"Sa'a adii korma dhaltu
Sitoo tuufoo haammatee
Maalan siif godha garuu
Sitoo suubboo jaalatee 
Baaqelaa hinliqeessinii
Suubboon nyaata jaalata
Waaqni isaa hinsifeessini!"
.
"Suubboo yaa monoffolii
Ibsaa looshaa boqorii
Jaarsa ijoolleef dhaadatu
Gobaan ittaa dhaabbatu
Jaarsa ijoolleef hokkolu
Gobaan isaa dhonqoruu"
jetti dubarri durii, gaafa intalli suubbootti heerumuuf kaatu.
Afoolli raajiidhuma!
Ref: https://www.facebook.com/share/p/vHKtDCSR4S8gHXLK/