7/26/2024

Ilaamee 🐦#72

(...maal yo roobee,
duruu in roobaa...
jetti durbi jalbultii sirbattu fagoo irraa. Waarii.
...Dirree naana'ii kommee
jetti, wal jalaa qabdee ...)
-...haadha bunee
-oo koo
-buna hin qabduu?
-qaba illeedhaa
gurgureen raada tokko bitadhe raashoo
-ihii raashoo
-raadattiin in badde, raashoo
-ihii raashoo
-barbaacha isheen kahee
an, waan barbaadu beekaa
nama hin beekne reebaa
-n jedhe, raashoo
-ihii, raashoo
-jiga yaa'u, ceeka muru
jila taa'u, seera tumu
-ittin dhufe, raashoo
-ihii, raashoo
-raada koo agartanii?
-jedhe, raashoo
-...tokko taahu, tuuta nyaatu
moo, tuuta taahu, tokko nyaatu
...-tti dhufuu wayya?
hibboo hiiki, yaadaan fiigi, jedhan, raashoo
-ihii, raashoo
-hibboo hiikee, darbee fiige, raashoo
-ihii, raashoo
-akkoon akaakyyuu
maqaan ishee Anjuu dha
sabi abjuu hin qabne
ofiyuu abjuu dha
yoom himtaree Anjuu
yoom hiiktaree abjuu?
...Anjuun jechaa,
-yaada qabee, raada dhabee darbee fiige, raashoo
-ihii, raashoo
-kolfaa gabaa naanna'ee
kora sabaatin ba'e, raashoo
-ihii, raashoo
-raada koo agartanii?
jedhe, raashoo
-ihii, raashoo
...-Akaakoo Tukkaalee
Guujii baanaa
Bonayyaa Sooloo
Boroo-aanaa (Booranaa)
Leenjisoo Diigaa
Sikkisaa, finna
...maaliin cabe, Sikko
maaliin dabe, Mando
jedha biyyii
nagaan ayyaana
ayaanni niyyii
maal jetta atii?
jedhan, raashoo
-ihii, raashoo
...kan biyyi cabe
waan sadiin
kan niyyi dabe
waan sidiin:
Daargee, gaangee, qaanqee
sidiin sidii hamaa
raada koo raada koo
raada koo naaf himaa
jedhe, raashoo
...nan fiige nan darbe, raashoo
-ihii, raashoo
-sidii yaa'u darbee,
sidii taa'u arge,
raashoo
-ihii, raashoo
...-korma mogolchanii
rimaa gatachanii
Sikkisa, Mandooyuu
dhiirri geeshoo tumaa
beerri faandoo gubaa
aannoleetiin qotuu
aannaniin dhiqatuu
...raada koo agartanii?
jedhe, raashoo
-ihii raashoo
...lubaan bulla,
jedhe, biyii
qubaan bulla
hin jenne, biyii
nagaan qaallu,
qaalluun niyyii
Sikkisa, Mandooyuu
kuun hayyuu, kuun wayyuu
raada kee hin agarree
darbii gaaffu tarree,
naan jedhan, raashoo
-ihii, raashoo
-nan, fiige, nan darbe, raashoo
-ihii, raashoo
...-ya maccaa, ya maccaa
ibsaa mataa gucaa
dhinsaa maqaa mucaa
boruu karra dhiyaa
boorrataa mandiyaa
raada ko hin agarree
kan gaanfi waaqa taraaru
kan maalli ishee lafa haruu
...ittiin jedhe, raashoo
-ihii, raashoo
-...raada kee hin agarree
ya qarree, ya qarree
gadaan bulla
jedhe, biyyii
baraan bulla
hin jenne, biyii
ayaanni nagaa
nagaan niyii
maal jetta atii?
...naan jennaan, raashoo
-ihii, raashoo
-yammuun Leeqaa ba'uu
Abbaa-Seenaa ga'uu
raashoo,
-ihii, raashoo
raada koon argadhe, raashoo
-haadhi hamma baalaa
jabbiin hamma gaalaa
raashoo
-ihii, raashoo
-haadha qomattin fudhe
jabbii duddattin fudhe
raashoo
-ihii, raashoo
-dhaltii faarsaa
waatii baabsaa:
...jiya sokkaa
ya jiya sokkaa
roobsi bokkaa --
bokki-bokkeen
nu guddisaa
wayaa furdaa
nutti huwisaa
galaanni akka hin guune
qurxummiin hin duune!
...maal yo roobee
duruu in roobaa
jetti durbi jalbultii sirbattu fagoo irraa
...aduu-boosoo
ya aduu-boosoo
aduun-boosoo ba'ee
bosoqi boba'ee
dannabi bobba'ee
ya dannaba-aabbaa
aannoleen darabaa
jabbiloon darrabbaa!
