Kitaabotafi suuraalee durii

MADDA SUURAA,

QEMENT NEGESH

Seenaa saba Oromoofi ummata Kuush duriifi dhokatan miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansuudhaan beekama. Kitaabota, suuraawwan, viidiyoo garaa garaa maxxansa.

Maqaa "Negash Qemant" jedhuun miidiyaa hawaasummaa keessumaa Facebook irratti beekama.

Ragaaleen seenaa sabaafi sab-lammootaa uummata Kuush namni kun maxxansu kaan godambaawwan ykn yuunivarsiitiwwan Itoophiyaa keessatti kan argaman miti namoonni jedhan jiru.

Namoonni 'Nagaash Qimaant' biyyoota guddatan keessatti hojjataa godambaa beekamaa wayii keessa hojjatuudha jedhanii kan fudhatanis jiru.

Ofii namni seenaa uummata Oromoo dhokate miidiyaa hawaasummaa irratti baasun beekamu kun eenyudha? Kitaabotafi barruuwwan seenaa durii biyya keessatti hin argamnellee akkamitti argata? kanneen jedhan adda baasuf BBCn nama maqaa kanaan beekamu waliin turtii taasiseera.

'Ani Qimaantidha, garuu akka Oromoottan of ilaala'

Nagaash Qimaant maqaa isaa isa sirrii akka hin taanefi maqaa qalamaa (pen name) akka ta'e dubbata.

"Baay'inaan maqaa kanaanin beekama. Caalmaatti nageenya koof jecha, akkasumas kitaabota durii bilisummaadhaan barbaaduf maqaadhuma kanaan waamamuun filadha," jedha.

Gama biraan ammoo seenaa dhugaa sirnoota darbaniin dhokatan gaafa ifa ta'u namoonni hin jaalanne jiru waan ta'eef maqaa isaa ibsuu akka hin barbaanne dubbata.

Nagaash Qimaant Finfinnee keessa waggoota 25 jiraateera, ammayyuu Finfinnee keessa jiraata. Barnoota isaa digrii isaa jalqabaa Seenaa barate. Sana booda gara hojii turizimiitti bobba'uun jireenya isaa idilee hojii turizimii godhate.

Kana biratti ammoo kitaaba dubbisuu, seenaa qorachuufi dhugaa saboota sirnoota darbaniin cunqurfamaa turanii dhokate soqee baasa.

Namoonni Nagaash akka nama ogeessa miidiyaa ykn ogeessa laayibrarii beekamaa keessa hojjatuutti ilaalu.

Kitaabota waggoota 100 ol dura barreeffaman, akkasumas bara Haayilasillaasee, fi Dargii fa'aa keessa barreeffaman heddufi suura-sagalee namoonni arganii ykn dhagahanii beekne baasa.

Kaan ammoo waggoota 20 ykn 30 dura barreeffamanii namni dagate fa'aa maxxansa.

Kitaabota seenaa, aadaa, diinagdee, gaazexaawwan, viidiyoowwan dookumeentarii fa'aa of keessaa qaba.

Luba Dafaa Jamoo

MADDA SUURAA,

NEGESH QEMENT

Ibsa waa'ee suur

Nagaash Qimaant seenaa dhugaa saba Oromoo dhokatee ture haa beeksisu malee ofii isaa sabaan Oromoo osoo hin taane Qimaantidha.

Saba Qimaantiifi Oromoo gidduu garaa garummaan baay'en akka hin jirre dubbata. kanaaf jecha waa'ee Oromoo barreessa. Inumaayyuu akka Oromoo tokkootti of lakkaa'a.

"Oromoon abbaa Kuushiiti malee ofii isaa Kuush miti. Nuti Oromoo xiqqeessinee saba tokkotti waan daangessineefi malee abbaa Kuushiiti," jedha.

"Qimaant ammoo Oromoof ilma qofa osoo hin taane Oromoo keessaa akka gosa tokko ta'ettan ilaala," jechuun Oromoofi saba Qimaant gidduu walitti dhiyeenyi guddaan akka jiru kaasa. Kanarraa ka'uunis waa'ee saba Oromoo seenaa dhokate akka baasu hima.

