9/12/2024

Jibaat #1

Dachee Qabeenya Uumamaan Badhaate

Godina Shawaa Lixaa

Bosona Jibaat

Godinni Shawaa Lixaa qabeenya uumamaa fi iddoowwan seenaa qabeessa hedduun kan badhaatedha. Qabeenyi godinichaa aanaalee itti argamu keessaa aanaan Jibaat isa tokko.
Aanaan Jibaat bakkeewwaan hawwata turizimiitiif oolaan uumaman badhaadhaan hedduu qabdu keessaa: kanneen akka ardaa jilaalee, dhagaa Tuullaa katar, Fincaawwaan akka fincaa'aa Gaattiraa, Faalleefi Leemman, Bosonoota gurguddoo Akka Bosona Jibaatiifi Asaasaa, Laaftoo Libaniifi kanneen biroon hedduudha. Isaan kanneen keessaa har'aaf waa'ee Bosona #Jibat hamma tokko jabaa isiniin jenna.
Bosonni Jibaat Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat Magaalaa Shanan irraa km 8 fagaatee kan argamudha. Bosonni jibaat lafa iskuweer kiilomeetirii 12,000 ol uffisee kan argamuufi gosoota biqiloota garaagaraa 66 ol of keessaa qabaachuu isaa odeeffanneerra.
Kana malees bosonni kun akka madda tuuriziimiitti taajajila kennuun cinaatti bakka jireenya bineensoota gurguddoofi kanneen lafarra lohaan mukeenirra jiraatanfi kanneen biroollee ta'ee tajaajila jira.
Akkasumas yeroo dhiyoo asitti cinaa bosonichaatti dargaggoonniifi hawaasni muraasni gaagura aadaafi ammayyaa hidhuun damma irraa oomishamaa jiraachuus ibsameera.
Bosonni jibaat hedduu bal'aafi faayidaa hedduus akka qabu ibsmeen bosonni jibaat Roobaa gahaa naannoo sanaafi akka biyyaatti uumuun cinatti madda bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasni jibaatiifi naannooshe hedduun irraa fayyadamaniiti.
Bosonni Jibaat Godina Shawaa Lixaa keessatti kan argamu aanaalee godina Shawaa Lixaa afur Daannoo, Noonnoo, Jibaat fi Liiban Jaawwii keessatti kan argamuudha.
Kana malees Bosonni Jibaat Bishaan hedduu qulqulluufi dhandhama gaarii of keessa qabuus waan keessaa burquuf Qaamni Bishaan jibaatirratti investimeentiin hojjeechuun ofiifi hawaasaa fayyaduuf fedhii qabu yoo dhufe haala gaariin kan simatamu ta'uu ibsameera.

Madda: Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaa (https://www.facebook.com/share/p/J4r9CfkcEcJJFrb2/)



No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame Madda suuraa, Olaanii Ita'aa Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oro...

popular posts