9/07/2024

Waliin Dubbii Gurbaafi Intalaa

YAA SANBATA TASAN BADAA!"

(Waliin Dubbii Gurbaafi Intalaa ๐Ÿ‘‰ Bara durii)
...
Ishii:
"Yaa Sanbata Kusaayee
Silaa gatiin durbaa hinbushaayee
Anoo manattan ulfaayee!"๐Ÿฅบjetti. ๐Ÿ‘‰ Asitti ddubbistootaaf margan qaba!
...
Isa:
"Arbuun jinfuudhaa
Manatti hinaftu
Anuu sin fuudhaa!"๐Ÿ˜
..
Ishii:
"Arbuun ceekaadhaa
An sitti hineerumu
Atuu deegaadhaa!"๐Ÿ™„
...
Isa:
"Xaafii gamaa cagadannaa
Koottuu natti heerumi
Wajjin nagadannaa!"๐Ÿ™
...
Ishii:
Xaafii gamaa hincagadinii
Otuma na hinfuudhiin
Dur maaf hinnagadin?"
...
Isa:
"Nan gurgura sangaakoo isa mararaa
Siin bita bashannaqaa
Burree gurgureen siif bita maashinii
Daggala uffattee haabaatu maasinii...!
Ishii:
"Dhugumayyuu mee na fudhadhuu gali!"๐Ÿ˜
Isa:
"Sambata Gabaa Gaam'aa
Galeen abbabbaa gaaf'a!"๐Ÿ˜‰
...
Ishee:
"Sambata Gabaa Geemmoo
Maal jedhe abbaan keemmoo?"๐Ÿ™„
...
Isa:
"Muka ammaa hordanii fageessuu
Durba ammaa gorsan hindhageessu...!"๐Ÿ˜…
...
Ishii:
"Jaldeessi gaaranaa baaqelaa sukkuumaa
Abbaan namaa kadhatee...
Qaraxee nama fuusisa jennaan,
Keemmoo gadaakee sukkuumaa
Jaarsi maddiin suntuuraa?"๐Ÿ˜‹
...
Haaluma kanaan osoo haasa'anuu fudhatee galee waliin jiraachuu jalqabu. Baatii muraasa booda dubbiin biraa ka'a.
Ishii:
"Burree gurgurii naaf biti maashinii
Daggala uffattee haabaatu maasinii
Gurguri sangaakee isa mararaaa
Naaf biti bashannaqaa
Yoo ati didde isa qabuttan dhaqaa!"
...
Isa:
"Hingurguru sangaakoo isa mararaa
Siif hinbitu bashannaqaa
Burree gurguree siif hinbitu maashinii
Daggala uffattee maaf baati maasiinii
Walitti nam'iteeti iyyiti maatiinii
Yoo kanaan didde kuunnooti daandiini!" ๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰๐Ÿ‘‰

Madda: https://www.facebook.com/share/p/GUjY899KVe1RpF53/

No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

So funny

 What a meme?

popular posts