8/08/2024

Dhiifama (Forgiveness)

"Dhiifama gochuun mo'amuudha" jetti barruun asii gadii:

Yuunivarsitii tokko keessatti guyyaa tokko barsiistuun saayikooloojii barattoota isheetiif assaayimentii kenniteef. Assaayimentichis akkas jedha. "Dinnicha/moosee irratti maqaa nama jibbitanii barreessitanii fiddu. Hubachiisa, "Baay'ina hamma nama jibbituu nama tokkoof dinnicha tokko" jettee itti himte. Barattoonnis guyyaa itti aanutti, warri kaan 1, warri kaan 3, warri kaan 6-10'tti fidanii maqaa namootaas tokkoon tokkoon isaa irratti barreessan. Barsiistuunis "Hunda isaa boorsaa keessan keessa kaa'aa, hanga torbee tokkoottis keessaa hin fuutani. Boorsicha yeroo ciistanis, mana fincaaniittis, ofirraa hin buuftan" jettee ajajje. Gaafa guyyaa sadii fi afur bulu dinnichichi tortoree foolii kennuu jalqabe. Gaafa shanii fi ja'a ga'u garmalee ajaa'uu jalqabe, keessaayyuu abbaan dinnicha kudhanii baay'ee rakkate, ulfaatinnis ni jira.

Torban tokko booda fidanii barsiistuutti himan. Torban xumurreerra jedhan. Barsiistuunis "Akkam ture ba'aan torbee?" jettee gaafatte. Hundumtuu guungumanii "Baay'ee nu rakkise barsiistuu keenyaa, baayee rakkanne ba'aan isaas nu rakkise, fooliin isaas baayee nu miidhe" jedhan. "Agartan mitii? Jibba boorsaa keessan keessatti torban tokko baachuunuu isinitti cime, lapheefi sammuu keessan keessatti umurii keessan guutuu baachuun hammam haa cimuree? Kan torbee tokkotti hangana isinitti ajaa'e laphee keessan keessatti immoo hagam ajaa'aree?" jetteen.

"Dhiifama gochuun mo'amuu miti; boqonnaa sammuuti"

Via: Mo'aa Kudhama


No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

So funny

 What a meme?

popular posts