1/29/2024

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (kutaa 2ffaa)

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (kutaa 2ffaa)

1. "Yaa Laalo sila naaf gootanii,
Harkaan qolataa 🤺🤺
Lukaan baqataa...!" 🏃‍♂️🏃‍♂️🏃‍♂️
jedhe Dammaqaa Lataa (Abbaa Muluu)
...
2. Isin isinuma!"🕺 jedhe Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa.
...
3. "Asis garagali; achis garagali; qe'eenoo kankeetii!" 😁 jedhe Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa.
.
4. 🥬 "Raafuu intala namaatuu nyaadheen galee, kaasi na duraa!"😁 jedhe Abbaan Mararaa (Abdiisaa Margaa)
.
5. "Ittuma siqi Wayyeessaa yaa kormakoo!" 🧙‍♂️ jedhe Abbaan Furgaasaa /Xuurii Qalbeessaa/
.
6. "Ilaa inni fardakoo nyaate isa kana!"🤔 jedhe Waaqumaa Gurmeessaa (Abbaa Lassee)
.
7. "Yaa gooftotakoo ishii kanammoo Abbaa Daaleetu isinitti dabale" 🧙‍♂️ jedhe Abbaan Furgaasaa/ Xuurii Qalbeessaa/
...
8. "Irroo yaa abbaa Xurunaa
Itti beekta durumaa!" 😐 jedhe Xurunaa Irreensoo (Abbaa Booraa)
...
9. "Irranaatu jedhemoo isa irranaatu jedhe?" jedhe Abbaan Mikkir.
.
10. 🐃 "Booqiteen omaa si finciluu didde mitii Abbaa Addunnaa?" Jedhe Dhiyanaa Dabalaa(Abbaa Cirrii)
.
11. "Omaa shish na hingoonee, buqqurii namatti qabi Gaddisee" jedhe Abbaan Addunnaa ( Itichaa Bifeessaa)
12. “Uffata akka abbaatti hodhu" 🤠 jedhe Ulfaataa Hirphasaa (Abbaa Gaatoo)
.
13. "Durattoo wayiifii, ammammoo maaliifi?"😕 jedhe Abbaan Taliiloo (Tolawaaq Magarsaa)
.
14. Duruu nan tolchee reenfatti fokkoruu!" jedhe Alamuu Injiguu (Abbaa Tarrafaa)
.
15. "Sagal sagal dhugnee nu qaqqabi!" Jedhe Dabaree Miidhaksaa.
...
16. "Isa qabuun 'dhabe' hinjedhani; hiyyeessaan 'dadhabe' hinjedhani; 🥺
qotee qabatee karra warra Abbaa Firaa, Firoomsaa duraa nama hindhabani; gooroo Laaloo taa'aniimmoo jecha hindhabani!"
Haadha Qophee/ Doshoo
.
17. "Eeguma Abbaa Booqee dideeyyuu, Waaqni hincaamu!" 🤠 jedhe Shallamaa Tasammaa (Abbaa Ayyalaa)
18. “Baddeetta yaa gadhittii, saanikee Ulaa Lubbuu geesse!" 😁 jette Dasii Gurmeessaa (Haadha Boruu)
*******
19. "Hinwayyooftaa sila yaa Araarsaa!"😁 jette Kitaabee Dhiyanaa (Haadha Abbabaa)




No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

How to explain agentic AI to your leadership team

  How to explain agentic AI to your leadership team It's not one, single tool. It's layers of capability. Here are 5 levels that wil...

popular posts