6/12/2023

Aduwaa

Adawaafi Oromoo

Maaruu fardeen qilleensaa 
yaabbataan hunda miti
beekaa dhoksan maleessaa
seenaan hiyyeessa miti
.
Warri osoo'n hojjatiin
seenaa hatuu fedhu
sa'a maseensaniitu
“sangaan dhale” jedhu
.
“Halluun sabbata Waaqaa
sadii” kan jedhus jira
ilaalchi kottoonfannaan
hin diriiru yaa firaa
.
Kan fardaan lole tokko
kan dheesse maaf saadama?
daaraan daakuu jedhamuun
yoomiyyuu ni yaadamaa?
March 2/2023
© Woluman Urgesa... ✍️




No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

The Most Iconic Resignation Reply

  HR: Can we talk about your resignation? 🥹 Employee: Sure, after my last working day. 😂 Corporate life at its peak! 1. HR wants to discus...

popular posts