...jetti, raashoo
-ihii, raashoo
-yammuu warra geenyuu
dika gubbaa teenyuu
hantuuaf' adurree
hojiin Waaqaa burree...
tokko mata-qaboo
tokko dhiiga-kophoo
bal'aan taahee ilaalaa
kan iji kalaalaa
ilaalu hin arguu
qoolaa
facaasu hin marguu
oolaa
-...maal siif godhu?
jedhe, Waaqni,
isa ija tokkoo(n)...
-isa tokko jaamsi
ija obboleessa koo
isa tokko dhaamsi
ifa obboleessa koo
yoos,
-anis fokkoo!
innis fokkoo!
walqixxee muraa raafuu
bal'aan bal'aa hin hinaafuu!
...jedhe, raashoo
-ihii, raashoo
-afooleen in teessii
sirba midhaansitii
sirna wal dhaansitii
raadden wal gaansitii...
-raashoo
-maaltu duuche,
qabata, eela kanaa
maal tu adooche,
labata, reera kanaa?
sooriyoo bobbaasaa
horee hora obaasaa?
ayyaanni isaa Walla
naqaan isaa Salbaani
horri isaa Finfinnee
mataan surree qabaa
surriin fayyaa qabaa
ruufaa, huufaa, kabaa
umurii harraagessaa
fayyaa akka gadamsaa
ariyee waa qabaa
fiigee waa qaqqabaa?
okkolaa, oggolaa
suubboo dhiira golaa?
jetti, absaalli, raashoo
-...jamaan wareera mugaa
jaamaan areera dhugaa
shaayiin Anjuu dubbisaa
abjuun maree kuffisaa--
...-akkoon akaakayyuu
maqaan ishee Anjuu dha
sabi abjuu hin qabne
ofiiyyuu abjuu dha
yoom himtaree Anjuu
yoom hiiktaree abjuu?!
...jetti, shaayiin, Anjuun
walaa taatee abjuun,
raashoo
...-ihii raashoo
...-machii dha, michii dha,
machii jaalalaa ti,
michii, libaallibbii
rukuttaa afuuraa ti,
hojii ayyaanaa ti
waamicha lubbuu ti
wiinama cubbuu ti
yoom himtaree Anjuu
yoom hiiktaree abjuu?
shaayiin, jennaan, raashoo,
-ihii raashoo
...-yo lootii gurraa naa tumtu
yo loomii furmaa naa cirtu
yo filaan mataa naa filtu
yo firaan nagaa naaf himtu
yo jiyaan callee naa dirtu
yo gurdaa hiiktee na injirtu
Anjuun, jennaan, raashoo
-ihii raashoo
...-akkoon akkaa
gayaa tu akka-malee
rakkoon rakka
guyyaat' takka malee!
...yoomiree?
...lafa tu kirkiraa
samii tu girgiraa
'saa ilaallaa--
akka qaqaa harcaasu
akka awwaara kaasu
awwaala diigaasaa
gargar nu hiikaasaa
yo nu waliin kaannu
yo waliin kaachiifnu
...yoomiree
yo Karra Waaqaa naa bantuu
yoon jabbiloo yaasee bobbaasuu
yoon jiboota bishaan obaasuu
yoon galu, karaa karra kee
yoon qalu, mijuu warra kee?
...yo Guyye ulaa nuu dhuftuu
yo Ayyole uraa nuu cuftuu,
yo Ateete muddaa nuu furtuu
...gaafas nutti hiftaa, halaalaan
gaafas nutti himtaa, haalaan?
...jette, shaayiin, Anjuun
maraanmartoo abjuun--
raashoo
...-maal yo roobee
duruu in roobaa
...-dirree naannayii kommee
jetti durbi jalbultii sirbattu fagoorraa... amma, golollisa, lafa-barii.

