3/08/2024

Faanbuto fi Faanqolo

#Ilaamee

Faanbuto fi Faanqolo

๐Ÿฆ..
Faanqolo faanni lafa hin qabatu, afaanni wal hin qabatu. Dhara dharuu, shira xaxuu tti oolti. Faanbuto immoo suuta, bitimaa alaa haxaaraa oobdii haraa oolti. Dhirsi Faanqoloo shira hin beeku. Goronjoo (bishingaa) boqqolloo keessa facaasee kuntaala 3 galfate, niitiin 2 qofa isaan jette.
Kuntaala tokko as baaftee karra-dura keesse, gurgurachuuf. Kan eenyuuti? dhirsi jennaan, Faanbuto tu gortee as kaawatte, harree fideen fudha, jette, dhirsaan jette. Tole, jedhe.
Bubbullaan, dhirsi Faanqoloo deemee, dhirsa Faanbutootiin, goronjoo kuntaala tokko maaf nu biratti gattani, midhaan quuftani moo? warraan jedhe.
Goronjoo maalii? jette, Faanbuto.
Dhirsi Faanbutoo niiitii ofiitti aaree tu, utuu hin hubatin, mucayyo, maaf goronjoo gandaan dhaqxe, eessa geessuuf? jedhee ishee dhaanuu....Faanbuto waan hin gooneefi hin beeknetti dhaanamtee baddee warra galuu...
Dhirsi bahee warra Faanbutoo araara dhaquu...warri soddaa, intalli keenya hattuu miti jechuu...soddaa loluu....kakadhu ykn fujaa taataa, baafnee si gannaa, waraabessat' si nyaata, nu busheessite, isheetiin jennaan, Faanbuto sibiila ciniintee kakachuu...
Jennaan,
Dhirsi Faanbutoo aaree waara galee dhirsa Faanqoloo mataa addaan dhoosuu... Dhirsi Faanqoloo shira niitii ofii baree dhahee mataarraa gatuu ...
Yo jennu yoos, dubbiin akka dhabdee, wal wal jala labdee, akka qalma halkanii,
Jennaan,
Faanqolo, an gootaraa miti, dubbii garaatti hin baadhu! namaan jetti.
Faanbuto immoo, waan argan hundaa hin dubbatan, jetti boolli qayyaa, jettin siin jedhe.
Garaan haadhaa burree dha, gumbii dhas, waama itti naqan baata, jette.
Saniin addaan gorre, hoodhi, karaaf' halagaat' addaan nama baasa, jennaan, karaaf' garaat' addaan nama baasa jette...

Madda: Abba Ebba


No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame Madda suuraa, Olaanii Ita'aa Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oro...

popular posts