Akka inni jedhutti wantoota saba Oromoofi Qimaant wal fakkeessan sirni waaqeffannaafi Sirni Gadaa tokkoodha.

"Fakkeenyaf amantiin Qimaant durii 'Higa Libona' jedhama. Afaan Oromootin waaqeffannaa jechuudha. Sirni Gadaa Qimaant keessas jira, 'Sirna Barcuma' jedhama," jedha Nagaash.

Maqaa bakkeewwaniifi namaa illee ilaalchisee Qimaant keessa maqaan kan OromootiIn tokko ta'e hedduu jiraachuu hima.

"Fakkeenyaaf naannoo Gondar bakki Qimaantonni hedduu gabaaf itti wal-gahan 'Gabaa' jedhamu jira. Gabaan jecha Afaan Oromooti. Maqaa akaakayyuufi akaakilee Qimaant duubatti deemtee yoo lakkoofte maqaa Oromoo argita. Bulchaa, Caalaa, maqaa hedduu argita."

"Maqaa iddoo yoo fudhanne 'Ayiraa' Wallaggatti beekna. Garuu Gondar Qimaant keessa 'Ayiraan" jira. Gondar keessa [bakki] 'Amboo' jedhamu jira. 'Roobit' kan jedhamu jira. Matammaa keessa 'Leenca' iddoon jedhamu jira," jechuun tarreessa.

Nagaash Qimaant dhimma Oromoo irratti xiyyeeffatee seenaa dhokate baasun akka seenaa saba Qimaant ifa baasutti akka lakkaa'u dubbata.

Yeroo ammaa kana kitaabota qaalii ta'aniifi qarshii guddaan bitaman, kaan isaanii ammoo gabaarrattis ta'ee godambaa biyya keessaatti hin argamne 350 ol ta'an walitti qabee harkaa akka qabu hime.

Akka inni jedhutti qorattoonnifi beektonni Oromoo akkasumas mootummaan kitaabotaafi galmeewwan seenaa Oromoo barreeffamanii jiran barbaaduu irratti hanqina qaba.

"Kitaabota akkanaa nama dhuunfaa caalaa mootummaan osoo walitti qabee gaaridha. [Mootummaan] qabsoo siyaasaa gaggeessuu cinaattis qabsoon seenaa gaggeessuu jabeessuf kitaabota seenaa Oromoo irratti barreeffaman walitti qabuu qaba."

"Arabiffaanis kan barreeffaman asuma Afrikaa keessa, Yaman dabalatee jiru. [Kitaabota] akkasii namni dhuunfaa argachuuf rakkisaadha. Mootummaan bajata ramadee osoo barbaadee argachuu danda'a," jedha.

Kitaabota kana giddugala tokkotti walitti qabamee qorannoof akkasumas dhaloonni dhufu akka irraa baratu gochuu barbaada. Garuu, humna isaa akka hin qabneefi qaamni kitaabota kana seenaadhaaf giddu gala tokkotti walitti qabu yoo jiraate wajjin akka hojjatu ibse.

Obbo Olaanaa Tashoomaa Biiroo Aadafi Turizimii Oromiyaatti ogeessa aadaati. 'Nagaash Qimaant' akkuma nama kaanii miidiyaa hawaasummaa gubbaatti akka hordofaniifi inni hayyamamaa taaanan isa waliin hojjachuuf balballi biiroo isaanii banaa akka ta'e BBCtti himan.

"Tokkoffaa, wantoonni inni maxxansu arkaayivii giddu gala Aadaa Oromoos ta'ee muuziyeemii biyyaalessaa [keessa waan hin jirreef] nuuf haaraa ta'e. Lammaffaa ammoo yaada haaraa fide. Kanaan dura Afaan Oromoo barreessun Sheek Bakirii Saaphaloofi Dr. Hayilee Fidaa fa'aa wajjin wal-qabsiisaa turre."

