8/07/2023

Intalli maal jette?

Sirba Durbi naqatamte warra ishee ittiin garaa laaffifachuuf sirbitu
Yaa aayyoolee koo,
Laanni koo hingeenyee, Yaa aayyoolee koo,
na quufte malee,
ulee geeshee muruu,
maaf na laatta haadha koo, anoo beekee hinbuluu.
๐–ฃ” Yaa abbaayyee koo,yaa aayyolee koo,
Maaltu maal taโ€™ee, kan badii taโ€™ee,
Cabaawoo hintuffannee,
Darbaawoo hindubbanne,
Yaa ayyoolee koo iddoo ciisakoo
gumbii dhaabbadhuu
Cabaa irbaatakoo dilbii kaawwadhuu,
Dibaa mataakoo samaa kaawwadhu.
๐–ฃ”Yaa obbolee koo,
Gadi bahaati, gorbatti siiksaa,
Guyyaa kennaa koo torbeetti hiiksaa,
Gaafa torbee koo kurnootti hiiksaa
Gaafa kurnookoo malli funyoo koo...
**********
Awwaaree jalli awwaaraโ€™ee,
Abdiisaa situ ayyaanaโ€™e,
Kan mutaan lilma sii taโ€™e,
Kan mucaan ilma sii taโ€™e๐Ÿ™ˆ๐Ÿ˜€


No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Why Good People Turn Bad?

 Why Good People โ€œTurn Badโ€   ๐Ÿค” The Untold Truth Some of the kindest, most genuine people slowly become distant, sharp, or even cold. Itโ€™s ...

popular posts