6/15/2023

Fake Friends

 Amaloota Hiriyaa Sobaa 10n

1 Yeroo waa sirraa barbaadan qofa sitti haasawu,gaafa ati barbaaddu hin argaman gaafa ofiif si barbaadu malee !
2. Gaarummaa kee akka gowwummatti ilaalanii sitti fayyadamuu barbaadu,gaafa waan barbaadan sirraa dhaban, siin oodu,si cufu,amala sitti jijjiiratu!
3. Milkaa'ina keetitti hin gammadan,akka ati isaan dursitee milkooftu hin fedhan, ykn milkaa'ina isaanii sitti odeessanii akka sitti dhaga'amu godhu barbaadu !!
4. Yeroo hunda gad si qabu, bifa keetiin,amala kee qeequ,filannoo kee akka jibbitu si godhu,walumaa galatti akka gad aantummaan sitti dhagahamtu si godhu barbaadu !!
Isaan malee ati akka faayidaa hin qabne godhani si duuba waa'e kee namoota birootiif odeessu !!
5. Yeroo siif hin kennan, sin dhageeffatan,rakkoo isaanii akka dhageeffattu barbaadu,yeroo hunda Negative dha! Of jaalatu, amala isaanii hin beektu,ni jijjiiramu ,yeroo hunda sababa baayyisu,gaafa ati barbaaddu amala akkasiiti agarsiisu !!
Icitii kee sirraa baasu barbaadu,garu tan isaanii immoo siif himu hin fedhan !!
6. Si to'atuu barbaadu, waan uffachuu qabduu,nyaachuu qabduu, eenyuu waliin akka dubbachuu fi deemuu hin qabne sitti himu,yoo nama tokko jibban atis akka isaanitti nama san akka jibbitu barbaadan!
7. Akka ofiif fedhanitti si jijjiiruu barbaadu, fedhinnaa kee fi wanta jaalattu akka jibbitee kan isaan jaalatan san waliin jaalattu si godhu barbaadu !!
Karaa gaarii fi wanta si fayyadu akka hordoftu hin fedhan,karaa isaan jaalatan qofa akka ati hordoftu si godhu barbaadu !!
8. Jibbaa fi oduu sobaa facaasu waa'ee nama biraa..
Kana jechuun sirrattis akkanuma duuba kee deemanii waa'ee kan kee xureessani haasawuu barbaadu jechuudha!
Waan ati iccitiidhaan itti himte,si duuba deebi'anii nama biroof odeessu!
Dafanii sitti mufatu, dafanii ammaas deebi'e sitti araaramu !!
9. Yeroo hunda sin dorgomu,yoo ati wanta haarawa takka goote isaaniis ni godhu, yoo sin dorgomuu hin dandeenye wanta san akka jibbitu si godhu!
10. Siif waa baayyee akka ta'an,tola akka oolan sitti himu ykn si duuba odeessu!
Akka ati isaan malee nama biraa hiriyaa godhachuu hin dandeenye godhaniiti yaadu!

Source:Facebook


No comments:

Post a Comment

I need your suggestion

Oofan (Sirna boo'ichaa)

Oofan: Sirna boo'icha hawaasa Oromoo dhiichisaan dabaalame Madda suuraa, Olaanii Ita'aa Oofaniin aadaa sirna boo’ichaa giddugala Oro...

popular posts