7/01/2023

Yaadannoo Baadiyyaa

Baadiyyaatti dhalatteettaa?
Baadiyyaatti guddatteettaa?
Baadiyyaadhaa maatii/fira qabdaa?

Ciroowwan armaan gadii akka sitti tolan hin shakku.
  • irra dibaa bixxillee xaafii diimaa....
  • bokkaa aduu keessaa...
  • obonbolleettii mana citaa diigu...
  • buqqee seexanaa...
  • baala adaamii...
  • miila qamaaca’e...
  • laga guute...
  • harree ba’aa jigfatte...
  • daboo xaafii haamaa...
  • mulluu taffagoo....
  • qircaa ayyaanaa....
  • eelee siilessuu...
  • akaayii xaaxoo boqqolloo...
  • waamicha buna dhugaa....
  • calleensa bosona walakkaa....
  • bishaan daakuu....
  • waatii mar’attu....
  • siiqsa qonnaan bulaa...
  • okkotee bishaanii kokoru......
  • Daabboo kobootan tolfamu...
  • aannan okolee keessaa dhugamu...
  • buna aananitti jige...
  • ifa ibidda galgalaa...
  • ijoo jedhani wal waamuu...
  • Tulluu irra dhaabbatanii qe'eetti sagaleessuu...
  • akaayii, daabboo fi farsoo oogdii keessa...
  • finxira gaafa gammachuu... 
  • marqaa fi dinnicha okkotee keessaa...
  • waaddi eelee sibilaa...
  • haara mana citaa keessa muldhatu
  • Yeroo xaafiin dha'amu sangoonni kara karaa baatee fiiguu.....
  • xaafii haamamee lafa jirutti bokkaan roobuu......
  • ganama barii ka'anii sangoota yaasuu.......
  • ganama barii ka'anii dallaa horii diddiiruu.......
  • sangaan jinjanaadhaaf sa'a namaa faana galee deebi'uu diduu......
  • horiin midhaan namaa nyaattee maatiitti himachuu......
  • maroo boqqolloo...
  • Caafaqoo buddeena ho'aa....
  • Ashuuqqii baqqalaa.... 
  • bassoo garbuu....
  • Sa'a foolatte dhaltuu...
  • Korma lafa haadhee bookkisu......
  • Mulluu odongoraa/Abbaa coomaa...
  • Raadiyooniin sirkatti tabalaasha'ee maatiidhaan tumamuu...
  • Madda: Fuulbarruu Moti




Suuraa: Google


No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Be Proactive, Not Reactive

While the world sleeps, you build. While others rest, you prepare. Morning comes, and you rise just like everyone else—calm, focused, and ...

popular posts