1/31/2024

Af-walaloo sirba durii

Weedduu Jaalalaa Qeerroofi Qarree Durii

(Baaccuufi Gammachuu) akka namfakkiitti.
...
GAMMACHUU
"Ani hinaamu Sambataani
Muka haamtuu kootu cabee
Ani hintaa'u nan badaani
Ergan Baaccuukoo dhabee
Adaamittan aara aarsaa
Jawween baargamaa baroodde
Balalii akka Waaqa caamsaa
Xanneen jaalalaa na dhoofte
Gumarii manaa gadii
Tulluu Diimtuuttan galaa
Butamii manaa bayi
Lixa biiftuu galgalaa
Ashaakiltii muka soolee
Gowwaan mukaa xoqonuudhaa
Barbaachakeen laga oole
Akka kormaa bosonuudhaa!" jedha. Qarree naanna'ee weeddisa. Baaccuun hubboo butattee weeddisaa laga xoph jetti.
BAACCUU:
"Gammachuu bitaachakoo
Tiifuu keessa aramanii
Haammadhu cinaachakoo
Siifuu shan na dhaananii
.
Yoo mana ijaarratani
Yaa mana Dhaabii Suntee
Yoo nama jaallatani
Yaa magaal gaarii bultee?
Bishaan waraabbata buunee
Hubboon cabee laga teenyaa
Ijaan waljaalala quufnee ❤
Koottu karaa mana keenyaa!" jetti bishaan waraabde afaan hubboo bira dabarsitee gadi naqaa. Gammeen duruu laga oole. Ammammoo bira gaye.😁
GAMMACHUU.
"Manni keessan haajigu
Situ ijaarrata maleessaa
Warri keessan na jibbu
Situ na jaallata maleessa
Itichaan biilaa biddiiqaa
Oshoon darbuu biyya dhoowwee
Imimmaan dhiiraa giddiidha
Otoon arguun dhiiga boowe" jedhaan ededa bishaaniirra taa'ee.
BAACCUU:
"Kan laga yaa'u bishaanii
Kan bobookkisu dhagaadha
Kan narra yaa'u imimmaani
Kan na boochisu garaadha ðŸ˜Ĩ
.
Dabballee migira Taakkuu
Shimalli Roggee dammeessee
Takkallee na bira dhaaphu
Sumaafan onnee madeessee❣️" jettiin ija isaa keessa ilaaltee hanga quufuu dadhabdutti.
GAMMACHUU:
"Abbayyii karaa Waraabuu
Caboo buuna ganda adaadaa
Akkamiin garaa jabaatuu
Atoo garaa nama raaftaa? ðŸĪ” jedha
.
Osoman qotee qotee
Qamadii malee hinqotuu
Osoman obsee obsee
Balalii ijakee hinobsu" jedha. Haala kanaan qilleensi jaalalaa walakkaa isaaniitii bubbisaa turee ibidda jaalalaa qabsiisaa osoo jiruu Haati Baaccuu quqqufa'aa qarreedhaa gadi ba'an.
Barreessaa: Garasuu Irranaa

1/30/2024

 

Makmaaksa Saree

Saroonni durii kun makmaaksa hin galchitu. Kan ammaa dutuu sodaatti. Guyaa tokko sareen hannaaf ganda dhaqxe. Amala manatti ishee baretu gandaan dhaqe. Qe'ee adiyyoo argattee balbalaan seentee boroon baate. Waan manni qabu hunda to'atte. Hamma dandeessu nyaattee isa hafe balleessite. Waan garaanshee yaade hunda milkiin xumuruusheef gammaddus, dhumarratti waan hin eegiintu ishee mudate. Abbaa manaatu itti dhufe. Dafee cufaa balbalaa gadi deebise. Amma egaa lafa seenuu barbaadde. Laftis gadi ishee fudhachuu dide; waaqnis ol fudhachuu dide. Lamaanuu garaa itti jabaatan.

Balbalaa hanga diinqaatti manni babbadeera. Aannan gadi naqame. Qodaa danuutu caccabe. Mi'a manaa meeqatu fuunfatame. Walumaa galatti manni kabaja dhebe. Aariin abbaa manichaa ishee irratti boba'aa jira. Tu'us lubbuu baasee harka of xureessuu caalaa waan tokko murteesse. Waan isheen  bara jiraattu hunda ittiin saalfattu, godaannisa itti tolchuu yaade. Adabbii balleessaa ishee madaalu ta'uu baatus saroonni waarri hafan akka irraa barataniif jedhee eegee quum'ootti (ol-maxxansee) irraa kute. Sana booda ulaa banee gadi dhiise.

Eegee kutamuun fafa. Kanaa mannaa baatee gala dhabuu wayya ture. Garuu lubbuu oolfachuuf amma kotteenshee danda'e xaarteetti. Ximbiriirtee qe'ee baatetti deebite. Mana warrashee geenyaan gaaffiin itti baay'ate. Du'a ooluun waan tokko. Ta'us eegeen hin jiru. Hunduu waanuma eegeeshee raaja. Maaltu akka ishee mudate baruuf hundi gaaffii baay'ifnaan akkana jettee makmaate: 

"Anis hin hafne; Mannis hin hafne. Iddoodhaanin gahe; iddoodhumaan na gahani" jette jedhama.