Source: Abba Ebba



7/24/2024

Kitaabilee Afaan Oromoo (Hanga 2024)

Kitaabilee Afaan Oromoo(Hanga 2024)

●A

Alii Barkii - Isaayyaas Hordofaa
Anaan'yaa - Prof. Asafaa Tafarraa ( Abba Ebba )
Abjuukoo Hin Gurguru - Ebisa Bayissa
Aarsaa - Abiraaham Jaalataa
Abuuruu - Jaatanii Bonayyaa
A'aa - Abdiisaa Balaachoo
Anaa Fi Dinsirii - Abdiisaa Balaachoo
Amartii Imaanaa - Hambaasan Guddisaa
Abjuu Edaa - Kabbadaa Alamuu
Abbaa Hin Qabu - Kumaa Duulaa
Anaafi Isaan Gidduutti= Lammii Tarreessaa
Ate-Loon = Prof Asafaa Tafarraa
Alanfannaa Bishaanii - Nimoonaa Injiguu
Amala Namaaf Iccitii Jaalalaa - Qannoo Addisuu
Aadaa Oromoo Wallaggaa= Luba Dafaa Jamoo
Anaa Fi Ameerikaa - Ebisa Bayissa
Ashalamoo - Abdiisaa Turii
Afaan Qawwee Jalatti - Lammiii Beenyaa
Ayyaana Korroosoo - Abdiisaa Turii
Atis Ni Moota - Warqinaa Abarraa
Artiifi Aartistii Oromoo- Daadhii Galaan
Awwaala Jiraa - Calqabaa Guddataa
●B
Bishaan Gubate – Mahaammad Siraaj
Beekumtaa Oromoo - Filee Jaalataa (PHD)
Baduukoo Eenyutu Dhokse? - Ashannaafii Bahaaruu
Biiftuu Haqaa - Falmataa Kafanaa
Beekaa - Mushurraa Taganyi
Bilchina Miiraa - Dr. Iyoob Maammoo
Booree Booruu - Beekanii Taakkalaa
Biiftuu Diiramaa - Mangashaa Riqituu
Burreen Bifa Tokkoo Miti - Gaaddisaa Birruutiin
Bu'uuraalee Ogbarruu Oromoo - Fedhasaa Taaddasee
Booree Baroode - Cabsii Taliila Galaan
Biiftuu Barasaa - Shifaa Ibiraahim
Barbaadanii Of Argachuu - Diittaa Huseen Abdurrahiim
Bakka Yaadne - Warquu Guddinaa
Booree - Guddataa Hirphoo
Barnoota Oromiffaa: Seera Qajeelcha Afaanii - Toleeraa Tasammaa Fi Hundasaa Waaqwayyaa
Booree Booranaa - Abarraa Hambisaa
Barbadaa - Lalisaa Abbaa Garoo
Bakkalcha Barii - Safa Zeenu
●C
Cuunfaa Dhiigaa - Yeyis Biru Negero
Callisa Burqa - Tasfaayee Gabira'aab
Coqorsa Abdii - Galataa Tsaggaa Naggasaa
Cagaddii - Falmii Tc
Cancala - Birmadummaa Namee
Ciniinsuu - Lammii Girmaa
Cabaa Cabsan - Lalisee Mokonnon
Caba Cabaan Cabe - Galaanaa Faaris Adam
Cancala Seenaa - Tsahaay Kumsaa
Caba Cabaan Cabee Lafee Ta'e - Koricho Shufera Wari
●D
Dhaloota Mul'ataa - Kanenus Kasa Bayisa
Dhangaa Dhangala'e - Belina Wakjira
Dorrobaa - Mo'ibon Baqqalaa
Dhikkifannaa - Beekan Gulummaa
Dhaqdhaqii - Gammachiis Abarraa
Du'aa Jiraatu - Waadaa Bultii Caalii
Dubbisa Akeeka Ogummaa - Daawwitii Shifarraa
Dimiimmisa Kaleessaa - Abdiisaa Turii
Dirree Waraana Sadaffaa - Moonenus Hundarraa
Dirree Waraana Sammuu - Eebbisaa Baayisaa
Dhaloota Qaalii - Tolasaa B Hundee
Dhaaddacha Sobaa = Bilisummaa Shibbiruu
Dhangaa Dhiigaa - Dinqaa Tuujii
Dhaadannoo Moo Yaadannoo?- Diinayaas W Abeebee
Duula Baratanii Barsiisuu Dargaggoota Arsii Fi Seenaa - Abdiisaa Turii
Dhaloota Sodaa Cabse - Kedir Abdulatif
Dhidhiibbaa Caba Dabale - Lalisaa Indiris Adam
Dugda Duuba Waan Badee - Daawwitee Tamasgeen
Dhaamsa Abbaa - Gaaddisaa Birruu
Dhaamsa Dhumaa - Galaanaa Dheeressaa
Danaa........Asafaa Tafarraa
Dungoo Jireenyaa - Eebbisaa Baayisaa