"Garuu erga namni kun [Nagaash Qimaant] barreessuu eegalee Afaan Oromoo boca ammaa kana qabaachuu baatus bara 1935 fa'aa keessa laatiinidhaan barraa'uu isaa arguu jalqabne," jechuun hojii Nagaash dinqifatu Obbo Olaanaan.

Ragaalee durii kanneen argachuuf Nagaash maloota garaa garaatti fayyadama: "Yeroon Kitaabota dubbisu wabii isaa ilaalen intarneetii irra yeroo dheeraa fudhee barbaada."

"Viidiyoowwan duriis taanan fakkeenyaf, Faransaayitti waa'ee Itoophiyaa Yuutubii irratti fe'aman jedheen gaafadha," jechuun akkamitti akka ragaa durii argatu hima.

Ji'oota muraasa dura viidiyoo waggaa 42 dura lammiilen biyya alaa aadaa fuudhafi heeruma Oromoo irratti xiyyeeffachuun Matakal iddoo Walee Alaltuu jedhamutti viidiyoo waraabun dookumantarii hojjatame miidiyaa hawaasummaa irratti maxxansee ture.

Viidichi erga waraabamee waggaa hamma kana ta'uu BBCn hin mirkaneeffanne.

Viidiyoo cidhaa waggaa 42 dura hojjatame jedhame kana erga gadi lakkiseen booda haala misirroowwan sun lamaan amma irra jiran namni beeku yoo jiraatef jechuun miidiyaa irratti maxxanse.

Misiricha yeroo dargaggeessafi amma

MADDA SUURAA,

NEGESH QEMENT

Ibsa waa'ee suuraa

Ergasii booda namoonni qe'ee maatii sanaa deemun viidiyoo cidha isaanii waggoota heddu dura waraabame itti agarsiisan.

Misirroon gaafa sanaa amma manguddoo ta'anii dulloomaniiru. Haati warraa isaanii har'a lubbuun hin jiran, garuu waggoota heddu booda viidiyoo cidha isaanii arganii haadha warraa isaanii yaadatanii garaan isaanii gadde.

'Waggaa 100 dura Afaan Oromoo qubeedhaan barraa'uu eegale'

Afaan Oromoo bifa amma jiru kanaan qubeedhaan sirnaan caaseffamee barraa'uudhaan wal-qabatee gumaata guddaa isaan buusaniif namoonni addatti maqaan dhahamu Sheek Bakarii Saaphaloofi Dr. Hayilee Fidaati.

Haa ta'u garuu kitaabni qubee laatinitiin Afaan Oromootiin barraa'eefi dhiyeenya nami kuni fuula miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanse qubee Afaan Oromoo kan eegale Sheek Bakariifi Dr. Hayileedha kan jedhu gaaffii keessa waan galche fakkaata.

Kitaabni kun kan amantaa Kiristaanaa yoo ta'u mata dureen isaa "WANGELIUM NAGAA KAN G.K. JESUS KRISTOS" kan jedhuudha. Afaan biraa irraa gara Afaan Oromoottis akka hiikame fuul-duree kitaabichaa irratti barreeffameera.

Kitaaba waggaa 100 dura qubeen barreeffame

MADDA SUURAA,

NEGASH QEMENT

Ibsa waa'ee suuraa,

Kitaaba waggaa 100 dura qubeen barreeffame jedhame

Suura maxxanfame irraa akka mul'atutti qabiyyee isaa keessaa mata duree "Sagada Ganama fi Galgala" jedhu of keessaa qaba.

Sirni qubeessuu kitaabichaa akka qubee amma barreessinutti caas-luga eegee kan barreeffame ta'uu baatus qubeen kan barreeffameefi dubbifamuu danda'uudha.

Ogeessi aadaafi turizimii Obbo Olaanaan akka biirootti Nagaash kuusaa dookumentii guddaa akka qabufi galmeewwan seenaa Oromoo guddaa akka harkaa qabu akka mardiyachuu himan.