What I mean is: "Kofal laughs at herself" 


Narrated by: Woluman Urgesa
Photo Credit: Generated by AI



1/29/2024

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (kutaa 2ffaa)

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (kutaa 2ffaa)

1. "Yaa Laalo sila naaf gootanii,
Harkaan qolataa ðŸĪšðŸĪš
Lukaan baqataa...!" 🏃‍♂️🏃‍♂️🏃‍♂️
jedhe Dammaqaa Lataa (Abbaa Muluu)
...
2. Isin isinuma!"🕚 jedhe Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa.
...
3. "Asis garagali; achis garagali; qe'eenoo kankeetii!" 😁 jedhe Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa.
.
4. ðŸĨŽ "Raafuu intala namaatuu nyaadheen galee, kaasi na duraa!"😁 jedhe Abbaan Mararaa (Abdiisaa Margaa)
.
5. "Ittuma siqi Wayyeessaa yaa kormakoo!" 🧙‍♂️ jedhe Abbaan Furgaasaa /Xuurii Qalbeessaa/
.
6. "Ilaa inni fardakoo nyaate isa kana!"ðŸĪ” jedhe Waaqumaa Gurmeessaa (Abbaa Lassee)
.
7. "Yaa gooftotakoo ishii kanammoo Abbaa Daaleetu isinitti dabale" 🧙‍♂️ jedhe Abbaan Furgaasaa/ Xuurii Qalbeessaa/
...
8. "Irroo yaa abbaa Xurunaa
Itti beekta durumaa!" 😐 jedhe Xurunaa Irreensoo (Abbaa Booraa)
...
9. "Irranaatu jedhemoo isa irranaatu jedhe?" jedhe Abbaan Mikkir.
.
10. 🐃 "Booqiteen omaa si finciluu didde mitii Abbaa Addunnaa?" Jedhe Dhiyanaa Dabalaa(Abbaa Cirrii)
.
11. "Omaa shish na hingoonee, buqqurii namatti qabi Gaddisee" jedhe Abbaan Addunnaa ( Itichaa Bifeessaa)
12. “Uffata akka abbaatti hodhu" ðŸĪ  jedhe Ulfaataa Hirphasaa (Abbaa Gaatoo)
.
13. "Durattoo wayiifii, ammammoo maaliifi?"😕 jedhe Abbaan Taliiloo (Tolawaaq Magarsaa)
.
14. Duruu nan tolchee reenfatti fokkoruu!" jedhe Alamuu Injiguu (Abbaa Tarrafaa)
.
15. "Sagal sagal dhugnee nu qaqqabi!" Jedhe Dabaree Miidhaksaa.
...
16. "Isa qabuun 'dhabe' hinjedhani; hiyyeessaan 'dadhabe' hinjedhani; ðŸĨš
qotee qabatee karra warra Abbaa Firaa, Firoomsaa duraa nama hindhabani; gooroo Laaloo taa'aniimmoo jecha hindhabani!"
Haadha Qophee/ Doshoo
.
17. "Eeguma Abbaa Booqee dideeyyuu, Waaqni hincaamu!" ðŸĪ  jedhe Shallamaa Tasammaa (Abbaa Ayyalaa)
18. “Baddeetta yaa gadhittii, saanikee Ulaa Lubbuu geesse!" 😁 jette Dasii Gurmeessaa (Haadha Boruu)
*******
19. "Hinwayyooftaa sila yaa Araarsaa!"😁 jette Kitaabee Dhiyanaa (Haadha Abbabaa)




Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (Kutaa 1ffaa)

Haasaa Maanguddoota Handaara Keenyaa (Kutaa 1ffaa)

1. “Caboon maquma kooti
Cabittiitu cabsa kooti
Kan cabittii naan jette
Iddoo torbatti cabi
Ogeessa torba dhaqi
Torbanuu manaa dhabi
Siin jedheera Abbaan Gabii!"😁😁😁
👉(Injiguu Badhaasaa /Abbaa Gabii❩
2.“Kottee sangaa diimaa
Kottee sangaa diimaa
Yaa Abdiisaa Margaa,
Qoteet namaaf dhiisa!"😁
Jette qamaleen yaa'a Saarfajjii🐒🐒
👉❨Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa❩
3. "Gaafa hiyyeessi hindaaqqoo bitate, amma ishii jalaa ajjeesutti Waaqni rafee hinbulu." 🐔ðŸĨšðŸĨš
👉❨Abarraa Ciibsaa)
4. ðŸĪ"Cuucii hindaaqqoo firfaarii biddeenaatiin guddatteefi ijoolleen barakaa bunaa mi'eeffatte,🙋‍♂️ gaafa keessummaan dhufe manaa nama baafti."😁😁
👉 (Abarraa Ciibsaa)
5. "Biddeen dhabaaf malee, itti-nyaata dhabaaf jedhee eenyutu mana namaatti galee beeka?“ðŸ•ī
👉 ❨Abarraa Ciibsaa❩
6. 🐕 "Sareen itti-nyaataan nyaattii kan akkatti kaattu!" 😕
👉❨Abarraa Ciibsaa❩
7. "Bunni intala namaa
Shiinum lama lama!" ☕️☕️
❨Abdiisaa Margaa/Abbaa Mararaa)
8. ðŸĪ “Labuuttan gala malee laguuttan gala na seetee!"😁
👉Waaqumaa Gurmeessaa/Abbaa Lassee
9. "Erga bokkaan caamee dondaa naaf fiddaa?“ 🏖 😕
👉 ❨Dassee Injiguu/Abbaa Boruu❩
10. " Boru sargii kootii, ani asiin ibidda qaqqaammadha!"ðŸĪ 
❨Hirphaa Injiguu/Abbaa Lassee❩





So funny

 What a meme?

popular posts