Daandii Mo'attootaa - Eebbisaa Baayisaa
Dirmammuu.........Takilee Qinaaxxii
DHANGAA DHALOOTA QUBEE: Tumsa Haaromsa Seenaa Oromoo - Gazzahaany Lammii
Dhoksaa Jireenyaa.......... Abdii Fiixee
Dhundhuma Hin Dhumne...Abdiisaa Tibeessoo
Daaniyaa - WADO
Du'a Gurraacha - Yoomiyyuu Mul'ataa Kitil
Du'a Dhumaa - Bariinaan Jifaaraa Guutaa
Du'i Du'a Gootaa - Jaaloo Jaarraa
Duumessa Hin Roobin - Taaddanee Hirphaa
Duumessa Galgalaa - Oromiyaa Qaccee
Duub Deebii Seenaa - Gammachuu
Duudhaa - Maammoo Gadaa
Dukkana Barii Jalaa - Fedhasaa Taaddesee
Dhiiga Dhiigaaf Dhiige - Dammaqsaa Firoomsaa
Du'aaf Jireenya Gidduu - Lammii Beenyaa
Dilbii Afoola Oromoo - WATO
Dhangaa - Gabii Bunoo
Dhabsuu Seenaa - Geetaahun Hayiluu
Dorrobaa Maseene - Tigist Warquu
Du'a Dhumaa - Bariinaan Jifaaraa
Dammadaamuu - Hinseenee Makuriyaa
Deemsa Qocaa - Dargaggoota Shan
Dirqama Dhalootaa - Galataa Maammoo
●E
Egeree Oromoo Fi Humna Mo'ichaa - Ofiikoo Nugusee
Eenyu Siin Jedhu? - Injiner Lalisa Benti
Eelaa Imaltuu - Ama Nuu Ta
Eelaa Jireenyaa..........Baqqalaa Lataa
Eela........... Rahiimaa Jawwaar
Ekeraa Haramaayaa - Abraham Tesfaye Gudina
Eelaa Harmee - Oliyaad Cimdii
Ekeraa Dhugaa - Hundaa’ol Mokonnin
Edas Edanas - Prof Asafaa Tafarraa
Ekeraa Dimokiraasii - Dajanee Xaafaa
Ernistoo Cheguveeraa - Mangistuu Warqinaa
●F
Furtuu Gumaa - Tashoomaa Guuttataa
Faana Imaanaa - Walabummaa Dabalee
Firii Wareegamaa - Biqilaa Amanuu
Faana Of Dha'uu - Falmataa Taarraqany
Finfi - Prof Asafaa Tafarraa Fi Hiriyoota
Fedhii Gamtokkee ..... Gaaddisaa Birruu
Furgaasi - Ãangos Saamu'eel
Faaya Fayyaa - Dr Nafyad Getu
Faan Dhoofticha Gadoo - Hinseenee Makuraa
Faana Imaanaa....Walabummaa Dabalee
Firii Farraa - Muhaddiin Hasan Godaanaa
Fiigicha Miiltoo Dhabe - Kumee Mootii
Faaya Oromiyaa - Abdiisaa Guyyee
Faana Seerluga Afaan Oromoo - Taayyee Danda'aa Araddoo
●G
Galaa Qeerroo - Dargaggota Shan
Gaabbii Injifachuu - Yohaannis Warqinaa
Godaannisa Jilbaa - Gamtaa Zawudee
Gaaddisa Gurraacha - Amaan Guddataa
Guduunfaa Hin Hiikamne - Ayyaantuu Jaallataa Biilaa
Gatiin Namaa Meeqa? - Ebisa Bayissa
Gadoo Lakkuu - Gaarii Abbaa Booraa
Galaa Sammuu - Galataa Tsaggaa
Gaaffii - Hundumaa A Booji'aa
Galfata - Lalisaa Indiris Adam
Galaa Dhiigaa - Abraham Jaaalataa
Godaannisa.......... Dhaba Wayessa
Gurraacha Abbayaa - Dhaabaa Wayyeessaa
Gabrummaa Birmadummaa Fakkaattu - Mihratuu Shaanqoo
Guuboo Seenaa ......... Beekan Gulummaa
Gaachana Dhommoqe..... Beekan Gulummaa
Gindiillaa - Beekan Gulummaa
Gadaa Biqile - Isiraa'el Tamasgeen
Gundoo Booree - Maaramee Harqaa
Guca Qabsoo Oromoo- Yoomiyyuu Mul'ataa Kitil
Gaadii - Beenyaa Dhaabaa
Gadoo Lakkuu - Gaarii Mangashaa
Gatii Gumaa - Latii Caalii Likkaasaa
Gola Icciitii - Gammachuu Irreessoo
Garaacha Garaan Gube - Barnaan Jifaaraa
Galaa Jireenyaa - Hinseenee Makuraa
Gantuu - Dheeressaa Gannatii
Gadaa - Bokkuu Gadaa Dhaabbata Maxxansaa Fi Beekisisaa
Gaggeessummaa A To Z - Dr. Iyyoob Maammoo
