4/18/2024

Dhagawuun dadhabe

Dhagawuun dadhabe

. . .
Innisโ€ฆ natti himuu jalqabe
Anisโ€ฆgurran itti qabeโ€ฆ..
* * * * *
โ€œโ€ฆ..Attam ture wantisaaโ€ฆ.., attam turee laataa?
Bishaan harkaa baadheen nan muge fakkaata
Irriba fokkistuu; irribi kaleessaa
Dhagaa gubbaa taaโ€™ee abjuu natti odeessa
Marga gubbaa taaโ€™een gurrakoo itti qeensa;
Huurrii fi aara woyii mataatti na aguugaa
Haadhakoo gudeedee abbaakoo ajjeese; wabiif harki dhiiga
Utuman kana arguu saamunaa dhaaf bishaan baadheen jala fiiga
Hoo abbaa kootiiโ€ฆjedheen baqachuu dhaaf fiiga
Nan fachisan jedhaa, irreetu na laafaa, hantuutootu na muga
Kan akka koo hin jiru, namni qalbiin deegaa.
Yammuun rafee kaโ€™u, narra ijaajjee kolfa
Haadhakoo gudeedee abbaakoo ajjeesee inno ammayyuu inkolfa
Isanni natti kolfu, anis duukaan kolfa
Uggum yaa anaa kanaa, nama qalbiin hoffaa!โ€
* * * * *
Maali hin qaanawuu maalo, kana yeroo natti himu
Duโ€™ee biyyoo hanyaatu qileen haa dhidhimu
Dhagawuun dadhabe
Iddoosaan qaanayee, mataan gad-nacabe
Maal namni hin qaanofneโ€ฆkana natti odeessaa?
Duโ€™ee biyyoo ha nyaatu salgan namaa keessaa.

22.11.2017
Helsinki/Finland


No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

How to Bypass Windows 10/11 (for Dell Computers)

๐Ÿ”’ Windows 11 Password Reset (Dell Computer) ๐Ÿ”ต Before You Start: A bootable Windows 11 USB is ready. Insert USB into Dell PC...

popular posts