BBC'n waa'ee kitaaba waggaa 100 dura barraa'e jedhame addatti waan mirkaneeffate hin qabu.

'Namoota hedduu biraan gahuufin maxxansa'

Nagaash karaa miidiyaa hawaasummaa hojii rogeessummaa erga eegalee waggoota kudhanii ol lakkoofsiseera. Kanarraa ka'uun rogeeyyii Oromoo hedduun illee akka wal-beekuufi waliin hojjataa turan hima.

Rogeeyyin Oromoo seenaa saba Oromoo dhokate baranii ummata isaanii akka barsiisaniifis kitaabota dur barreeffamaniifi akka salphaatti gabaarratti hin argamne kennaafii akka tures hima.

Seenaawwan inni maxxansu gariin seenaa namoonni isa 'sirrii' jedhaniifi barreessitoonni biyya keessafi biyya alaa barreessan garuu ammoo sirnoota darbaniin dabalatee dhokfamanis ni jiru.

Itoophiyaa keessa waldhibdeewwan hawaasi yookiin sabi garagaraa irratti wal dhabu keessaa tokko seenaadha.

Dhiyeenya kana hongee Booranatti mudateef gargaarsa gochuuf jecha kitaaba lammiin biyya Boorana keessa waggoota hedduuf taa'un barreessee ture, "Aadaa Booranaa: A Dicttionary of Borana Culture" caal-baasiin gurguruun deeggarsa uummata Booranaaf galii gochuu barreessee ture.

Suura kitaaba Aadaa Booranaa

MADDA SUURAA,

NEGESH QEMENT

"Kitaaba kana waggaa sadii dura Dr. Ittaanaa Habtee kitaabni akkasii jiraa barbaadi naan jedhee barbaacha meeqan koppii jaha argadhee bite," jechuun koppii sadi nama mana kitaabaa qabu tokkotti gurgure.

Sana booda kitaabni kun Yuunivarsiitii Salaaleefi Yuunivarsiitii Wallaggaattii koppii tokko tokko manni kitaabaa sun akka gurgure hima Nagaash.

Kitaabota, suuraawwaniifi viidiyoo durii kanneen gabaarratti akka salphaatti hin argamne salphaatti maalif miidiyaa hawaasummaa gubbaatti baasa?

"Rakkoon guddaa arge seenaan Oromoo miidiyaa hawaasummaa gubbaatti hin barreeffamu. Namoonni Oromoo baratanis sababa garaa garaan kan osoo godhanuu hin argaman.

"Carraa guddaa miidiyaan hawaasumma nuuf kenneen dhaloota bira gahuun ni danda'ama. Waa'ee saba Oromoo ykn Kuush kitaaba yoon barreesse yoo baay'ate kuma lamaa hanga shaniin maxxansa," jechuun miidiyaa hawaasummaan namoota miliyeena bira gahuun akka danda'amu ibsa.

'Akkam bulte yaa biyya Kuush?'

Nagash yeroo hunda fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti "እንደምን አደርሽ የኩሽ ምድር?" (Akkam bulte yaa biyya Kuush?" jechuun Afaan Amaaraan barreesssa.

Yeroo akkas jedhee barreessu ammoo suurawwan sabaafi sab-lammoota uummata Kuush kanneen akka Oromoo, Agawu, Qimaant, Affaar, Somaalee, Sidaamafi kanneen biroo fayyadama.

Yeroo hedduu suuraa dubartoota wayyaa aadaatiin faayamanii ykn suuraa durii fayyadamuun barreessa.

Jecha kana fayyadamuuf kan isa kakaase sabaafi sab-lammoonni Itoophiyaa keessa jiraatan heddumminaan Kuush ta'uu isaanirraa kan ka'e ta'uu dubbata.

''Itoophiyaa maqaa jedhu Girikotatu nu warra gurraachota Kuushif kenne. Itoophiyaa jechuun 'fuula gubate' jechuudha,'' jechuun jecha Kuush filatuu hima.

Madda: https://www.bbc.com/afaanoromoo