Gara Jabeenya Abbootii Irree - Iddoosaa Margaa
Gaadidduu Gaaddisaa - Jabeessaa Galoo
Gammachiisaa - Waldaa Macaafa Qulqulluu Itiyoophiyaa
Galata Waaqayyoo - Dhaabbata Amantii
Gumbii Oduu - Luba Dafaa Jamoo
Gola Icciitii - Gammachuu Irreessoo
Ga'umsa Dhokataa Keessakee Jiru - Eebbisaa Baayisaa
Garagaltoo - Xiiqii Dajanee
Galaa Dooccoo - Dilgaasaa Dirribsaa
Galata Qeerroo- Ibsaa Ahmedsiraj
Giimii – Beekaan Gulummaa
Goolii Gurraacha - Toleeraa Fayisaa
●H
Hin Dhaqiin - Lammii Sobbooqaa Gurmuu
Harmee Harma Malee- Sisaay Bulbulaa
Hayyuutu Ragaa Bahe- Argannee Katamaa
Hirmii- Cabsii Taliilaa Galaan
Humna Muldhataa - Eebbisaa Baayisaa
Hubannaa - Maammoo Gadaa
Hiree Hiraarfamte - Sooran Nugusaa
Huursaa - Luba Dafaa Jamoo
Horooroo - Bitaacha Dhaabii (Gabree)
Hiree Jal'atte - Tolaa Urgii
Hayyuutu Bahe Ragaa - Argannee Katamaa
Humna Gaarummaa - Hinseenee Makuraa
Haalan Gaggaarii - Muhammad Saahil
Hiika Mo'ataa Guddicha - Guutuu Indaashoo
Hiree Dukkanoofte - Naa’ol Alamuu
Hiree Galgalaa - Hawwii Gonfaa
Huuruu Harree - Qannaa Wayyeessaa
Hawwii. .........Isaayyaas Hordofaa
Halluu Du'aa - Ebisa Bayissa
Handhuura Oromoo - Irranaa Gammachuu
Halluu Yaadaa - Tokkichoo Ifaa
Halkan Hamaa Sana - Warqinaa Shifarraa
Hirmaata Dubbii Afaan Oromoo- Dr.Hayilee Fidaa
Himata Dhidhime - Oliifan Fiqaaduu
Haqa Miliqe - Angaatuu Caalaa
●I
Imala - Galataa Salbaanee
Itti Jabaadhu - Shumi Abera Gemechu
Ija Banaa - Iliyaas Abdallaa
Ichima Jaalalaa= Rabbirraa Getaachoo
Ilkee Miliqe - Keenboon Abrahaam
Isa-Nahafee - Leencoo Lataa
Ishrak - Temesgen Atnafu
IHIM - Oroliyana Daniel
Ilaalcha Oromoo - Dirribii Daamusee
Imimmaan Haadhaa.......... Toleeraa Fiqiruu
Imaanaa Imaltuu........ Abraahaam Tasfaayee
Iccitii Geggeessummaa - Mihratuu Shaanqoo
Ija Nan Bu'iin - Kanaa'ol Badhaadhaa
Irreecha Harsadii - Caalaa Soorii
Imala Jireenyaa - Gaasharee Abdiisaa
Ilkee Arrabaa - Yeyis Biru Negero
Imaanaa Jireenyaa - Yeroosan Shallamaa
Ijoo - Wandimmuu Mul'ataa
Ilaalcha Dhalootaa - Abdiisaa Ejjetaa
Ida'amuu - Dr Abiy Ahimad
Ijibbaata - Yaasoo Kabbabaa
Innika - Baqqalaa Nadhii Fi Gannatii Gurmeessaa
Ichima - Dhaabaa Wayyeessaa
Ilaalcha - Dr. Iyyoob Maammoo
Itti Fayyadama Yeroo - Dr Iyyoob Maammoo
Imalli Keenya Eessa? - Abdii Abbabaa
Ilillii Ededarraa - Urjii Lammii
Ifaajee Cubbuu - Isaa huseen
Irbuu Obboroo - Kumaa Margaa
Iccitii Gadaa - Mohammed Kadir
Imimmaan Oshiwitzi - Hinseenee Makuriyaa
Imimmaan Haadhaa - Eebbaa Qananii
Imimmaan Mararoo - Tokkummaa Caalaa
Imimmaan Jiituu Yoom Qoora? - Didhaa Tolaa
Ilma Abbaa Fakkaatu - Dajanee Kiisii
Ija Xaraa - Dabalaa Damee
Ifa Ija dhokate - Abdulqaadir Mohaammad
●J
Jaalala Summaa'e - Qananii Sobbooqaa
Jechamoota Afaan Oromoo Fi Hiikota Isaanii - Nagaash Hirphaa
Joortuu Jaarraa - Ibsaa Asheetuu Dagaa
Jaarraa Jaaraa - Abdii Qajeelaa
Ji’a Dukkanaa - Daandii Guutamaa
JAARRAA:Seenaa Haaromsa Booranaa - Jaatanii Diidaa
Jabala Jaalalaa............ Wasanee Bashaa
