo waan inni ittiin tolu, ittiin lolutu agarsiifama.

Sochiin qaamaa, walaloofi yeedaloo oofanii hoo’isu ammoo miira namaa gara dhiichisaatti geessa. Namoonni bakka biraatii dhufanii sirna awwaalchaa irratti hirmaatanis akkuma dhiichisa shawaatti akka ilaalanfaa muuxannoo isaanii yaadachiisu namni kun.

Amma maalirra jira?

Sirna boo’ichaa, oofanii qofa otoo hin taane aadaan Oromoo ganamaa kaan illee sababoota babal’achuu magaalaafi amantaalee gurguddoo biyya keenyaa irraa kan ka’e akka hafaa deemaa jiran himu qorataan kun.

“Namni baadiyyaarraa buqqa’ee gara magaalota gara garaatti galuun jireenyasaa geggeessa.

''Duudhaan magaalaa kan inni boo’icha, cidha, gootummaa ittiin ibsatu kan ofiisaa yookaan kan aadaa ganamaa akka garraamummaaf gowwummaatti fudhata [ilaala].

''Akka boodatti hafaa, garraamummaa yookaan gowwummaatti ilaala. Nutumti oofanii dhiichisaa turree, gara magaalaatti deemnee gaafa boo’icha dhaqnu, warra katamee yookaan magaallee kana fakkaannee boonya.

Abbaan fedhe, yoo hiriyaan keenya du’e amma oofanii hin dhiichisnu. Walaloosaa beeka, duudhaansaa na keessa jira, jara [maatii nama du’ee] ilaalee boo’a malee,[aadaa ganamaatiin gadda hin ibsatan].

Aadaa sana gadi lakkifnee gara maagalaatti deemne mitii? Namni maal naan jedhaan jira, ennaa tokko tokkommoo daguunis jira; Ijoollumti waggaa kudhaniin dura gara magaalotaa deeman, ‘edaa oofaniin in jiraa?’ jedhu” jechuun haala aadaan boo’ichaa oofanii irra jiru ibsu Gaashaaw.

Ammayummaafi jireenya magaalaa hordofuun akkuma jirutti ta’ee amantaanis oofaniin akka irraanfatamuu fi hafuuf dhiibbaa akka godhu himu namni kun.

Amantaaleen “duutumti mataansaa, boo’uudhumti sun, yoo akkanatti [faradoo] feete, yoo akkanatti [oofanii] dhiichiste akka nama Rabbiin nama sana [nama du’e] dheekkamuu, akka [inni] jeennata hin galleetti” waan ilaalaniif oofaniin hafaa, irraanfatamaa akka jiru himu.

“Namni du’ee amantaasaa maalinii?” jedhamee erga gaafatamee booda, “amantaa kan aadaa, kan ittiin dhalate sana [Waaqeffannaa] hin jijjiirre yoo ta’e” oofaniin akka dhiichifamuufis kaasu.

Amantaalee biroo biratti garuu, sirni boo’ichaafi awwaalchaa oofaniin otoo hin taane duudhaadhuma mana amantaatiin akka geggeeffamus himaniiru namni kun.

Madda: Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaafi seenaa himuun dabaalame - BBC News Afaan Oromoo

No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame Madda suuraa, Olaanii Ita'aa Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oro...

popular posts