Mammaaksi kooba dubbiiti'' jedhan. Mammaaksa armaan gadii irraa waa baranna.
1. "Galata guddisaa, Korbeessi re'ee haadha kora."
2. "Wal jajjabeessuuf, beerri 'Intalaa!' jettee wal yaamti."
3. โUtuu gaanfaaf boonyuu, gurra nurraa muranโ jette harreen."
5. "Baraaf cidhaan iddoo tokko hin teessu."
6. "Ilkaan saree lafaratti, ilkaan gadhee namarratti lakkaaโu."
7. "Fagaara abbaan dagate, tusseen sagal ciniinti."
8. "Keessa beekettiin nama balleessiti."
9. "Reettiin gaafa iyyitee marโattu of hin beekne, gaafa harka qeerransaa galte of agarti."
10. "Bara eeganii, barruu horatu."
11. "Qaawwaa cuqqaalaniif bubbee hin ittisan."
12. "Garaa guddatteef harreen lakkuu hin dhaltu."
13. "Ijoolleen haati irraa duutee fi kan haati gabaa deemte dixxee boossi."
14. "Afaan tolfattee reettiin kosorruu dheeddi."
15. โ'Gama sanaa garbuun biile' jennaan, 'Warra sodaanne malee yoom arguu dhabne?'โ jedhe Jaldeessi.
No comments:
Post a Comment
I need your suggestion