Jinnii Nyaaraa.........Ayyaanaa Mul’ataa
Joora Saafaa Keessaa - Firaa'ol fiqruu
Jaarsummaa Gaabbii - Saamu'eel Gebroomsaa
Jireenya Gamtaa Sabaa - Jaallataa Jaafaroo
Jalqaba Barsiisaa - Oneesimos Nasiib
●K
Kulkulfata - Aaron Waggaarii
Kottaa Kolfaa - Eebbisaa Baayisaa
Karraaf Karaa Keenya - Seefuu Amanuu
Kooba Dubbii - Mohaammad Ahimed
Karaa Hundumaa Guddachuu - Dr Iyyoob Maammoo
Kulkula - Qannoo Birhaanuu
Kolfeen Aarsa - Falmataa Taarraqany
Kudhaama - Feenet Girmaa Waaqtolaa
Kooticha Kota’ame.......Beekan Gulummaa
Kuusaa Gadoo.......Gaaddisaa Birruu
Kan koo Anaaf ---- Diinayaas Warquu
Kudhaama Jaalalaa - Abraaham Tasfaayee
Kudhaama Seenaa - Leellisaa Sayid
Kormammuu - Darara Nurgi
Kitaaba Leenjii Konkolaachisummaa - Darajjee Dassaaleny
Kunoo Kun Maali? - Lammii Bayii
Kililicha Samii - Guutuu Indaashoo
Kaayyoo Koo Gatee Hin Galu - Eebbisaa Baayisaa
●L
Lubbuu Du'aa Kaate - Raajan Waggaarii
Loltuu Haqaa - Gemechu Girma
Lammii Lammii Dhabe - Abdi E. Ayana
Leenca Oromoo (H/Aaddam Saaddoo - Amaan Nashaa Huseen
Liiban Liibiyaa Taate(Yaadannoo Jaallewwanii)- Daadhii Galaan
Loojikii - Dassee Alamaayyoo
Lookoo Jaalalaa.......Beekan Gulummaa
Lambaa Haguugame - Abdulhaalim Arabuu
●M
Mootichaa Fi Gooticha - Abdulhalim Arabuu
Mucucii Dhaabbii Dhabe - Caaltuu Basha'aa Maallima - Beekan Sarbeessaa
Madaala Sammuu - Boonsamoo Mi'eessoo
Maaddii - Eebbisaa Baayisaa
Michuu Tisiisaa - Arsii Gaafa Lolaa
Madaa Madaa Suphe...Gammachiis Alamuu
Miiltoo Jijjiiramaaf - Eebbisaa Baayisaa
Miila Hin Shokoksine - Yaasoo Kabbabaa
Mul'atan Qaba - Baqqalaa Garbaa
Miila Kaayyoo - Leta K. Aga
Maal Kolfa Dhaloonni?-- Lataa Qana'ii
Maraannee Ilaalluu Laata? - Amaanu'eel Waaqturaa Moosisaa
Madaa Ciqilee - Isra’eel Habtaamuu
Madaa Mogolee - Fiixabaas Habroo
Maaltu Ta'uufi? - Daanyee Asaffaa
Masaanuu - Oliifan Fiqaaduu
Mil'uu Uumaa - Qannoo Biraanuu
Marii Gadaa - Mo'ibul Biluu Qawwee
Mallattoo Malaanmalfame- Fufaa Shittaayee
Maltee Hawwaasa Golgaa Duubaa - Guutuu Indaashoo
Moo'amee hin galu - Diittaa Huseen Abdurrahiim
Maal Ta'inna Laata - Mararaa Tafarii
Mirriga Oromoo Harargee - BATO
Maaddii - Eebbisaa Baayisaa
Madaa hin fayyine - Abdurrahamaan Abduramaan Huseen
Mammaaksa Keenya - Asiraat Damisee
Mammaaksa Oromoo Jiildii 1ffaa - Biiroo Aadaa Fi Beeksisa Oromiyaa
Miiltoo - Eebbisaa Baayisaa
Maal Kolfa Dhaloonni - Lataa Qana'ii
Maraatummaa Aduu Gadii- Gammee Darajjee
Madaa Onnee - Lammii Guchii Hirphoo
Mucucuu - Cabsii Taliilaa Galaan
Mirga Ajjeesuu - Jaankoo (Waaqoo Getaachoo)
●N
Nafa Naafate - Riyaad Raayyaa
Nan gammada - Ximqataa Kumarraa
Numalee(Aangoo Sanyiin Dhaalamte)- Daadhii Galaan
Namooma - Galaanaa Alamuu
Naatoo - Ofii Koo Abbaa Joobir
Nan Ganin Sin Ganuu - Firaa'ol
Numaaniyaa - Fedhasaa Taaddasaa
Namummaa........WBO (Waldaa Barreessitoota Oromoo)
●O
Of Ilaalee - Oliifan Darajjee
Obbo Joobir - Firaa'ol Fiqruu
Oolmaa - Haacaaluu Dhugaasaa Fi Diinayaas Warquu
