4/03/2024

TAMIIRII (DATES)

TAMIIRII (DATES)

1. Tamiiriin madda annisaa sirrii dha. Tamiiriin giddu galeessaa takkichi anniisaa haga kilookaalorii 20 (20 kcal) of keessaa qaba. Anniisaan kilookalaorii digdamni, anniisaa namni tokko deemsa daqiiqaa shanii yokaan ammoo fiigicha daqiiqaa 2f fayyadamutti madaalama.
2. Annisaan tamiirii keessatti kuufamee jiru, akka annisaa maddeen biroo osoo hin taane, anniisaa ariitiidhaan altakkaatti (instantly) qaamni keenya fayyadamuu dandaโ€™uudha. Kun ammoo yoo hatattamaan annisaa argachuun barbaachisutti nyaata filatamaa isa taasisaa.
3. Qabiyyee nyaata faayiberii (fibers) jedhamu kan gogiinsa garaa (constipation) ittisuu fi bullaaโ€™insa soorataafis hedduu gargaaruu baayโ€™inaan of keessaa qaba.
4. Elementii ayirenii (iron) kan qaama keenyaaf hedduu barbaachisu (keessumaa seelii dhiigaa diimaa hojjachuuf) hedduu of keessatti qabata.
5. Pootaasiyeemii qaamni keenya hedduu barbaadu, sooratoota biroo hedduu caalaa kan qabudha.
6. Elementoota fi vaayitaaminoota biroo akka: Kaalsiyeemii, maangaaniis, koopperii fi vaayitamin B6 of keessaa qaba.
7. Keemikaalota qaama namaaf hedduu fayyadan polyphenols jedhaman kan akka qaamni keenya hin kulkulle (inflammation) ittisu hedduu of keessaa qaba.
Walumaa galatti, tamiiriin hangi isaa giddu galeessa ta'e tokkichi, kanneen armaangadii kana of keessaa qaba:
โ–  Anniisaa: 20 (kcal)
โ–  Cooma walii galaa: 0.03 grams
โ–  Karboohaayidiretii: 5.33 g
โ–  Faayiberii: 0.6 g
โ–  Pirootina: 0.17 g
โ–  Vaayitaamin B6: 0.012 mg
โ–  Ayireenii: 0.07 mg
โ–  Maagniisiyeemii: 3 mg
โ–  Pootaasiyeemii: 47 mg
Tamiiriin qabiyyee sukkaaraa hedduu of keessaa kan qabuudha. Kun ammoo namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban yoo baayโ€™isanii nyaatan sukkaaraa qaama isaanii keessaa toโ€™annaa alatti olkaasuu waan dandaโ€™uuf, tamiirii yoo kan nyaatan taโ€™e xiqqeessanii nyaachuun diraqama.
Fayyaan Faaya
Dr. Gurmeessaa

No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

How to Bypass Windows 10/11 (for Dell Computers)

๐Ÿ”’ Windows 11 Password Reset (Dell Computer) ๐Ÿ”ต Before You Start: A bootable Windows 11 USB is ready. Insert USB into Dell PC...

popular posts