6/12/2023

Aduwaa

Adawaafi Oromoo

Maaruu fardeen qilleensaa 
yaabbataan hunda miti
beekaa dhoksan maleessaa
seenaan hiyyeessa miti
.
Warri osoo'n hojjatiin
seenaa hatuu fedhu
sa'a maseensaniitu
“sangaan dhale” jedhu
.
“Halluun sabbata Waaqaa
sadii” kan jedhus jira
ilaalchi kottoonfannaan
hin diriiru yaa firaa
.
Kan fardaan lole tokko
kan dheesse maaf saadama?
daaraan daakuu jedhamuun
yoomiyyuu ni yaadamaa?
March 2/2023
© Woluman Urgesa... ✍️




No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Be Proactive, Not Reactive

While the world sleeps, you build. While others rest, you prepare. Morning comes, and you rise just like everyone else—calm, focused, and ...

popular posts