Obonboleettii - Dr. Zalaalam Abarraa
Of Keessa Hin Badiin - Kumaa Margaa
Oromummaa Fi Islaamummaa - Ustaaz Gaalii Abbaa Boor
●Q
Qaallicha Gaafadhu - Lalisaa Indiris Adam
Qilillee. ...... Lalikaa Kuush (Burtukaan)
Qaanqattii - Galataa Tamasguu
Qara Eeboo......... Wasanee Bashaa
Qaroo Qeerroo - Gammachiis Burqaa
Qaroo Dhiiga Boosse - Mootii Mootummaa
Qabsoo Uummata Oromoo Eessaa Ka’ee Garamitti - Abbaa Duulaa Gammadaa
Qaanqee Qabsoo Oromoo - Yaassiin Mohammadi Fi Mohammad Ismaa'il
Qawwee Aartii Keessaa - Amaan Nyafaroo
Qimmiiddaa - Ifargan Guddataa Itichaa
Qaalii - Obsii Filee Fi Baqqalaa Lataa
Qooqa Miiraa - Raga Isayaa
Qooda Seenaa - Miilkoo Dabalee
Qarriiffaa Wal Nyaate - Sooressaa Hundarraa
Qaraa - Wasanee Bashaa
Qoraa Sammuu - Wasanee Bashaa
Qormaata Jaalalaa - Eebbisaa Baay'isaatiin
Qaxxisa Qabsoo - Loltuu Akka Kanniisaa
Qoricha Maraatuu - Magarsaa Qana'aa
Qorsa Sammuu - Wabayyaa Galaan
Qabsoon Oromoo Eessaa Garam - Tulluu Goolee
Qalbii - Mirreessa Amanuu
Qorii Qorsaa - Wasanee Bashaa
Qorlugaa Fi Seerluga Afaan Oromoo - Wasanee Bashaa
Qaroo Qaarite - Fiqaaduu tasammaa
Qoraasuma Qorii - Oromoo Higgii
Qajeelcha Afaan Oromoo - Baqqalaa Mul'ataa
Qubee Afaan Oromoo - Dr. Sabbatoo Bushaa
Qubee Harmee - Nuredin Ibrahim
Qeerransa Kaampaasii- Gurmuun GAHAO
Qara Dhugaa- Baayisaa Bulbulaa
Qonyonyaa Hooqame - Lammeessaa Gachiisaa
●R
Rirriittaa - Hawwii Gonfaa
Raajii Baraa -Nimoonaa Kabbadaa
Riqicha - Jaarraa Bultii
Rakkinni Haa Rakkatu - Abdiisaa Ejjetaa
●S
Sabbata Harmee - Daliil Mahaammad Guddataa
Safuudha - Aga Guda NL
Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16 Ffaa Getaachoo Hayilee, Tasammaa Ta'aa Fi Kan Biroo
Seenaa Abdiisaa Aagaa - Abrahaam Eebbisaa
Sansakkaa Sakaalame - Abdiisaa Ejjataa
Siyaasa Oromoo - Mohaammad Alii
Sussuka Adoolessaa - Malkaamuu Taarikuu
Seenaa Oromoo - Obbo Darribii Damussee
Safuu Oromoo - Dr. Firaa’ol Taammiruu
Suuraa Abdii.......... Kumsa Burayu
Singiggoo - Abraaham Tasfaayee
Shira - Yaasoo Kabbabaa Hordofaa
Siif Galeeraa? - Mihratuu Shaanqoo
Seexaafi Seenaa......... Tafarii Nugusee
Seexaa Fi Seenaa - Guddataa Magarsaa
Seenaa Qabsoo Oromootaa - Mohaamed
Seenaafi Aadaa Oromoo- Fiixee Birrii
Seenaa Gootota Oromoo Fi Kaan - Shallamaa Kabbee
Siidaa Fi Asoogawwan Biroo - Moti Abelti Tufa
Siidaa Kaadhimamtootaa - Muhaammad Nuuraatiin
Simboo Jireenyaa = Moonaa Fiqaaduu Abarraa
Sookoo Jaalalaa...... Badhaasaa Gabbisaa
Seeramoo Seenaa Sodaannu? - Waadaa Bultii Caalii
Seenaa Qabsoo Oromoo Walloo Fi Oromoota Kaaba Itiyoophiyaa - Amanuu Taakkalaa Fi Feizaah Ahimeed
Siifan - Yaasoo Kabbabaa
Summii Nadhii Nyaate - Amarsan T Atoomsaa
Siyaasa Diingdee Itoophiyaa - Addisuu Bullaallaa
Seerluuga Afaan Oromoo - Dr. Abdusamad Mohaammad
Siyaasa Oromoo Tuulamaa - Geetaachoo Hayilee
Seenaa Dhugaaf Barreeffama Loogii - Taabor Waamii
Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaa - Alamaayyoo Hayilee, Tasammaa Ta'aa Fi...
