3/31/2024

๐€๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐ฅ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ ๐ฎ๐ฆ๐š๐š๐ญ๐š!

๐€๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐ฅ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ ๐ฎ๐ฆ๐š๐š๐ญ๐š!

Harmeeko deessseeko –
Dandeessuu guddisaa
Imimmaan fuulakeewo –
Natu sirraa qoorsaa
Hinbooyin haadhakoo –
Imimmaanke lolaafte
Lolaa imimmaankeetiin –
Garaa na rooraaftee!
--
Joortuuko yaa deessuu –
Toltuu haadha firaa
Na duraa hinraafamin –
Rabbituu nuuf jiraa
Waan baay’ee ilaaltee –
Garaanke moogofte
Rakkoon biyya lafaa –
Namarraa si looftee!
Akka madda lagaa -
Imimmaan lolaaftaa
Anoo ofin dadhabee –
Maaf garaa naraafta?
--
Akka hardhaa mitiim –
Boru bayyaannadhe
Anis akka namaatti –
Toorarra dhaabadhee
Naman sifakkeessa –
๐‘oorroo sirraa cabsee
Hinbooyinkaa maalo –
Harmeeko yaa obse!
--
Yaa guduunfattuuko –
Sabbata uumamaa
Yaa kaleessituukoo –
Situ naaf arjoomaa
Yommuu ati boochu –
Onneenko naboo’e!
Imimmaanke duukaa –
Qalbiinko boora’ee
Imimmaanke dhiiga –
Dhiiga haadhummaati
Jiruukoof situ hiikaa –
Maalo hinbooyinka ati!
__________ /___________
๐€๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐ฅ๐ข๐ข๐Ÿ ๐ ๐ฎ๐ฆ๐š๐š๐ญ๐š!




No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

How to explain agentic AI to your leadership team

  How to explain agentic AI to your leadership team It's not one, single tool. It's layers of capability. Here are 5 levels that wil...

popular posts