9/13/2024

Abaarsa Suubboo

"Sa'a adii korma dhaltu

Sitoo tuufoo haammatee
Maalan siif godha garuu
Sitoo suubboo jaalatee 🥺
Hubboon laga dhaabataa
Baaqelaa hinliqeessinii
Suubboon nyaata jaalata
Waaqni isaa hinsifeessini!"🙄
.
"Suubboo yaa monoffolii
Ibsaa looshaa boqorii
Jaarsa ijoolleef dhaadatu
Gobaan ittaa dhaabbatu
Jaarsa ijoolleef hokkolu
Gobaan isaa dhonqoruu"
jetti dubarri durii, gaafa intalli suubbootti heerumuuf kaatu.
Afoolli raajiidhuma!

Ref: https://www.facebook.com/share/p/vHKtDCSR4S8gHXLK/

9/12/2024

Jibaat #1

Dachee Qabeenya Uumamaan Badhaate

Godina Shawaa Lixaa

Bosona Jibaat

Godinni Shawaa Lixaa qabeenya uumamaa fi iddoowwan seenaa qabeessa hedduun kan badhaatedha. Qabeenyi godinichaa aanaalee itti argamu keessaa aanaan Jibaat isa tokko.
Aanaan Jibaat bakkeewwaan hawwata turizimiitiif oolaan uumaman badhaadhaan hedduu qabdu keessaa: kanneen akka ardaa jilaalee, dhagaa Tuullaa katar, Fincaawwaan akka fincaa'aa Gaattiraa, Faalleefi Leemman, Bosonoota gurguddoo Akka Bosona Jibaatiifi Asaasaa, Laaftoo Libaniifi kanneen biroon hedduudha. Isaan kanneen keessaa har'aaf waa'ee Bosona #Jibat hamma tokko jabaa isiniin jenna.
Bosonni Jibaat Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat Magaalaa Shanan irraa km 8 fagaatee kan argamudha. Bosonni jibaat lafa iskuweer kiilomeetirii 12,000 ol uffisee kan argamuufi gosoota biqiloota garaagaraa 66 ol of keessaa qabaachuu isaa odeeffanneerra.
Kana malees bosonni kun akka madda tuuriziimiitti taajajila kennuun cinaatti bakka jireenya bineensoota gurguddoofi kanneen lafarra lohaan mukeenirra jiraatanfi kanneen biroollee ta'ee tajaajila jira.
Akkasumas yeroo dhiyoo asitti cinaa bosonichaatti dargaggoonniifi hawaasni muraasni gaagura aadaafi ammayyaa hidhuun damma irraa oomishamaa jiraachuus ibsameera.
Bosonni jibaat hedduu bal'aafi faayidaa hedduus akka qabu ibsmeen bosonni jibaat Roobaa gahaa naannoo sanaafi akka biyyaatti uumuun cinatti madda bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasni jibaatiifi naannooshe hedduun irraa fayyadamaniiti.
Bosonni Jibaat Godina Shawaa Lixaa keessatti kan argamu aanaalee godina Shawaa Lixaa afur Daannoo, Noonnoo, Jibaat fi Liiban Jaawwii keessatti kan argamuudha.
Kana malees Bosonni Jibaat Bishaan hedduu qulqulluufi dhandhama gaarii of keessa qabuus waan keessaa burquuf Qaamni Bishaan jibaatirratti investimeentiin hojjeechuun ofiifi hawaasaa fayyaduuf fedhii qabu yoo dhufe haala gaariin kan simatamu ta'uu ibsameera.

Madda: Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaa (https://www.facebook.com/share/p/J4r9CfkcEcJJFrb2/)



9/07/2024

Makmaaksa #10

"Yaa rifeensa dhaddee, biilaa qaradhu;

Yaa hiyyeessa baddee, ifaan maladhu."

Waliin Dubbii Gurbaafi Intalaa

YAA SANBATA TASAN BADAA!"

(Waliin Dubbii Gurbaafi Intalaa 👉 Bara durii)
...
Ishii:
"Yaa Sanbata Kusaayee
Silaa gatiin durbaa hinbushaayee
Anoo manattan ulfaayee!"🥺jetti. 👉 Asitti ddubbistootaaf margan qaba!
...
Isa:
"Arbuun jinfuudhaa
Manatti hinaftu
Anuu sin fuudhaa!"😁
..
Ishii:
"Arbuun ceekaadhaa
An sitti hineerumu
Atuu deegaadhaa!"🙄
...
Isa:
"Xaafii gamaa cagadannaa
Koottuu natti heerumi
Wajjin nagadannaa!"🙁
...
Ishii:
Xaafii gamaa hincagadinii
Otuma na hinfuudhiin
Dur maaf hinnagadin?"
...
Isa:
"Nan gurgura sangaakoo isa mararaa
Siin bita bashannaqaa
Burree gurgureen siif bita maashinii
Daggala uffattee haabaatu maasinii...!
Ishii:
"Dhugumayyuu mee na fudhadhuu gali!"😁
Isa:
"Sambata Gabaa Gaam'aa
Galeen abbabbaa gaaf'a!"😉
...
Ishee:
"Sambata Gabaa Geemmoo
Maal jedhe abbaan keemmoo?"🙄
...
Isa:
"Muka ammaa hordanii fageessuu
Durba ammaa gorsan hindhageessu...!"😅
...
Ishii:
"Jaldeessi gaaranaa baaqelaa sukkuumaa
Abbaan namaa kadhatee...
Qaraxee nama fuusisa jennaan,
Keemmoo gadaakee sukkuumaa
Jaarsi maddiin suntuuraa?"😋
...
Haaluma kanaan osoo haasa'anuu fudhatee galee waliin jiraachuu jalqabu. Baatii muraasa booda dubbiin biraa ka'a.
Ishii:
"Burree gurgurii naaf biti maashinii
Daggala uffattee haabaatu maasinii
Gurguri sangaakee isa mararaaa
Naaf biti bashannaqaa
Yoo ati didde isa qabuttan dhaqaa!"
...
Isa:
"Hingurguru sangaakoo isa mararaa
Siif hinbitu bashannaqaa
Burree gurguree siif hinbitu maashinii
Daggala uffattee maaf baati maasiinii
Walitti nam'iteeti iyyiti maatiinii
Yoo kanaan didde kuunnooti daandiini!" 👉👉👉👉

Madda: https://www.facebook.com/share/p/GUjY899KVe1RpF53/

So funny

 What a meme?

popular posts