Seenaa Shanan Gibee - Ustaaz Gali Ababor
Siyaasa Oromoo - Mohaammad Alii
Seenaa Abiishee Garbaa - Ginbaar Nagaraa Kumsaa
Seenaa Gootota Shanan Gibee - Nabaanii Shaafii Said
Seenicha Sukkanneessaa Barri Dhokse - Walde Yohaannis Warqinaa Fi Gammachuu Malkaa
Sabboonummaa - Shallamaa Kabbee
Sirna Gadaa Oromoo Arsii (Sikkoo Mandoo) - Seeyfuu Kadir
Seenaa Maarti Luuter Kiingi Xiqqicha - Baqqalaa Garbaa
Seera Afaan Oromoo - Dr. Xilaahuun Gamtaa
Saaqaa-Seer-Luuga Afaan Oromoo - Wasanee Baashaa
Sunsumaaf Geerarsa Oromoo -Xajjituu Taganee
Seenaa Qabsoo Oromootaa.... Mohammed Sayid
Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 20ffaa - Getaachoo Hayilee
Siimagan - Hinseenee Makuraa
Seenaa Oneesimos Nasiib - Luba Tasgaraa Hirphoo
Sossobbii - Siinan Huseen
Seenaa Rirmi Hin Nyaatu - Daani'eel Hambisaa
Safuu Kiyyeeffame -Muhaddiin Hasan Godaanaa
Shakkinee Gaafanne - Mohaammed Girboo
Siidaa Imimmaanii - Ibsaa Ahimadsiraaj
Suphee Suphaa Bade - Akimel Abdu
Si Argeen - Abdi GA Chali
Situ Jaare - Shamil N Mohammed
Seenaa Oromoo Fi Farda - Gammachuu Maaramee
Siiqqee Fi Siillee - Gamtaa Zawudee
Sansakkaa Nama Kaayyoo - Eebbaa Qananii
Seenaa Sirna Gadaa Oromoo Maccaa Hanga Jaarraa 16ffaa - ATO
Sirna Gadaa Oromoo Tuulamaa - ATO
Seenaa Qabsoo Uummata Oromoo Baalee Fi Ollaa Isaa - Huseen Indheessaa
Seenaa Hundeeffama Oromoo - Prof Tasammaa Taa'aa
Sindararuu - Abdii Alkaadir Sayid
Sammuu - Milkumaa Destaa
Sorsa - Dilgaasaa Dirribsaa
Siifileen - Boonaa Abarraa
●T
Tokkummaa - Dr. Taakkalaa Oljiraa
Tsigeeradaa - Isaayyaas Hordofaa
●U
Utubaa Dachee - Iyyaasuu Tarrafaa Fayyisaa
Ulfan Qaba - Abdiisaa Guuttataa
Uummataa -Tamasgeen Gammadaa
Utubaa Hin Utubamne - Mooneet Badhaasaa
Uummataaf Dimookiraasii- Dastaa Dinqaa
Ujummoo Diriirsuumoo Baaldii Baachuu - Fedhasaa Taaddasee
Ulfa Ulfaate - Yeroosaan Haadha Xiiqii
Ulfa Jilbaa - Guutaa Bahaaruu Yaadatee
●W
Waa'ee Keenya - Gazzee Tolasaa
Wulwullee - Ahimad Zinaab Abbaa Garoo
Wal Maleen Qofaadha - Ibsaa Lammii Galataa
Waa Waatu Dhibe - Ayyaantuu Gabbisaa
Waadaa - Dastaa Dassaaleny
Waaree Waarii - Gaaddisaa Shifarraa
Waatu Waatu Jira - Ayyaantuu Gabbisaa
Weedduu Seenaa - Ximqataa Kumarraa
Wadaroo Miixuu = Dagaagaa Zarihuun
Waldhaansoo - Lachiisaa Miidhaksaa ( Elema B Gudata )
Waldhaansoo Gotoota Fi Warraaqa
Waa Dinqii - Alamayyoo Qubee
Weedduu Jaalalaa - Asteer Gannoo Salbaan
Waadaa Gadameessaa - Caalaa Warquu Fi Akliluu Ayyalaa
Waliif Moo Walirratti - Fufaa Shittaayee
●X
Xalayaa Jaalalaa....... Wasanee Bashaa
Xiyya Xiyyoon Cabe - Magartuu Yaaddessaa
Xurree Xureeffame - Humnasaa Aabbee
Xiifoo - Dhugabaas Badiruu
Xurree Qaroominaa - Galataa Tsaggaa
●Y
Yoomi Laata?.... Isaayyaas Hordofaa
Yoomilan - Amaanu'eel Balaay
Yeroon Siif Haa Dhiistu - Isaayyaas Hordofaa
Yaadanii....... Bantii Oliiqaa
Yaadii Duroomi - Tamasgeen Axinaafuu
Yaboo Yeellofte - Gosaa Turaa
Yaada Guddaa - Shumi Abera Gemechu
Yaadannoo Guyyuu Haannaa - Tamsageen Axnaafuu
Yoo Nagaroon Jiraate - Afrikaa Kabbadaa
●የ
የኦሮሞ ህዝብ ታሪክ = Dr Nagaasoo Gidaadaa
●A (English)
A Shot Guide To The Oromoo Language = Qajeelaa Mardaasaa
Kan barreesse anuma!
Kan tartiiba Qubeetiin sirreesse Kaanenus kaasaati!
Kan hafe itti dabalaa!

Madda: Fuul-barruu Alex Taye



So funny

 What a meme?

popular posts