12/11/2024

Anummaa

Anummaa/Of-tuulummaa (Over-Pride)


Bartokko allaattiiwwaniifi Raacha gidduutti hariiroo cimaan uumamee ture jedhu. Gaaf tokko Raachi Risaawwan waliin samii keessa balali'uuf akka hawwite isaanitti himte. Isaanis waan danda'aniin akka ishee gargaaran itti himan. "Egaa isin lamaan ulee qalloo kana garanaa garasiin qabdanii akka jirtanitti, animmoo gidduu isaa ciniineen balalii itti fufna" ittiin jette. Akkuma walii galanitti balalii eegalan. Daqiiqaa muraasa booddee Raachis samii keessa ol fagaatttee waan hunda gadi ilaaluun miira inni namaaf kennu ilaaltee hedduu gammadde. Raacha samii keessatti arguu isaaniitti baay'ee kan dinqisiifatan allaattiiwwan biroo balali'aa dhufanii  "Akkamitti waanti kun isiniif milkaa'e? Eenyutu yaada kana fide?" jedhanii gaafatan. Raachis allaattota lamaan ishee baatanii jiran dubbii saamtee "Anadha" jette. Battaluma sanattis lafatti kufte.


Safuu: Anummaan kufaatii fida.
Madda: Oduu durii haasawaa Jaarsaa irraa



Image: Generated by AI 



No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Why Good People Turn Bad?

 Why Good People โ€œTurn Badโ€   ๐Ÿค” The Untold Truth Some of the kindest, most genuine people slowly become distant, sharp, or even cold. Itโ€™s ...

popular posts